Giiftii Elizaabetiifi Ilma Mootii Fiilip: Ka'umsa jaalalaa gaa'ela waggoota 73’f bu'uura ta'e

Madda suuraa, Cantral Press / Getty Images
- Barreessaa, Saarah Campbell'tiin
- Gahee, Royal correspondent
- Maxxanfame
Gaa'ila waggoota torbaatamaa ol tureen, Ilmi Mootii Fiilip taatewwan gurguddoo biyyaalessaa irratti ifatti Giiftii bira mul'achuun beekama, akkasumas dhuunfaatin immoo nama ishee haalaan beekudha.
Yeroo tokko barreessituun dhuunfaa tokko akkas jettee isaan ibsite: ''Addunyaa kanarratti namni Giiftii akka dhala namaa biraatti kunuunsu Ilma Mootii Fiilip qofaadha. Namni kana gochuu danda'us isuma qofaadha.''
Gaa'illi isaanii jaalalarratti hundaa'e. Lamaan isaanii wal barbaadani.
Bara 1939 Koollejjii Dartmouth Naval 'tti suuraan ka'an jalqabbii jireenyi isaanii walitti dhufu agarsiisa.
Yeroo Giiftii Elizaabet yeroos ganna 13 turte waa'ee tapha kiriketiifi teenisii barsiise sana Ilmi Mootii Fiilip leenji'aa haaraa humna waraanaa ganna 18 ture.
Wal mararsuun ijoollummaan eegale garuu hiriyyummaatti, xalayaa wal erguutti, akkasumas bara waraanaa sana wal daawwachuutti guddate.
Yeroo inni Humna Waraanaa UK tajaajiluuf deemu, Giftiin reefuu shamarree turte suuraa isaa kutaa ciisichaa ishee keessa dhoksitee qabdi turte.
![Bara 1939 Giiftii Elizaabet (bitaarraa sadaffaa) maatii ishee waliin kolleejjii Humna Waraanaa UK [Royal Navy]'tti Ilma Mootii Fiilip Girikiifi Denmaark (mirgarraa lammaffaa)](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/872F/production/_117370643_gettyimages-3425335.jpg.webp)
Madda suuraa, Getty Images
Dhaloota isaan bakka tokko hin teenye - Giriikitti dhalate achii garuu hin turre. Awurooppaa keessa imale.
Of danda'u, of qajeelchuufi miira cimaa horachuu qaba ture. Isheen immoo dalaa warra mootii keessa addunyaa biraarraa dhokfamtee guddatte. Of qabduu, saalfattuu, akkasumas namaa namaaf yaaddudha. Lamaan isaanii wal simu.
Ilmi ilma isaanii Ilmi Mootii Wiiliyaam waa'ee isaanii akkana jedhe: ''Ishee kofalsiisa. Sababni isaas wanta inni dubbatuufi hojjetu akkasumas akkanni jireenya hubatu isheerraa adda, kanaaf lamaan isaanii cimdii ajaa'ibaati.''
'Jaalalaan booji'ame'
Lamaan isaanii Giiftiin Elizaabet guyyaa dhalootaa umrii 21ffaa erga kabajjee booda bara 1947 ture gaa'ila godhachuun isaanii kan ibsame.
Ilmi Mootii Fiilip qubeelaa pilatiniyeemiifi diyaamandii (jiijee) gaa'ila ittiin raawwataniifi bakka tiyaaraa qabeenyummaan isaa kan harmee isaa Intala Mootii Aliis kan Giriikirraa taate dhufeerraa dizaayinii gochuun qooda fudhateera.
Gaa'ila raawwachuun dura Ilmi Mootii Fiilip harmee isaa Giiftii taatef xalayaa barreesseen ''Jaalala isheen boji'ameera'' jechuun ibse.

