Jireenya ilma mootii Fiiliip suuraadhaan

Ilma motii Edenbiraa bara 1977
Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi mootii Fiiliip, Duuk warra Edinbiraa - Odola Giriik Korfaatti Waxabajjii 10, 1921tti dhalatan. Hiddii sanyii isaanii maatii moatotaa Deenmaark, Jarmanii, Raashiyaa fi Biriteeniyaa dabalataa.
Maxxanfame
1px transparent line
Fillip daa'immummaatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi motii Fiiliip mootii Giriik Andiriiw fi Giiftii Aliisii kan Baateenbargiif ilma tokkicha.
Ilmi mootii Fillip hiriyoota isaa mana barnootaa 'MacJannet American school in St Cloud' waliin. Isaaniis gara bitaatti daa'ima lammaaffaarratti argaman.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi mootii kun barnoota kan eegalan Firaansi keessatti mana barnootaa Ameerikaanotaa 'MacJannet' jedhamu kan Seenti Kilaawuditti argamuutti wayita ta'u, suuricharratti hiriyoota mana barnootichaa waliin mul'atu. Umurii waggaa torbaattis, firoota isaa Maawuntibeetan kan Ingilaand keessaa waliin jiraachuun mana barnootaa qophaa'umsaa baratan
Ilma Mootii Fillip umurii waggaa 16tti

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Boodarra ammoo mana barnootaa bultii 'Gordonstoun' kan kaaba Iskootilaanditti hundeeffametti kan baratan yoo ta'u, achittis ispoortiidhaan baay'ee beekamu turan.
1px transparent line
Duuk Edenbiraa, humna galaanaa mootii, Poostarmaawuz

Madda suuraa, PA

1px transparent line
Giiftii Elizaabeetiin wal kaadhimachuunsaanii ifatti kan labsame Adooleessaa 1947 ture

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii Elizaabeetiin wal kaadhimachuunsaanii ifatti kan labsame Adooleessaa 1947 ture...
1px transparent line
Intallii mootii Elzaabeet (booda kan Giiftii Elizaabeet) fi Ilma Mootiii Fillip, Duuk Enendiraa suuraa gaa'ilasaaniitiif Sadaasa 20 1947tti masaraa Bukinghaamiitii ka'an.

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, ...achiin ammoo baruma sana Sadaasa 20 wal fuudhan.
Ilma Mootii Fillip fi Intala mootii Elizaabeeti hoteela 'Treetops' jedhamuutti kan Keeniyaa keessatti kan ka'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ilma Mootii Fiilip fi Intala mootii Elizaabeeti hoteela 'Treetops' jedhamuutti kan Keeniyaa keessatti kan ka'an.
1px transparent line
Bara 1952 Marmaaris Tarkiitti wayita bishaan irratti utaalu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1952 Marmaaris Tarkiitti wayita bishaan irratti utaalu
The Duke of Edinburgh at the Roehampton Club, where he was playing for Cowdray Park in the semi-finals of the Roehampton Cup

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi mootii kunis wayita kilabii Rohaamtaniitti paarkii Kaawdraay keesstti taba xumura walakkaa Biritaaniyaa bakka bu'uun pooloo tabateetti
Akkasumas Duuk kiriikeetariidhaafis baayyee cimaa turan. Asitti gareen isaa kan urjiiwwan Ingilaand duraanii hammate waliin tabataa turan.

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Akkasumas Duuk kiriikeetiidhaanis baay'ee cimaa turan. Asitti gareen isaa kan urjiiwwan Ingilaand duraanii hammate waliin tabataa turan.
Giiftii Elizaabeetiifi Ilmi mootii Fillip, Duuk Edinbaraa wayita Taaj Maahaal kan jaarraa 17ffaa keessa ijaaramee dowwataniitti, Ammajjii 19, 1961.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi mootii Fiiliip Giiftii waliin dabaalamanii wayita dowwannaa torban jahaa Indiyaatti taasisaniitti, bara 1961 keessa.
1px transparent line
Giifiifi Fillip ijoolleesaanii afur waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Duuk fi Giiftiin ijoollee afur qabu (bitaarraa) Edwaard, Andiriiw, Ani fi Chaarlis bara 1960moota keessaa kan ka'an.
Abbaan warraafi haatii warraa wayita qabeenyaasaanii Baalmoraal irratti bakka qonnaa doowwataniitti, gaayilasaanii waggaa 25ffaa yaadataniitti.

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftiifi Ilmi mootii Fiiliip wayita qabeenyaasaanii Baalmoraal irratti bakka qonnaa doowwataniitti, gaayilasaanii waggaa 25ffaa yaadataniitti.
Ilmi mootii kunis bara 1977tti wayita Giiftiin waggaa 25 kabajaniitti waliin ta'un mul'ataniitu. Lamaanuu uffata aadaa uffachuun biyya Niiw Ziilaand Kaaba Odoolaatti wayita qophii feesitivaalaa irratti hirmaatan mul'atu.

