Teknooloojii: Immoojiiwwan afaan addunyaa turjumaana hin barbaanne tahaa jiruu?

Madda suuraa, O'Plerou
😊 Immoojii kana yoon sinitti erge ‘maaltu si kofalchiisa?’ naan jechuu dandeessu?
😫 Isheen kanaan muguu koo ittiin himachuu danda’a?
😱 Wayyoo, ani bade, ee badne faa jechuu danda’a?
Haatahu malee, imoojiiwwan kunneen haasaa keessan gidduutti fayyadamuurra dabartanii hima ijaartanii barreessitanii beektuu?
Bara 2018 taphataan teenisii tokkoffaa Biriiteen, Andii Mariiy gaafa guyyaa cidha isaa miira itti dhagahame jecha tokkollee otoo hin fayyadamiin, immoojidhaan Tiwiitarii irratti barreessee addunyaa dinqisiisee ture.
Qophii cidhaa hanga imala Waldaatti godhamu, amartii, sirna suuraa ka’uu, jila, dhugaatii, jaalalaa fi hirriba kaaniis… ergaan Mariiy imoojiidhaan barreeffame kuni afaan haaraa uumamaa jiraachuu waan akeeke fakkaata.
Namoonni immoojii ishee ‘seeqxu’ kalaqan Viiviyaan Ivaans fa’i immoojiin ‘afaan addunyaan ittiin waliigaluu danda’udha’ jedhu.
Keetii Birooniin ogeettii xiinsammuu daldalaa yoo taaatu bara 2017'tti dhaabbata hojii turjumaanaa tokko keessatti immoojiiwwan hiikuudhaaf qacaramte.
Immoojiiwwan afaan namni addunyaa hundi ittiin waliigalu taanaan maaliif turjumaana dhaabuun barbaachiseree?
Birooniin akka jettutti si’ana sinsinnii tahee namuu imoojjiitti haa fayyadamu malee, immoojiiwwan ‘afaan addunyaa’ tahuu hin danda’an, inumaa afaan sirrii jedhamuus hin danda’an.
Haa tahu malee dubbii keessattii afaan tokkoof akka dabalataatti gargaaruu danda’u.
Immoojiiwwan yeroo ergaa gabaabaa barreessinu itti fayyadamnu akkuma yeroo qaamaan namatti haasofnuu faarri fuula keenyaa, geggeeddaramuu miiraa ittiin ibsachuuf nu gargaara.

Madda suuraa, Getty Images
Takka takkaa ergaa gabaabaa keenya keessatti immoojii yoo itti hin makne namni barreesse miira gaarii hin taaneen, yookiin akka ajajaattii kan nutti dubbatefaa fakkaachuu mala.
Tahus kana hambisuuf immoojii fayyadamuun rakkoo mataasaa qabaachuu mala.
Hundi keenya bilbila keenya keessaa immoojii wal-fakkaataa qabaannus yeroo fayyadamnu waan jechuu barbaannu garuu aadaa, afaan fi umrii irratti hundaa’uun gargar tahuu mala.
Quba abgudduu agarsiisuun aadaa warra lixaa keessaa ‘waa sirrii dha’ yookiin ‘mirkana’ jechuuf fayyadus Giriikii fi biyyoota Baha Gidduugalaatti arrabsoo dha.
Immoojiin malaa’ikaa akka aadaa warra lixaatti ‘gara-laafummaa’ agarsiisuuf oolu, Chaayinaatti mallattoo du’aafi sodaatti fudhatama.
Immoojiin harka walitti rukuttu ‘baga gammadde’ agarsiistu Chaayinaatti mallattoo wal-qunnamtii saalaa raawwachuuti, sababiinsaas sagalee ‘phaah, phaah, phaah’ jedhu qabuu waan uumuufi jedhama.
Qorannoo bara 2017 taasifameen yeroo Ramadaan Musliimonni miira isaanii ibsachuuf immoojii attamii fayyadamu kan jedhu prismoji.com dhaan immoojiin afaan addunyaa tahuu akka hin dandeenye agarsiistuudha jedhameera.
Ergaa gabaabaa Twitter irratti barreeffameen namoonni Afaan Ingiliizii, Jarmanii, Ispaanish fi Tarkiish dubbatan; immoojii onnee halluu diimaa qabdu yoo fayyadaman, warri afaan Arabaa, Urduu fi Faarsii dubbatan immoojii ji’aa damboobdee jirtu fayyadamaniiru.
Immoojiin harkaa galatoomi jechuuf baay’inaan fayyadamnu afaanota kunneeniin immoojiiwwan lameen caalaa faayidaarra ooleera.
Haa tahu malee afaan Arabaa warri dubbatan sadarkaa sagalaffaarratti fayyadamanii, afaan Urduu keessatti cirumaa hin jiru.
Aadaa Musliimaa keessatti barruu ofii walitti qadaaduun kadhannaa Waaqaa ibsuuf hin fayyadu taha. Aadaa warra lixaa keessattii faayidaa amantii baayyee qaba. Jaappaanitti waan amantiif otoo hin taane ‘galatoomi’ ykn ‘maaloo’ jechuuf fayyada.

