Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kubbaa miilaa: Pogbaa, Ozil, Mbaappee fi jijjiirraa taphattootaa haasawaman kaan
Taphataan sarara jidduu Maanchistar Yuunaayitid fi Firaans Pool Poogbaa, 27, bara dhufutti jijjiiraa bilisaatiin Baarseeloonaaf taphachuu barbaada jedhe.
Juveentuus jifataa Paris St-Germain fi lammii Firaans ka tahe Kiiliyaan Mbaappee, waqtii jijjiirraa bara dhufutti, maallaqa rekoordii taheen gara kilabichaa fiduuf qophiirra jira.
Taphataa sarara jidduu Arsenaalii fi Jarman Meesuut Ozil, 31, carraa Arsenaaliin dhiisee Liigii Piroofeeshinaalii Sa’uditti taphataa torbaniin yuuroo 200,000 argachuu danda’u hin barbaadu jechuun dideera.
Taphataan sarara ittisaa Jarman Antooniyoo Ruudijeer, 27, bona keessatti gara Cheelsii deebi’uu barbaada jedheera.
Gama leenjistootaatiin ammoo, leenjisaan duraanii Juveentus Maasimiliyaanoo Aleegriin, tarii leenjisaan Maanchistar Yunaayitid komatamaa jiran Olee Gunar Solshaayer yoo ari'aman, bakka bu'u jedhamaa jira.
Sargiyoo Aguweeroo, 32, taphataa sarara fuulduraa Maanchistar Siitii fi garee biyyaalessaa Arjeentinaati. Kilaba Serie A Intar Miilaan irraa taphaticha mallatteesiisuuf fedhii mul’isus fedhii qabaachuu dhabuusaa himeera.
Kilabni Piriimeer Liigii Ingiliiz Cheelsii taphataa sarara jidduu fi lammii Itaalii ta’e Jorginho waliigalteesaa dheeressuuf waliin dubbachuu jalqabaniiru.
Ittisaan kilaba Arsenal fi lammii Bosniyaa-Herzegoviinaa tahe Si'aad Kolaasinaach, kilaba Xaaliyaan Roomaaf akka taphatu Arsanaal barbaada.
Taphataan sarara fuulduraa Liivarpuul fi Swiizarlaand Xherdan Shaaqiri, 29, kilabicha keessa turuu akka barbaadu himeera.
Maanchistar Yuunaayitid taphataa Baayern Muuniik fi Firaansi sarara fuulduraa Kiingsleey Komaan, 24, jijjiiraa taphattootaa bona keessa jiraatuuf, maallaqa waliigalteef oolu hin galchine jedhan daayirektarri kilaboota ispoortii Jarman Hasan Saalihaamidziik.
Weest Biroom taphataa Haadersfiild fi Ingilaand sarara fuulduraa Kaarlan Giraant, 23, yuuroo miiliyoona 15’n mallatteessisuufi waliigaleera jechuun Iskaay Ispoortis gabaaseera.
Juuveentus dorgommii Maanchistar Siitii fi Baayern Muuniik taphataa sarara ittisaa Ostiriyaa Deeviid Alaabaa, 28, maallatteessisuuf taasisanitti makameera.
Kilabiin Piriimeer Liigii Liivarpuul liqiidhaan Haarii Wiilsan kilabichaa akka deemu fedhii qabaatus, Swansea City wajjin waliigaluu hin dandeenye.
Wiilsan taphatoota shan Liivar Puul gad lakkisuuf karoorse keessaa isa tokko.