Arseenaal dorgommii FA Cup'n ala yoo ta'u, Maanchistar Yunaayitiid fi Liivapuul har'a morkatu

Maxxanfame

Saawuz Haampitan garee Arseenaal waancaa FA Cup bara darbee injifate dorgommicha keessaa baasaniiru.

Saawuz Haampitan galchii njifannoo kan argatan daqiiqaa 24ffaa irratti yaalii Kaayil Wookarsi Piitarsi taasise Gaabri’eel ofirratti lakkoofsisuun ture.

Galchiin kun daqiiqaa 508 booda Arseenaal irratti kan lakkaa’amte kan jalqabaa yoo taatu, kilbichi taphoota torba booda kan injifatame.

Marsaa itti aanutti Saawuz Haampitan Woolvis waliin kan morkatan ta’a.

Morkataan isaanii itti aanu Woolvis, Piriimiyer Liigii keessatti kan laaffatan yoo ta’u, marsaa FA Cup kanas akka hin taanetti kilaba liigichaan ala ta’e Choorlii moo’uun darbani, kanaafuu kilabni dorgommicha 1976 irratti moo’an Saawuz Haampitan, tapha dhufu hawwiin eeggatu.

Gama biraatiin tapha guddaa dorgommichaatiin Maanchistar Yunaayitid Liivarpuuliin yoo keessummeessan Viiktar Liindeloof taphichaaf nidhaqqaba jedhameera.

Maarkas Raashfoordi tapha PL darberratti teessoo jijjiirraa irraa ka’uun kan taphate yoo ta’u, gara filannoo jalqabaatti nideebi’a jedhamee eegama.

Dursaan taphattootaa Liivarpuul Joordaan Heendarsan tapha Baarnileeyiin injifataman irratti miidhaa salphaan kan hafe yoo ta’u, ammas deebi’uunsaa shakkisiisaadha.

Mohaammad Saalaafi Firmiinoon tapha darbe jijjiiramanii kan seenan yoo ta’u, tapha kanatti filannoo jalqabaan deebi’uu malu.

Jooyeel Maatiipp tapha warra Kilaareetisi waliin taasisan irratti miidhamaan booda kan deebi’e ta’us, miidhamni akka itti hin deebineef walitti aansuun taphachiisuunii hafuu malu.

Tapha kaleessa taasifame biraatiin, Maanchstar Siitiin salphina kilaba liigichaan ala ta’e Cheltanhaam Taawuniin injifatamuun dorgommii keessaa ba’uuf turan irraa bayyaannachuun 3-1’n moo’anii marsaa shanaffaatti darbaniiru.

Taphoota birootiin Biraayitan Bilaakpuuliin 2-1, Baarnileey Noorwiichiin 1-0’n injifachuun warreen marsaa itti aanutti darban keessaayyu.

Guyyaa har’aa taphoota geggeeffamn kaan keessaa, Cheelsiin Luutan Taawun kan itti keessummeessuufi Leestar gara Bireentifoorditti deemuun kan ittiin morkatan si’oominaan eegamu.