Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidant Saahilawarqi Zawudee tarree dubartoota ciccimoo addunyaa keessatti hammataman
Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudee tarree dubartoota ciccimoo addunyaa bara kanaa keessatti hammataman.
Tarree dubartoota dhiibbaa taasisan bara kanaa 100 barruun Foorbiis baasee keessaa pirezidanti Saahilawarqi sadarkaa 96ffaa irratti argamu.
Pirezidantii dubartii Itoophiyaa kan jalqabaa kan ta'an Saahilawarqi nama Afriikaa tarree kana keessatti hammataman ta'aniiru.
Forbiisii fuula isaa irratti ''haasaa mana mareef yeroo jalqabaatiif taasisaniin dubartootaaf sagalee ta'uuf waadaa galaniiru'' jechuun kaaseera.
Haaluma kanaanis filatamuun ishees Itoophiyaa keessatti bakka bu'iinsi dubartootaa hanga ta'een dabalaa dhufuu kan agarsiisu ta'us eereera.
Tarree kana keessatti eenyu fa'itu hammatame?
Tarree kanaan jalqabarra kan ka'aman duree Jarman Angeelaa Markal. Dureen tunis tarree kana keessatti walitti aansuun waggoota kudhaniif tokkooffaa qabataniiru.
Akkasumas wayita tarree kana keessatti hammataman kan bara kanaas yeroo 15ffaadhaaf.
Sadarkaa sadaffaa irratti kan eeraman ammoo Kamaalaa Haariis kan pirezidaantii Ittaantu Ameerikaa ta'un filatamaniidha.
Ministirri Mummee Niiw Ziilaand Jasiindaa Ardan ammoo sadarkaa 32ffaa irratti argamu.
Tarreen namoota addunyaarratti dhiibbaa taasisanii kunneenis wayita bahu kan bara kanaa kun yeroo 17ffaa ta'u fuulicharratti ibsameera.
Tarree bara kanaatiinis dubartoonni biyyoota 30 keessaa babbahaniitu keessatti hammatame.
Isaan keessaa 10 dureewwan biyyootaa yoo ta'an, 38 isaanii ammoo gaggeessitoota hojii, shan ammoo dubartoota damee bashannanaa irratti hirmaataniidha.
Dubartoota dureewwan biyyaa tarree kanaan hammataman keessaa kanneen tatamsa'ina koronaavaayirasii dhaabuu danda'an akka argaman ibsameera.
Yeroo lammaffaaf ministira mummee Niiw Zilaand ta'un kan filataman Jaasindaa Ardan, weerara Covid marsaa jalqabaafi marsaa lammaffaa haala gahumsa qabuun to'achu dandeessee jirti jedhamte.
Sadarkaa 37 irra kan kaa'aman pirezidaantiin Taayiwaan Saay Inigi Ween namoota kanneen vaayirasiin qabaman waliin tuttuqaa qaban adda baasuuf adeemsa hojimaataa bu'aa qabeessa ta'e diriirsaniiru.
Ta'iiwan kan namoonni miliyoona 23 keessa jiraataniitti namoonni sababii weerarichaatiin lubbuunsaanii dhaban torba qofaadha.
Dubartoota tarree kanaan hammataman keessaa sadarkaa shanaffaa irratti Miiliindaa Geetis fi sadarkaa torbaffaan ammoo Naansii Peeliisii ni argamu.
Oppiraa Wiinfireey sadarkaa 20ffaa irra kaa'amte jirti. Gama bashannanaatiin weellistoonni Riihaanaa sadarkaa 67 fi Biiyoonseen ammoo sadarkaa 72 irratti argamu.
Qabxiilee ijoo waa'ee pirezidanti Saahilawarqi
Magaalaa Finfinneetti dhalachuun kan guddatan pirezidaanti Saahilawarqi, haadha ijoollee dhiiraa lamaati. Waggoota dheeraadhaafis dippilomaatii ta'un hojjataniiru.
Afaan Faransaayii, Ingiliffaa fi Amaaraa sirriin dubbatu.
Yunivarsitii Faransaayi Montapeel jedhamurraa saayinsii umamaatiin kan eebbifaman yoo ta'u, bara 1989-1993tti Seeneegaaliitti bu'urreeffachuun, Ambaasaadara biyyoota Maalii, Keep Vardee, Giinii bisaawu, Gaaboon fi Giinii ta'un tajaajilaniiru.
Akkasumas bara 1993- 2002tti ammoo Ambaasadara Itoophiyaa ta'un Jabuutii hojjataniiru. Yeroo sanattis bakka buutuu dhaabbataa Motummoota Gamtoomanii kan IGAD ta'unis hojjachaa turan.
Ittaansunis bara 2002- 2006tti Faransaayiitti Ambaasaadara akkasumas bakka buutuu dhaabbataa Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa Motummoota Gamtomanii ta'un hijjatan.
Isaan booda ammoo Motummoota Gamtoomaniitti ergamtu addaa ta'un bakka buutuu humna kabachisaa nagaa qindoomee (BINUCA) tti itti gaafatamtu ta'un Jiddugala Afrikaatti tajaajilaniiru.
Gamtaa Afriikaa keessaafu Komishiinii Dinagdee Motummoota Gamtoomanii keessattis bakka buutuu dhaabbata Itoophiyaa ta'un tajaajilaniiru. Ministira Haajaa Alaa keessatti Daareektara Janaraalaa Dhimmota Afriikaa ta'un hojjataniiru.
Bara 2011tti Barreessaa mummee motummoota gamtoomanii kan turan Baan Kiimuun, Keeniyaatti daarektara Janaraala motummaa gamtomanii taasisuun mudanii turan.
Barreessaa Mummeen Motummaa Gamtooman Antoniiyoo Guteerasimmoo ittigaafatamtuu waajira motummoota Gamtoomanii Gamtaa Afriikaa gochuun mudaniiru.
Waggoota lamaan darbanii as ammoo pirezidaantii Itoophiyaa ta'un tajaajilaa jiru.