Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Firaank Laampaard: Chelsiin manaajera isaa ji'oota 18 booda ari'e
Chelsiin manaajer kilabichaa Firaank Laampaardiin turtii ji'oota 18 booda ari'e.
Taphataa sarara gidduu Chelsiidhuma kan ture Laampaard kilabichi Piriimer Liigii keessatti sadarkaa saglaffaa irratti dhiisee ari'ame.
Ga'eessi gannaa 42, Laampaard torban darbe gareen isa Leester Siitiin kan mo'ame yoo ta'u, taphoota shan darban keessaa tokko qofaa mo'achuu danda'eera.
Laampaard waliigaltee kontiraata waggaa sadiin ture Maawuriiziyoo Sarrii bakka bu'uun kan bara 2019 gara Isaamford Biriiji dhufe.
Akkuma dhufeen Waqtii jalqabaa isaa keessatti Chelsiin Piriimer Liigii keessatti sadarkaa afraffaarra akka ta'u gochuun FA Cup irratti akka hirmaatu taasisee ture.
Haata'u malee, Chelsiin taphoota saddet keessaa shaniin mo'amuun hanga irraa eegamu galmeessisuudadhabeera.
Chelsiin ibsa baaseen akkas jedhe: "Kun murtee baayyee rakkisaadha. Dhimma abbaa qabeenyaas ta'e boordiin akka salphaatti ilaalan hin taane."
"Akka leenjisaa dursaa kilabichaatti turtii isaa keessatti Firaank Laampaard kan milkeesseef galata qabna. Haata'u malee, bu'aafi raawwiin kilabichi dhiyeenya kana argamsiisaa jiru kan isarraa eegamu waan hin guutneef, kilabicha walakkaa Waqtii taphaatti dhiisee akka deemu gochuun akka deebiyee foyyaa'uuf fala barbaaduuf.
"Nama kilabicha keessatti baayyee beekamaa ta'e akka Laampaardiingaggeessuun ulfaataadha. Garuu marii yeroo dheeraa booda kilabichi akka of foyyeessee raawwii gaarii isaatti deebiyu gochuuf murtaa'eera. "
Abbaan qabeenyaa Cheslii Roomaan Abramooviich gama isaatiin amma ari'amullee Laapmaard "mallattoo addaa" kilabichaa gaheen isaa yoomiyyu hin xiqqeefamnedha," jedhe.
"Inni nama amanamaadhaafi hojii isaatti naamuusa ol-aanaa qabudha, Haata'u malee, haala amma jiruun manaajera jijjiiruun gaarii ta'a."