Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinneetti gamoon ijaarsarra jiru jiguun lubbuu namootaa galaafate
Magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneetti gamoon ijaarsarra jiru jigee lubbuu namoota sadii galaafate.
Ittigaafatamaan kuminikeeshinii Komishinii Ittisa Ibiddaafi Hooggansa Sodaa Balaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Gullilaat Getaanah BBCtti akka himanitti, balaan kun kan mudate kutaa magaalaa Qirqoos aanaa 08 naannoo Kaazaanchis Hoteela Juppitar fuulduratti jedhan.
Akka qondaalli kun jedhanitti, balaan kun kan mudate guyyaa Jimaataa Ebla 23, 2021 ganama keessaa naannoo sa'aatii 5tti.
Gamoon ijaarsisaa jalqabame jiguusaatiin lubbuu namoota sadii darbuu eeruun, sababni balaa kanaa haga ammaatti garuu hin baramne jedhan.
Kanneen lubbuun isaanii darbe sadan dargaggoota gannisaanii 23 haga 24 jiran tahuu Obbo Gullilaat himan.
Dargaggoota lubbuun isaanii darbe kana malees, namoonni afur kan miidhaman oggaa tahu, sadan isaanii miidhaa salphaa wayita tahu tokko garuu miidhaa cimaatu irra gahe jedhan.
''Hojii kanarratti hojjettoota 112 tahantu hirmaachaa ture,'' kan jedhan Obbo Gullilaat, ''Poolisii Magaalaa Finfinneefi Poolisii Federaalaa wajjin ta'uun, namoota 109 baraaruu dandeenyeerra,'' jedhan.
Balaa kana to'achuufis hojjettoonni yeroo balaa 35, konkolaattota salphaa sadii fi gurguddaa afur, akkasumas ambulaansonni sadi bobba'anii turan. To'annoo jala oolchuufis hojiin sa'aatii lama fudhate hojjetamuusaas himan.
Akka Obbo Gullilaat jedhanitti, balaa kanaan qabeenyi Birrii Itoophiyaa 100,000tti tilmaamamu yogguu barbadaa'u, qabeenya Birrii miiliyoona lama tahu ammoo hambisuun danda'ameera.
Piroojektiiwwan ijaarsaa hedduun kan itti gaggeeffaman magaalaan Finfinnee, ofeeggannoo dhabiinsaan namaafi qabeenyarra balaan wayita mudatu kun isa jalqabaa miti.