KALLATTIIN, Mariin marsaa jalqabaa US fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa ture 'haala gaariin xumurame'

Mariin marsaa jalqabaa Ameerikaafi Iraan waliigaltee dhumaarra gahuuf jaarsummaa Qataariifi Paakistaanin Dilbata kaleessaa geggeeffamaa ture ‘’haala gaariin xumurame’’ jedhan mariisiftoonni.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waranni Israa'el Libaanos bakkeewwan muraasa keessaa bahuufi - Gabaasa

    Loltoota Israa'el

    Waliigaltee US-Iraan hordofee Israa'el waraanashee Libaanos bakkeewwan muraasa keessaa baasuufi jechuun miidiyaan Israa'el Haaretz gabaase.

    Akka gabaasa kanaatti Israa'elifi Libaanos torbee dhufu wal-arguun akkaataa itti Isaa'el bakkeewwan muraasa keessaa baaturratti ni mariiyatu.

    Israa'el guutummaa Libaanos keessaa akka hin baane, haleellaa Hezbollaarraa of ittisuuf jecha naannoo nageenyaa [Security Zone] hundeessuun akka turtu beeksifteetti.

    Haa ta'u malee bakkeewwan muraasa keessaa yeroo baatu, bakka baatus sana Humna Waraanaa Libaanositti kennuun akka baatus ibsame.

    Iraan waliigaltee US waliin taasisteen Israa'el Libaanos keessatti haleellaa gaggeessitu akka dhaabdu gaafachuurraa kan ka'e US itti waliigalteetti.

    Israa'el guutummaan Libaanos keessaa akka baatus Iraan gaafataa jirti, Israa'el ammoo waraanashee akka hin baasne Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu irra deddeebin ibseera.

    USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo erga waliif mallatteessanii as guyyaa kaleessaa Siwizarlaanditti marii taasisaniin, Libaanos keessatti lolli maricha danqu kamuu akka hin gaggeeffamne waliigalaniiru.

  2. Mariin Ameerikaafi Iraan marsaa miilanaa ‘haala gaariin xumurame’

    Af yaa'ii paarlaamaa Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Mariin marsaa jalqabaa Ameerikaafi Iraan waliigaltee dhumaarra gahuuf jaarsummaa Qataariifi Paakistaanin Dilbata kaleessaa geggeeffamaa ture ‘’haala gaariin xumurame’’ jedhan mariisiftoonni.

    Mariin Dilbata kaleessaa Siwiizarlaanditti adeemsifame kuni biyyooti lameen waliigaltee duraa mallatteessuun booda isa jalqabaati.

    Mariisiftoonni Qataariifi Paakistaan ibsa waloo Wiixata kennaniin ‘’koreen sadarkaa olaanaa guyyaa 60 keessatti waliigalteerra akka gahamuuf qajeeltoo qopheessuuf waliigaleera.’’ Mariin dhimma teeknikaa torbee guutuu itti fufa jedhan.

    Dippiloomaatiin Ameerikaa olaanaa marii kanarratti hirmaataa ture mariin harki caalu ‘’ergaa burjaajessaa Iraan Ulaa Hormuuz deebistee banuufi dhukaasa dhaabuu Libaanos irratti kan xiyyeefate ture,’’ jedhe.

    Ibsi waloo mariisiftootaa dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessa nagaan akka darban gochuurratti wal hubannoo dhabuun akka hin uumamne ‘’qajeeltoon dubbii’’ kaa’ameera.

    Dhimma niwkilaaraa irratti mariin ‘murtaa’aa’ adeemsifameera jedhe dippiloomaatiin Ameerikaa kuni. Bakka buutonni biyyoota lameenii magaalaa Siwiiz Laakriin jedhamu keessatti wal argan guyyaa har’aa irraa qabee fuuldurattii dhimma teeknikaa marii’atu.

    Waliigalteen jalqabaa torbee darbee guyyaa 60 keessatti waliigaltee dhumaarra gahuu akkasumas Libaanos dabalatee dirree waraanaa hundarratti lola dhaabuufi Ulaa Hormuuz fa’a dha.

    Haatahu malee ergasii haleellaa Israa’el Libaanositti raawwataa jirtuun Hezboollaa waliin lolatti galuun Libaanostti namoonni ajjeefamaa jiru.

  3. Galchii Mohaammad Saalaa galcheefi mijeessee kenneen Masiriin yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaa garee 32tti dabarte

    Mohaammad Saalaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Masiriin galchii Mohaammad Saalaa galcheefi mijeessee kenneen duubaaa ka'uun Niwu Ziiland mo'achuun gareeshee keessaa yeroo jalqabaaf marsaa ittaanutti dabarte.

    Gareen Fari'oon seenaasaa keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Adunyaarratti marsaa ittaanutti darbuu mirkaneeffate.

    Niwu Ziilaand boqonnaa dura daqiiqaa 15ffatti galchii galchii lakkoofsisuun dursuu eegaltus fulla'uu hin dandeenye- Masiriin galchii wal-qiixxeessu lakkoofsiste.

    Daqiiqaa 67ffaarratti galchii Mohaammad Saalaa lakkoofsisteen Masiriin dursummaa fudhatte. Daqiiqaa 82ffaarratti ammoo kubbaa galchiif ta'u mijeessee kennuun Marsiin 3-1 Niwu Ziilaand injifachuun yeroo jalqabaaf marsaa ittaanutti akka dabartu shoora guddaa taphateera.

    Gareensaa erga injifatee booda Mohaammad Saalaa yaada kenneen baay'ee gammaduu ibse.

    "Taphattoota hundaaf milkaa'ina guddaa ture...Taphni ittaanu baay'ee murteessaa ta'a," jedhe dursaan taphattoota Masirii Mohammad Saalaa.

  4. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Tooraa kallattiin oduu isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Mariin marsaa jalqabaa US fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa ture 'haala gaariin xumuramuu..

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii, YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Nu hordofaa!