Immoojiin haaraa kun maal ibsa jettu?

Immoojii qimmiiduu

Madda suuraa, Emojipedia/Unicode

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Immoojiin kun dhimma tokko irratti amantii dhabuu agarsiisaa? Moo callisuu agarsiisa ? Miidhagina ibsuuf ni oolaa? Gaaffiiwwan ka'an keessaati.

Maqaan immoojichaa 'quba qimmiidu' jedhameera. Haa tahu malee immoojiin sadarkaa immojiiwwan addunyaa darbe kun iddoo garaagaraatti maqaa addaa ni qabaata.

Akka kalaqtoonni immoojii kanaa jedhanitti kaayyoon immoojichaa akkatti namni Xaaliyaanii tokko ''maal barbaadda?'' jedhee gaafatuuti.

Erga immoojichi baatii darbe kalaqameen as guutuu addunyaatti hiika garaagaraa argachaa jira.

Kalqtoonni immoojichaa mallattichi aadaa Xaaliyaanii akka bakka bu'u yaada dhiyeessan sababiinsaa immoo, ''warri Xaaliyaanii harkaan odeessu,'' biyya garaagaraatti garuu hiika addaa qabaachuu mala jedhan.

''Immoojichi Xaaliyaanii qofa keessatti otoo hin taane biyyoota Meeditaraaniyaan biroo keessattillee faayidaarra oola jennee yaadna,'' Kana malees aadaan Xaaliyaan babal'achaa waan jiruuf akka addunyaattis ni fayyada jedhaniiru.

Mallattoo harkaa kana aadaa garaagaraa keessatti yaada adda addaa ibsuuf itti fayyadamu kanaaf kan addunyaa maraati jechuu dha jedhu.

Fakkeenyaaf akka gaazexeessaa Kiim Zeetar jedhutti mallattichi Israa'elitti hiika baayyee qaba.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Presentational white space

Naayijeeriyaatti mallattichi atakaaroo bakka bu'uuf fayyada jedhaniitu yaada kennan, Hindiitti namni tokko akka beela'e gaafachuuf oola.

Biyyoota Arabaatti mallattoo haati ijoolleesheef fayyadamtu dha.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Presentational white space

Karaa biraan immoo namoonni hiika kofalchiisaa kennan jiru, tokko qodaa malee harkatti nyaachuu, ashaboo xiqqoo qubaan qabachuufaa kan jedhe jira.

Maxxansa X irra dabri, 3
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 3

Presentational white space

Dabalataan gaalee ''Ay maanduu'' jedhu waliin wal qabata, hiiktisaa immoo afaan Kooriyaan nyaata daampiliing jedhamu dha -deeggartoonni sirbituu Kooriyaa K-poop si jaalanna ishee jechuuf itti fayyadamu mallattoo kana.

Maxxansa X irra dabri, 4
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 4

Presentational white space

Namni tokko immoojii uumuudhaaf appilikeeeshinii tokko tokkoo ibsa kennu fayyadamuu qaba, sababiinsaa immoo sirna Yuunikood jedhamu akka immoojiin barreefama waliin meeshaalee elektirooniksii irratti hojjetu taasisuuf gochuufi.

Haal kanaani immoojiin tokko meeshaalee garaagaraa irraatti karaa wal fakkaataan kan hojjetu.

Immoojiiwwan dhiyeenya kana gadhiifamu jedhaman keessaa mallattoowwan cidhaa saalaan hin murtoofne dabalata.

Bara 2020 filannoowwan immoojii 117 ni dabalamuu jedhameetu eegama.