Gaazexeessaan walgahii viidiyoo irratti qaama saalaasaa qaqqabaa mul’ate hojiirraa ari’ame

Madda suuraa, Getty Images
Rippoortarri baruullee New Yorker walgahii viidiyoo Zoom irratti otoo qaama saalaasaa qaqqabuu mul’atee booda hojiirraa ittifamuu hime.
Jeefrii Toobiin nama ganna 60 yoo tahu miidiyaa CNN keessattillee xiinxalaa seeraa gameessa tahuun tajaajila. Tiwiitarii irratti hojiirraa dhorkamuu isaa barreesseera.
Dhaabbatichi, ''iddoon hojii qoosaa akka hin taane namni hundi hubachuu qaba,'' jechuun hojjettoota isaatti imeeliin ergaa barreesseera.
Baatii darbe erga hojjirraa ittifameen booda yeroo waan kun mudate kaameeraan koo banaa hin seene jedheera.
Dhimma kana jalqaba kan gabaase Vice News Toobiin otoo qaama saalaa tuttuquu waayilooti isaa gameeyyiin isa arganiiru jedheera.
Hogganaan dhaabbatichaa Staan Daankan ergaa hojjettootaaf barreesseen, ''Toobiin kana booda dhaabbata keenya waliin hin hojjetu,’’ jechuun miidiyaaleen US dhimma kana qoratan gabaasaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

''Iddoo hojii keenya kan namni hundi kabajni itti dhagahamuufi namuusa waajira keenyaa eegu gochuuf cichinee hojjenna,’’ jedheera.
Gaazexeessichi ibsa baatii darbe kenneen, ’’dogoggora nama qaanessu raawwadheera garuu kaameeraan banaa hin seene,’’ jedheera.
Maatii, hiriyyootaa fi waa’elota isaa dhiifama gaafateera.
''Viidiyoo Zoom irratti waan mul’adhu natti hin fakkaanne,’’ jedhe ibsa miidiyaa Vice’f kenneen. ''Namni Zoom irra jiru waan na ilaalu natti hin fakkaanne. Viidiyoo Zoom sana waan cufe natti fakkaatee ture,’’ jedhe.
Miidiyaan Vice namoonni lamni maqaan isaanii akka dhahamu hin feene mudannicha arguu ibseera.
Waan kun kan mudate hojjettoonni beekamoo baruullee kanaa akka pireezidant Donaaald Tiraampii fi Joo Baayiden tahanii filannoo Ameerikaa shaakala qophii yeroo taasisaa turani dha.
Yeroo boqonnaatti dha egaa Toobiin viidiyoo irratti otoo inni qaama saalaa isaa qaqqabuu kan mul’ate.














