Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Tiwiitara irratti sarara tokko barreesseen daldala abbaakoo baduurraa oolche’
Hojiin tajaajila konkolaataa suphuu cufachuuf gahe akkatti ergaa tiwiitaraa tokkoon oolchite ibsiti Haarleey Waash.
Suuraa abbaashee kan makaanikia tahe Jiim, maamiloota hawwachuuf yaaduun maxxansite.
Iyyannaashee kana kan gadi baaste erga abbaanshee hojii garaajiisaa waggaa 35 ture sababii weerara koronaatiin rakkoo keessa jiraachuu barteen boodadha.
Yeroo weeraraa hojjechuu itti fufanillee lakkoofsi maamilootaa hir’isaa dhufe cirumaa gabaan akka bade itti himan.
Haarleey akka jettutti lakkoofsi maamilootaa guyyaatti shan irraa, gara torbeetti shanitti hir’ise kunis sababii Covid-19n konkolaachistoonni daandiisaanirra dhufan hir’isuu isaaniiti.
Gaafa Kamisaa intalli makaanika kanaa yeroo suuraa abbaashee tiwiitara irra maxxansitu maamiloota muraasa argadha jettee yaaddeeti.
Haatahu malee, suuraan maxxansite sa’atii tokko keessatti ala 1000 caalaa qoodame, torbee tokko keessatti ammoo 19,000 gahe.
Torbee kana gaaraajiin abbaashee hundi maamilootaan kan qabame yoo tahu, torbee dhufuufis guutuu dha.
Waan isheen barreessite akkas jedha:’’ Kuni abbaa kooti. Gaaraajiinsaa waggaa 35 ol hojjete sababa Covid’n rakkoo keessa galeera.’’
‘’Akkanitt yoo fufe, cufamuunsaa waan hin hafne.’’
‘’Abbaan koos sababa kanaan gadadamaa jira,’’ jechuun Haarleen Sagantaa Raadiyoo Iskootilaand, Drivetime jedhamutti himte. "Kana dura homaan jedhu ture gaafa Kamisaa namni tokkoyyuu dhufuu dide,’’ jette.
"Abbaa koo fi haadha koo dhimma kana Tiwiitara irratti barreessuuf nan amansiise, abbaankoo koottaa maaloo jedheen waamaa? naan jechaa ture,’’ jetti.
"Abbaakoo hojii dhugaaf gaafataa jirta ittinan jedhe. Deebii boodarra arganneen baayyeema dinqame,’’
‘’Garaagarumma guddaa fide.’’
Haarleen , amma hojii koo duriitti deebi’aa jira naan jedhe, jetti.
Maamilootni amma dhufaa jiran immoo baayyeen isaanii dargaggoota gatii tahaniif deebi’aniis dhufu abdii jedhus qaba.
"Akkasumatti itti fufa abdii jedhu qabna,’’ jetti Haarleen. ‘’Abbaan koo duraan dargaggoonni konkolaataan isaanii akka sirreeffamu kan barbaadan ijaa itti hin fakkaanneef, maamiloota dhufaa jiranitti dinqameera."
"Namoonni gaariin jiraachuu baruufi kana miidiyaa hawaasaa irratti argachuun," namatti tola jette.
‘’Torbee darbe keessa lafumaa ka’ee dhufeetu na hammata ture, anis achumatti hojii isa gargaaraan ture.
Akkanatti isa arguukootti baayyeen gammade, kunis jijjiirama guddaa fideera, jetti