Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fernandes, Lingaard, Lukaakuufi jijjiirraa taphattootaa haasawaman kaan
Maanchistar Yunaayitid taphataa ganna 26 Biruunoo Fernaandeesh afaan barbaaddota isaarraa baasuuf waliigaltee haaraa torbeetti paawundii 200,000 argamsiisuuf dhiyeessuufiif akka jiran beekame.
Kilaboonni akka Baarseeloonaafi Riyaal Maadriid taphataa Yunaayitid erga dhufee dhiibbaa guddaa uumuu danda’e kana fudhachuuf warra saammachaa jiru keessaayyu.
Taphataan sarara jidduu Jeesii Liingaardi, Maanchistar Yunaayitid Amajjii dhufu keessa akka isa gadhiisu gaafachuufi jedhame. Liingaardi kilaboota Piriimiyar Liigii hedduun akkasumas kilaboota Iskootiish, Reenjarsi fi Seeltiikiin barbaadamaa kan jiru ta’uutu gabaafama.
Taphataan kun garee jalqabaa keessatti sa’aatii taphaa argachaa jiraachuu baatus, Yunaayitid koontiraata haaraa wagga tokkoof turu kennuufiif akka fedhan himama.
Leenjisaan Arseenaal Maayikil Arteetaa kilabnisaa duraanii Maanchistar Siitiin taphataa sarara ittisaa Ingilaandi Joon Istoones gurgurtaaf kan dhiyaatu yoo ta’e akka isa beeksisan gaafachuun gabaafame.
Intar Miilaan taphataa Eevartan fi Maanchistar Yunaayitid duraanii Roomeeluu Lukaakuuf waliigaltee haaraa kennuuf haasawaa jiraachuun dhaga’ameera. Taphataan Beeljiyam ganna 27 kun Juveentuusiin dabalatee kilaboota biroonis ni barbaadama jedhamaa jira.
Daayirektarri Ispoortii PSG Liyoonaardoon taphataa sarara fuulduraa Firaansi Kiiyliyaan Imbaappee kilabicha keessa tursiisuuf yaaliin taasifamaa jiru haala gaariirra jira jedhani.
Tootanhaam taphataa sarara jidduu Biraaziil Wiiliyaaniin ganna darbe Cheelsiirraa mallatteessisuuf ‘‘yeroo keenya hin qisaasne’’ jedhani. Sababni isaas miindaan Arseenaal taphataa umurii wagga 32 kanaaf dhiyeesse humna keenyaa ol waan tureefi jedhani.