Barreeffamni daa'ima xiqqaan karaa fuula tiwitarii Ejansii Nikularaa USn erge burjaajii uume

Madda suuraa, Getty Images
Barreeffamni ergaa hiika hin qabne daa'imni xiqqaan Dilbata darbe karaa fuula tiwitarii Ajajaa Tarsimoo Ameerikaa (US Strategic Command)tiin maxxanfame burjaajii uume.
Fuulli akkaawuntii tiwiitarii Eejansii Nikulara Ameerikaa kan daa'imti kun ittiin ergaa hiika hin qabne barreesse kunis, kan meeshaalee waraana Nikulaara Ameerkaa eeguudha jedhame.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa muraasnis fuulli Ejensichaa tarii hatamee (hack ta'ee) jira jechuun sodaatanii ture.
Haata'u malee, ergasiin booda ergaan hiika hin qabne kun daa'ima xiqqaa tokkoon ta'uun bira ga'ameera.
Waan maxxanfame sanaaf ammoo itti-gaafatamaanis maatii to'ataa fuula miidiyaa hawaasa eejansichaa ta'uu isaati barame jedhameera.
Ergaan daa'imti xiqqaadha jedhame sun barraa'ees “;l;;gmlxzssaw" kan jedhu yoo ta'u, daqiiqaawwan muraasa keessatti haqamuu isaatu himame.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Marsariitiin oduu 'The Daily Dot' jedhamu waa'ee taatee kanaa Bilisummaa Odeeffannoo (Freedom of Information) fayyadamuun erga ejansicha gaafateen booda, oduu kana ifa baase.
''To'ataan fuula Tiwitarii Ajajaa kanaa ... yeroo muraasaaf fuula tiwiitarii ajajichaa banaa dhiise,'' itti dabaluunis, ''innis mana isaatii hojjataa ture,'' jedheera.
Isaan booda, ''Mucaan isaa xiqqaan haala sanatti fayyadamuun qubeewwan gabatee kompitaraatiin taphachuu eegale. Akka tasaa ta'ee ammoo osoo itti hin yaadiin tiwiitarii sana maxxanse,'' jedheera.

Madda suuraa, Twitter
Dubbi himaan dhaabbatichaas yaadawwan fuulli tiwiitarii eejansiichaa hatamuu mala jedhan soba ta'uu mirkaneesseera.
“Tasumaa wanti hamaan omtuu hin raawwatamne,'' jechuun ibsa kennaniiru..