Madda suuraa, PA
Lamaan isaanii bakka keessummoonni 2,000 argamanitti gaa'ila isaanii Westminister Abeeyitti raawwatan.
Yeroos Waraanni Addunyaa II xumuramee reefu waggaa lama dha. Reefu UK'n waraanarraa bayyanataa turtetti sagantaan akkanaa taasifame.
Waggaa itti aanu ilmi isaanii hangafaa Chaarlis dhalate, achiiti intala Aane jedhamtu argatan.
Sadarkaan hojii Ilma Mootii Fiilipis waraana keessa qabu saffisaan guddatuu eegale. Cimdiiwwan lamaan jireenya isaanii Maaltaa taasisani. Jireenyi isaanii akkuma nama kaani ture.
Kuni hundi garuu Fulbaana 06, 1952 jijjiirame. Kunis kan ta'e Mootiin Joorj VI yeroo malee waan du'aniifi.
Yeroos Giiftiin Elizaabet reefu ganna 25 turte, Ilmi Mootii Fiilip immoo ganna 30.
Intalti mootii boodarra Giiftii akka taatu beekanis waggoota dabalataaf jireenya dhuunfaa isaanii jiraachuuf eegaa turani.
Mootiin du'an jechuun Duuki Edanbiraaf [Ilma Mootii Fiilip] Humna Waraanaa UK [Royal Navy] keessa fedhiin turuu isaa ni dhaabbata jechuudha.
Nama doonii hoogganaa tureef hojii isaa tasa dhaabuun gahee deeggaruu qofaatti seenuun salphaa hin ta'u.
Wanti dagachuu hin qabnemmoo kuni bara 1950 yeroo abbaan warraa haadha warraan caalamuun baay'ee xiqqaa turetti waan mudatedha.
Intala mootii [Giiftii Elizaabet]'f garuu Giiftii ta'un jireenya ishee keessatti guyyaa tokko akka dhufu waan beektuuf wanta durumaa dursa itti kennitudha.

Madda suuraa, PA
Giiftiin biyya akka gaggeessitu innimmoo maatii gaggeessuu jalqabe.
Addunyaa biraaf isheetu hooggantuudha, jireenya dhuunfaan garuu faallaadha.
Yeroo daawwannaa, yeroo paarlaamaan banamu, sagantaa biyyaalessaa adda addaa irratti waliin mul'ata. Yeroo hundaa yeroo walitti seeqan mul'ata.

Madda suuraa, PA
Giiftiin Elizaabet sarootaafi fardeen haalaan jaalatti. Yeroo boqonnaa qabduus kanneen fardeen horsiisaniifi leenjisan waliin dabarsiti.
Ilmi Mootii Fiilip jireenya isaa keessatti nama ispoortiidha. Qabeenya maatii isaa to'atuun dabarse. Booda keessa naannawa paarkii Windisoor gaarii yeroo oofan mul'atu.
Bara 2017, tajaajila waggoota dheeraa booda Ilmi Mootii Fiilip tajaajila Giiftii fuula ummataa fuuldura taasisan dhaabuu himan.
Ergasii Giiftii Elizaabet yeroo dalagaaf as baatu qofaa ishee yookiin miseensa maatii biraan yeroo deeggaramtu arguu baruu jalqabne.
Yeroo weerara Covid-19 lamaan isaanii gaachana akka walii taa'an murtaa'ee masaraa Windisooritti walfaana turan. Hojjettoonni muraasanii isaan kunuunsuuf ramadamaniis 'HMS Bubble' jedhamu.

Madda suuraa, PA Media
Bitootessa 2020 eegale sababa weerara koronaavaayirasiin waliin turan.
Turtii masaraa isaanii keessatti jireenya ajaa'ibaa waliin dabarsan of duubatti deebi'ani ilaaluuf yeroo bal'aa qabaataniiru ta'a.
Waggoota 70 olif jireenyi isaanii waan walirratti utubameef duuni Ilma Mootii Fiilip Giiftiitti haalaan ni miidha.
Jaalalli isaanii jaalala warra mootii waggootaaf daraare jedhamee yaadatama.

