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi mootii kunis bara 1977tti wayita Giiftiin waggaa 25 kabajaniitti waliin ta'un mul'ataniitu. Lamaanuu uffata aadaa uffachuun biyya Niiw Ziilaand Kaaba Odoolaatti wayita qophii feesitivaalaa irratti hirmaatan mul'atu.
Hagayya 1979 keessa eessuumni Giiftii, gooftichi Luus Maawntbaaten dhohiinsa boombii IRA bidiru isaa irratti qaqabeen Irlaand keessatti ajjeefaman. Duuk Edinbaraa erga oduu kana dhagahanii booda gara UKtti deebii'an Kaaba Firaansi irraa.

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Hagayya 1979 keessa eessuumni Giiftii, gooftichi Luus Maawntbaaten dhohiinsa boombii IRA bidiru isaa irratti qaqqabeen Ireland keessatti ajjeefaman. Duuk Edinbiraa erga oduu kana dhagahanii booda gara UKtti deebi'an Kaaba Firaansi irraa.
Duuk Edenbiraa harba yaabbatanii wayita lafa eegumsi taasifamuuf Kaangaa doowwataniitti, 1983 keessa

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Umamnifi eegumsi naannoo Duuk Edinbiraatiif fedhii umurii guutuu ture.
Bara 1985 keessa Duuk Edenbiraan ijoollee ilma mootii Wiiliyaam fi Haarii dabalatee maatiin marfamanii.

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1985 keessa Duuk Edinbiraa ijoollee ilma mootii Wiiliyaam fi Haarii dabalatee maatiin marfamanii.
Bara 1996 keessa ammoo pirezidaantii duraanii Afriikaa Kibbaa Nelsan Maandeellaa waliin ta'anii Biriteeniitti,

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1996 keessa ammoo pirezidaantii duraanii Afriikaa Kibbaa Nelsan Maandeellaa waliin ta'anii.
Giiftii Elzaabeet II (mirgaa) fi Duuk Edenbiraa (jidduu mirgaan) wayita gabaa jiddugala magaalaa Kingstan doowwataniitti.

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmii mootii Fillip kabajawwan waggaa 50 kan 2002 keessa kabajamee dabalatee bara aangoo ishee 60 keessattuu Giiftii gargaaraa turan.
Ilmi mootichaa bara 1956 keessa sagantaa Badhaasaa Duuk Edenbiraa hundeessaniiru. Sagantichis dandeettii dargaggootaa cimsuurratti kan kaayyeeffateedha. Asittiis hirmaattoota sagantaa kanaatti baaccoo himuun yoo kofalchiisan ture bara 2010 keessa.

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi mootichaa bara 1956 keessa sagantaa Badhaasaa Duuk Edenbiraa hundeessaniiru. Sagantichis dandeettii dargaggootaa cimsuurratti kan kaayyeeffateedha. Asittiis hirmaattoota sagantaa kanaatti baacoo himuun yoo kofalchiisan ture bara 2010 keessa.
Duuk Edenbiraa wayita dorgommii agarsiisa fardoota konkolaachisuu Saandriingihaam irratti

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Duuk bara jireenyaa saaniitti hanga dhiheenyaatti ispoortiin dorgomu itti fufanii ture. Kunis qophii konkolaachisuu gaarii bara 2005 keessa Saandriingihaamiitti qophaa'ee turedha.
Guyyaa gaa'ila ilma akkaayyoo Fillip, ilma mootii Wiiliyaam bara 2011 keessa wayita Kaatiriin Midiltani fuudheetti, iitti kumaatamni maatii mootootaa nagaa gaafachuuf masaraa Bakinghaami alatti walgahanii mul'atu.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa gaa'ila ilma akkaayyoo Fiiliip, ilma mootii Wiiliyaam bara 2011 keessa wayita Kaatiriin Midiltani fuudhetti, kumaatamni maatii mootootaa nagaa gaafachuuf masaraa Bakinghaami alatti walgahanii mul'atu.
Baatii 12 booda haalli nagaasaanii fooyya'uun ilmi mootiichaa Fillip, Duuk Edenbiraa wayita harka al kaasanii nagaa dhaamman

Madda suuraa, AFP

1px transparent line
Waxabajjii 2013 keessa kabaja waggaa 60ffaa Giiftii yaadachuuf Duuk tajaajila waldaa Weestministeeriitti hirmaatan.

Madda suuraa, PA Media

Ebla 2017 keessa Duuk haadha warrasaanii waliin waiya jiddugalli Arbaa haaraan Beedfordishiriitti saaqamu argamanii ture.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Ebla 2017 keessa Duuk haadha warrasaanii waliin wayita jiddugalli Arbaa haaraan Beedfordishiriitti saaqamu argamanii ture.
Giiftii Elzaabeeti II fi Duuk Edenbiraa paartii Masaraatti qophaa'ee tureerratti daqiiqaaf callisuun namoota Maanchistariitti ajjeefaman yaadatan, Caamsaa 23, 2017tti.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Caamsaa 23, 2017tti Duuk Giiftii waliin namoota konsartii Maanchistar irratti ajjeeffaman yaadachuuf sirna Masaraa Bakinghaamiitti qophaa'ee tureetti daqiiqaadhaaf callisuun yaadatanii ture.
Duuk seenaa Biriteen keessatti nama sirna motii bara dheeraaf tajaajilaniidha.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Duuk seenaa Biriteen keessatti nama sirna warra gonfoo bara dheeraaf tajaajilaniidha.

Suuraalee hundinu mirga abbeentaa qabu.