Doktora baqaqsee yaalaa wayita jirutti karaa Zoom'n mana murtii dhiyaate

Scott Green and Gary Link during court livestream

Madda suuraa, Sacramento Superior Court

Ibsa waa'ee suuraa, Iskoot Giriin, dhaddacha hirmaachuun danda'a jechuun dubbate
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ameerikaa kutaa bulchiinsa Kaalifoorniyaatti hakiimni tokko wayita dhukkubsata baqaqsee wal’aanuurra jirutti, dhaddacha mana murtii dhimma tiraafikaa qoratu tokkotti dhiyaate.

Iskoot Giriin huccuu yaala baqaqsee wal’aanuu ittiin hojjatu uffatee, kutaa baqaqsaanii yaaluu keessa dhaabatee karaa toora intarneetii Kamisa darbe dhaddachatti dhiyaachuusaatu gabaafame.

Yeroo abbaan murtii Aab Giriin gaafatetti ''ammaaf ogeessi baqaqsee yaaluu hojjataa jiru namni biraa na cina jira, kanaafuu dhaddachi kun yoo itti fufe ittin gammada,'' jedhe.

Abbaan seeraa ''lakkii kun sirrii miti’’ jechuun dhaddacha yeroo biraatti beellamuuf dirqameera.

Boordiin yaala fayyaa Kaaliforniyaa ta’ii kana akka ilaalu ibsuun, ogeeyyiin fayyaa wayita dhukkubsataa wal’aanan haalduree barbaachisoo ta’an guutuu akka qaban itti dabalee ibse.

Dhaddachi Mana Murtii Olanaa Saakiramentoo otoo dhaga’amuu hin eegaliin hojjataan mana galmee ''Heloo Aab Giriin? Kutaa baqaqsanii yaaluu waan jirtu fakkaata, amma dhaddachatti dhiyaachuu ni dandeessaa?'' jedhee gaafate.

Sarjiniin kunis ''eeyyee, kutaa wal’aansa baqaqsaanii yaaluun jira, dhaddachaatti dhiyaachuu nan danda’a, itti fufaa'' jedheen.

Hojjataan mana galmee dhaddachi kun toora intarneetirratti kallattiin tamsa’a jedheen. Sababni isaammoo dhaddachi tiraafikaa hawaasaaf banaa ta’u qaba.

Wayituma sanatti poolisiin ragaa bahuuf achi turte deebii nama kanaa guddoo ajaa'ibsiifatte.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Abbaan murtii gama toora intarneetiin hanga dhiyaatutti otoo eegamaa jiru, Komishinarri Mana Murtii Gaariy Link jedhamu toora Zoom seene, Aab Giriin dhukkubsata yaaluurratti hirmaata akka jiru hubate.

Aab Liink akkuma toora intarneetiin dhaddacha seeneen ''Yoon dogoggoruu baadhe himatamaan kutaa baqaqsanii yaalutti dhukkubsata wal’aana jira’’ jedhe.

Itti aansuun ''Aab Giriin kun dhugaadhaa? Dr Giriin jedhuu?’’ jechuudhaan gaafate.

Akka wal’aansa baqaqsaanii yaaluu qixxeen gahe Aab Giriin erga mirkaneesseefin booda dhaddachi akka itti fufu nan barbaada jedhe.

Aab Liink: ''Nageenya dhukkubsataa sanaf na yaaddessa, tasgabbiin natti hin dhagamne,'' jedheen.

Doktorichis ''ogeessa baqaqsee yaalu kan biraa na bira waan jiruuf, ani asuma dhaabadheen, isaan ammoo wal’aansa baqaqsanii yaaluu itti fufu,'' jedhe.

Komishinarichis deebisuun: ''Kuni waan ta’uu danda’u natti hin fakkaatu, sirrii miti, guyyaa biraattiin beellama, yeroo ati dhukkubsata wal’aanurratti hin argamnetti’’ jedhen.

Dhimma kanarratti waajjirri Iskoot Giriin yaada akka kennu BBCn gaafatee ture.

Ogeessi baqaqsanii yaaluu kun ‘’kun sirrii miti, kan biraa waanin jedhu hin qabu, galatoomaa’’ jedhee NBCtti dubbachuun gabaafameera.

Waanti addaa karaa Zoom mul'atee, gurra kan horate kan qofaa miti.

Jalqaba ji’a kanaattiis, ogeessi seeraa iskirinii isaarraa gingilchaa (filter) adurree isa fakkeessu balleessuu dadhabee ture. Boodarras abbaa murtichaan akkasumaan itti fufuu dandeenya ittiin jedhe: ''Kunoo kallattuman jira, an adurree miti.''

Screen grab of Zoom

Madda suuraa, Zoom call