Madda suuraa, Getty Images
Waa’ee immoojiiwwan waan muraasa baruu feetuu?
Immoojii jalqabaa
Immoojiin inni jalqabaa Jaappaanitti bara 1999 nama Shigetaakaa jedhamuun kalaqame. Innis fayydamtoonni bilbilaa haala salphaa fi si’ataa taheen ergaa dabarsuu dandeessisuufi.
Immoojiiwwan baay’inaan ergaman kan gammachuu ibsani dha.
Guyyaatti immoojiiwwan biiliyoona jaha tahantu ergama. UK keessatti ummannii harka 76 taha ta’u bilbila ‘smart phone’ qaba.
Kanneen keessaa harki 80 immoojii fayyadamu. Guyyaatti immoojiiwwan biiliyoona jaha ergaman keessaa harki torbaatama kan miira ibsani dha.
Fakkeenyaaf fuula seeqxu, fuula kolfitu, kan qoostuufi onnee jaalalaa fa’i. Lakkoofsa xiqqootu miira gaddaa ibsuudhaaf ergamu.

Madda suuraa, Getty Images
Immoojiin faayidaarra ooludhaan sadarkaa tokkoffaarra jirtu ‘fuula ishee imimmaan gammachuu buustudha.' Sadarkaa lammataarra immoo fuula kolfaa ija onnee diimaa qabduu fi sadaffaan onnee diimtuu dha.
Biyyoota kamtu immoojii isa kam fayyadama
Fayyadama immoojiiwwan kanaa irratti garaagarummaan biyyaa fi aadaa jira:
- Kaanaadaatti immoojii bobbaa baay’inaan fayyadamu
- Warri Awustiraaliyaa immoojii baay’inaan dhugaatii fi bohaartii agarsiisu fayyadamu
- Warri Firaans ammoo immoojii onnee jaalalaa biyya kam caalaa dachaa afur fayyadamu
- Biyyooti afaan Arabaa haasa’an yeroo baayyee immoojii abaaboo fayyadamu
- Warri Biriitiish immoo immoojii biiraa baay’inaan fayyadamu
Waa’ee immoojii barsiisuun hin barbaachisu.
Immoojiin afaan miira ittiin ibsatan gatii taheef baruuf baayyee salphaa dha. UK keessatti nama ganna 45 caalaa ijoolleen ganna jahaa teeknolojii kanatti fayyadamuu beeka.

Madda suuraa, Getty Images
Fuulduratti namni jecha dhiisee immoojiidhaan haasa’uu jalqabaa laataa?
Akka Piroofeesar Viiviyaan Ivaansitti immoojiin waan dhufee darbu otoo hin taane, haasaa dijitaalaa kan guutuu taasise dha.
Haasaa keenyatti immoojii dabaluun hariiroo yeroo haasaa keessa jiru gaarii taasisa.
Yeroo ammaa kana gandi teekinolojii Ameerikaa Silicon Valley immoojii roobootii nuun fakkaatuufi nama biraatti yoo ergamu miira keenya sochiidhaan otoo hin hafiin ibsu hojjetaa jira.
Ammas taanaan garaagarummaan aadaa akkuma jirutti tahee, immoojiin addunyaa wali irraa fageessuurra walitti siqsa jedhu Keet Birooniin.














