Pirofeesar Hiruut W/Maariyaam: Komishinara Gamtaa Afrikaatti akkamiin osoo hin filatamiin hafan?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidantii Itti/Aantuu Yunivarsiitii Finfinnee akkasumas Ministira Saayinsiif Barnoota Olaanoo ta'un kan tajaajilan Pirofeesar Hiruut W/Maariyaam Komishinii Dhimma Barnootaa, Saayinsii, Teknolojiifi Inoveeshinii Gamtaa Afrikaaf komishinara ta'uf dorgomaa turan.

Yeroo ammaa gorsituu MM Abiy ta'un kan hojjetaa jiran Pirof. Hiruut garuu dorgommii kana irra hin aanne.

Kanaafis, akka sababaatti kan ka'e keessaa tokko waggaa kana keessa hojiirra oolu kan eegaleefi Pirezidantii Ruwaandaa Pool Kaagaameetin caasaan haaraa qophaa'aa ture ragga'u isaati.

Kaagaameen waggaa tokkoof Dura Taa'aan Gamtaa Afrikaa ta'un yeroo tajaajilanitti [bara 2018 hanga 2019] Gamtaan Afrikaa milkaa'aa miti jedhanii yaadawwan haaraa dhiheessanii turan.

Kana hordofees koree hundeessaniin Gamtaa Afrikaa oditii kan gochisiisan yoo ta'u hojii irra - deddebbii hambisuu akkasumas deeggarsa faayinaansiif kaanirra isa bu'uura godhate hambisuuf yaadamee ture.

Yaadi jijjiiramaa Kaagaameedhaan hogganamaa ture kuni galma afur kaa'e keessaa tokko caasaa Gamtaa Afrikaa walitti qabuufi milkaa'ina isaa cimsuudha.

Caasaan haaraa kunis lakkoofsa komishinaroota kana dura 8 turan jahatti gad - xiqqeesse.

Yaa'ii idilee Gamtaa Afrikaa irrattis gaafa guyyaa duraa Komishinara Olaanaa, Komishinara Itti - aanaa akkasumas komishinaroota saddeet dameewwan biroo hoogganan filachuuf ture karoora kan qabate.

Yaa'ichi sadarkaa Afrikaatin yeroo jalqabaaf jedhameen Komishinar Muusaa Faaki yeroo lammataaf kan file yoo ta'u kan Ruwaandaarraa dhufan Dr Monikaa Nisaanzaabaagaaniwaa immoo komishinara I/Aantuu dubartii jalqabaa gochuun file.

Kunis, Pirofeesar Hiruut dorgommiin ala taasiseera.

Pirof. Hiruut waliin eenyutu dorgome?

Filannoon komishinaroota waggaa afuritti takka ni adeemsifama. Baranas koronaavaayirasiin danqamuu mala jedhamee sodaatamus komishinaroota jaha keessaa afur filuun danda'ameera.

Barana kan kana dura caalaa kaadhimatoota hedduutu dhihaate.

Filannoon komishinarootaa bakkeewwan Ardii Afrikaa shan irraa dhihaatan gidduu taasifama. Kunneenis, Kaaba, Kibba, Bahaa, Lixa akkasumas Giddugaleessadha.

Pirofeesar Hiruut dabalatee morkattoonni shan kan irratti dhihaatan damee komishinii Barnoota, Saayinsiifi Innoveshiniidha.

Baha Afrikaa irraa qofa morkattoonni sadii dhihaataniiru. Ugaandaa, Morishiyees, Afrikaa Kibbaafi Zimbaabuween kanneen dorgoman turani.

Gamtaa Afrikaa waliin walqabatee muuxannoo waggaa dheeraa kan qaban maddi BBC tokko naannawa Afrikaa tokkorraa namni sadii dhihaatun mataan isaa biyyoota gidduu wal hubachuun akka hin jirre agarsiisa jedhan.

Akka madda keenyaatti osoo filannootti hin seenamin dura keessumaa biyyoonni Kibba Afrikaa nama naannawa isaanii bakka bu'u mari'atanii akka qopheessan himu.

Baha Afrikaa irraa

Kana dura Pirof Hiruut ogeettiin diinagdee Ruwaandaa morkataa isaanii ta'u akka danda'an miidiyaa biyyaalessaaf himanii turan.

''Sadarkaa filannoo itti aanu wantin dhagahe xiqqoo bitaa nama gala. Baha Afrikaa irraa walitti qabaan komishinii yookiin Itti/aanaan yoo filame komishinii biraa hin fudhatan. Kunis to'annoo keenyaan ala. Ta'us abdiinan eega,'' jechuun tamsaasa A.L.I Amajjii 22/2013 tamsa'erra dubbatan.

Maddi keenya Dr Monikaan Dura Teessuu I/Aantuu ta'un filamuun isaanii ''waan eegamudha'' jechuun himu.

Sababa isaas yoo ibsan Dr Monikaan Hoggantuu I/Aantuu Baankii Biyyaalessaa Ruwaandaa ta'un yoo tajaajilan biyyattii daldalaaf mijeessuufi hojiiwwan milkaa'ina qaban kaanis dalagu himu.

Dabalataan, Gamtaan Afrikaa faayinaansiidhaan of danda'uf karoora baasuu isaan walqabatees filamuun Dr Monikaa waan eegame ture jechuun maddi kuni BBC'tti himan.

Akkasumas Barumsa Ikonomiksii Harvaard Keneediitti barachuufi manneen barnootaa ikonomiksii addunyaarra beekamutti barachuun isaanii morkattoota isaanii waliin yeroo walbira qabaman carraa injifatu qabu turan jechuun ibsu.

Dameen Dr Monikaan itti dhihaatanis morkattoota hunda Baha Afrikaa irraa ta'an kan hirmaachise ture. Morkattoota isaanii Somaaliyaafi Ugaandaa caalun irra aanan.

Damee Pirofeesar Hiruut irratti dorgoman dabalatee dameewwan komishinaroota lama yaa'ii ganna dhufu adeemsifamurra akka filaman eegama.

Waa'ee Pirof. Hiruut

''Akka hayyuu, saayintistii, gaggeessituu jijjiiramaafi dursaa garee dippilomaasiitti muuxannoo garagaraa waan qabaniif bakka kanaaf nama malanidha,'' jechuun MM I/Aanaa Dammaqaa Mokonnin kana dura deeggarsa isaanii ibsanii turan.

''Damee akkaadaamiin qabxii guddaa kan argatan Pirof. Hiruut si'a sadii ministira ta'un tajaajilaniiru'' jechuun hirmaannaa siyaasaa isaaniis ibsu.

Paan Afrikaanizimii sirna barnootaa Afrikaa keessa galchuuf, carraa barnootaa paan Afrikaanizimii cimaa ta'e egaluu, giddugala ga'umsaafi kaan yaadawwaan lammiin Itoophiyaa kuni ittiin dorgomanidha.