Jaappaanitti nyaanni xiyyaara keessaa Birrii 22,000 baasu namoota hedduu hawwate

Maxxanfame

Jaappaanitti daandiin xiyyaaraa guddichi nyaata qananii xiyyaara dhaabbate keessaaf doolaara 540 yookaan Birrii Itoophiyaa 22,000 ol taheen dhiyeesseera.

Daandiin Xiyyaaraa All Nippon (ANA) tajaajila kana guyyaa Roobiirraa kan kennuu jalqabe oggaa tahu, fedhiin namaa baay'atee dafee gurguramee dhumuusaatiin, teessoo kaanillee itti dareera.

Daandiilee xayyaaraa hedduun weerarri dhalatee erga balali'uu dhaban, xiyyaarota isaaniin maal gochuu akka danda'an haalaan itti yaadaa turan.

Awustiraaliyaan garuu xiyyaaronni deebi'anii akka balali'an gochuuf karoora doolaaraa biiliyoona 1.2 baasu ifoomsuun, imala biyya keessaa jajjabeessuuf kaayyeeffatte.

Indastiriin imala qilleensaa addunyaa rakkoo hamaa amma dura mudatee hin beeknen raafamaa jira. Uggurri imalaafi sochii hambisuun mana keessa turuun, daandiiwwan xiyyaaraa gariin guddoo miidhaman.

Baay'een isaanis galiisaanii dabaluuf haala adda taheen tajaajila garagaraa dhiyeessaa jiru. Kanneen keessaa "balallii eessayyuu hin geessine" haalaan kan fudhatama argate oggaa tahu, xiyyaara dhaabbate keessatti nyaachuunis akkasuma.

Onkololeessa dabre, Singapore Airlines xiyyaara Airbus A380 dhaabbate keessa namootni galanii akka sooratan carraa dhiyeesse. Gatiin nyaataa nama tokkoo Doolaara 540 kan ture tahus, sa'aatii walakkaa keessa teessoon guyyoota lamaa gurguramee dhume.

Kan Jaappaan kun xiyyaara Boeing 777, kan buufata xiyyaaraa Haneda Tokiyootti argamutti dhaabbatee jiru keessa taasifama.

Teessoon sadarkaa 1ffaa (first-class) qarshii Jaappaan yen 59,800 kan si baasisu ennaa tahu, lakkii kun naaf qaaliidha jennaan ammoo, teessoo kutaa bizinesii (business-class) keessa galtee yen 29,800 baasuun fayyadamuu dandeessa.

Torban dabre British Airways tarree nyaataa kutaa sadarkaa 1ffaa keessa dhiyeessu, dhaabbata nyaataa DO & Co jedhamu wajjin tahuun uummataaf dhiyeessan.

Tahus nyaatni manatti kan ergamu malee, kan achi taa'anii nyaatan miti.

Qilleensatti deebi'uu

Guyyaa Kamisaa mootummaan Awustiraaliyaa doolaara biiliyoona 1.2 baasuun, lammileen imala biyya keessaa akka taasisan jajjabeessuuf sagantaa jalqabasiise.

Sagantaa hanga Adooleessa bara kanaatti turuun, gatiin tikkeetiwwan 800,000 tahan walakkaan hir'isa.

Daandileen xiyyaaraa Qantas, Virgin Atlantic fi Jetstar, iddoowwan imalaa 20 oliif gatii walakkaa tikkeetii ifa godhaniiru. Kana malees Qantas aappii imala dijitaalaa yaalaa jira.

Guyyaa Roobii, qaama imala qilleensaa idiladdunyaa kan ta'e IATA akka jedhetti, mirkaneessituun dijitaalaa bu'aa qorannoo Covid-19 fi ragaa talaalamuu, walakkaa ji'a Eblaa keessa Apple irratti ni gadhiifama.

"Applikeeshiniin kun kan milkaa'u yoo daandiin xiyyaarotaa, biyyootni fi buufataaleen xiyyaaraa hojiirra oolchaniidha,'' jedhan dubbi himaan IATA. Appiin imalaa dijitaalaa kun sirna galmee (check-ins) ni saffisiisas jedhan.