Waan hoomaan kannisaa qophii masaraa mootummaa Giiftiifi Ilmi Mootii Filiip irratti argamanii ture godhe yeroo yaadatamu

Madda suuraa, Chris Young / PA Media
- Barreessaa, Phil Coomes
- Gahee, Picture editor
- Maxxanfame
Turtii tajaajila isaanii keessatti Duuk Edenbiraah sirnoota kabajaa kumaan lakkaa'aman Giiftittii waliin hirmaataniiru.
Yeroo hedduu wal cinaa dhabbachuun walta'anii hojjetu. Haata'u malee, qophii tokko irratti sirna gaggeeffamaa jiru hoomaan kannisaa jeequun mudannoo addaa yaadataman keessaa ta'eera.
Yeroo sanatti ogeessi suuraa Kiriis Yaang jedhamu Pirees Assooseeshiniif hojjetu ijaan argee waan taajjabes suura kaafatee turuu yaadata.
Namni suura kaasuf yeroos achi ture Kiriis Yaang qofa ture. Sagantaan ture bara 2003 Windsor Kasil keessatti haala Eegdonniifi Sirnaafi Qophiirratti Giiftittii gaggeessan irra jiran ilaaluuf kan qaphaa'e ture.
Ilmi Mootii Filiip bakka addaa isaaniif ramadametti keessummoota biroo waliin ta'uun Giiftittiin yeroo mul'attu eeganii gadhiisanii deeman.
Akka koloneelii agarsiisa sanaatti, Giiftittii gaggeessuuf Duuk yuunifoormii guutuu uffatanii dhaabatanii ture.
Yeroo kana ture ogeessi suuraa Yaang kan gurmuu/oomaa kannisaa arge.
"Ani carraan argadhe," jedhe Yaang waan waggoota 18 dura raawwate yaadatee. "Yeroon sun waan dhala namaa mudate akka ta'en hubadhe. Isheen akka ijoollee durbaa xixiqqootti kokkolfaa turte, innis akkasuma kolfaa ture."
"Akkaataa lamaan isaaniiyyu waan ta'eef deebii itti kennan adda ture.
"Keessummoonni gariin baqachuun nurra jiramoo maal gochuu qabna waan jedhu hin beekne ture. Suuta garuu namni kamiyyuu ni baqate."
Namni horsiisa kannisaarra mana mootii keessa hojjetu waamamee fala itti godhe.

Madda suuraa, Chris Young / PA Media

Ogeessi suuraa Yaang mootota haadha warraafi abbaa warraa eegdota malee kaafachuun isa gammachiisullee, itti-gaafatamummaa irra jirullee hubatee ture.
Akka ogeessa suuraa qophii dhuunfaa tokkoo suurri kaafame enyuun akka ta'e beekamuutti, kaameraa qabatee kan tures Yaang qofa ture.
"Namni suura taatee uumame sanaa qabu hin jiru yoo jettes, waan nama aarsu ta'uu danda'a."
Yaang suuraawwan argate sana gara deeskii waajira hojjetaa ture geessuun ol kaa'ee gara manaa isaa Landanitti baabura qabachuuf jedhutti ediitarri isa waamuun fedhiin baayyeen akka jiru itti hime.
Kanumaan suuraawwan biroo kaafte erguu dandeessaa?
Yaang yeroodhuma sana kaaffee dhiyeenya isaa jiru tokko seenee suuraawwan dabalataa yeroo haati warraafi abbaan warraa warra mootii battala oomaan kannisaa sirna kabajaa sana jeeqe ajaa'ibsiifatan dabarseef.
Guyyaa itti aanutti suurri ijoon tokko fuulawwan gaazexaa jalqabaa hedduu dhuunfate. Waan yeroo baayyee ta'ee hin beeknedha. Ummata duratti abbaa warraafi haati warraa kun dhugaan ija keessa wal ilaalan.

Madda suuraa, Chris Young / PA Media


Madda suuraa, Chris Young / PA Media


Madda suuraa, Chris Young / PA Media

Madda suuraa, Chris Young / PA Media

Madda suuraa, Chris Young / PA Media

Odeeffannoo biroo kanaan walqabataniif:
- Ka'umsa jaalalaa Giiftii Elizaabetiifi Ilma Mootii Fiilip gaa'ela waggoota 73f bu'uura ta'e
- Maatii mootota UK keessa eenyu fa'itu jiraa?
- Jireenya ilma mootii Fiiliip suuraadhaan
- Ilma mootii Fiiliip eenyu, maal hojjete, duuti isaa maaliif waan guddaa ta'e?
- Seenaa Jireenyaa Duukii Edinbiraa, ilma mootii Fiilip
- Hogganoonni addunyaa du'a ilma mootii Fiiliip irratti gadda ibsataa jiru
- Pirezidantoonni duraanii US fi kan amma aangoorra jiru waa'ee Ilma Mootii Filiip dhugaa bahan

















