'Dhalli namaa duula uumama irratti baneen ‘of-balleessuutti’ jira'

Maxxanfame

"Pilaaneetiin keenya daran miidhamteetti,’’ jechuun barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN) Antooniyoo Guuteerees Roobii darbe akeekkachiisan.

Dhalli namaa ‘waraana isa balleessu’ uumama addunyaa irratti geggeessaa jira. ‘‘Uumamni yeroo hunda haaloo niba’atti, ammas humna qabu sassaabbachuun ba’achuutti jirti,’’ jechuun wal-tajjii addaa BBC irratti himaniiru.

Abba Guuterees rakkoo jijjiirama qilleensaa addunyaarratti ergama isa ijoo UN taasisuu fedhu.

Haasawa ‘Waa’ee Pilaaneetii Kanaa’ jedhu irratti ‘‘kaayyoon UN guddaan’’ bara dhufu wal-ta’iinsa addunyaa gadhiifama gaasiiwwanii gara zeerootti gadi buusuuf hojjatu hundeessuudha.

‘Net Zero’ sochiin jedhu gaasiiwwan summaawoo haga danda’ameen xiqqeessuun gara fuulduraattis akka hin gadhiifamne taasisuun akkasumas kan qilleensa keessa jiru balleessuu danda’uudha.

Akka Guuterees jedhanitti biyyoonni, magaalonni, dhaabileen faayinaansiifi kaampaaniiwwan ‘‘hanag 2050’tti karoora ‘net zero’ baafachuu qabu’’. Akka ilaalcha isaaniitti, qaamoleen kunneen mul’ata kana milkeessuuf gamanumaan tarkaanfiiwwan murteessoo fudhachuu eegaluu qabu.

Kaayyoon keenya, jedhu barreessaan olaanaa UN kun, gaasiiwwan akka addunyaatti gadhiifaman kan 2010’n walbira qabuun, hanga 2030’tti %45’n gadi buusuudha.

Wantoonni Abba Guuterees biyyoonni addunyaa akka godhan fedhan:

· Kaarbooniif gatii itti baasuu/kaffalchiisuu eegaluu

· Omisha boba’aa qaamolee du’anirraa argamu deeggaruu dhiisuu

· Gibira galii argamurraa osoo kaarbooniitti akkasumas warra gibira kaffalurraa osoo hin taane warra kaarboonii gadhiisuun qilleensa faalurraa sassaabuu

· Tarsiimoowwan kaarbooniirraa bilisa ta’an raggaasisuu

· Addunyaarratti warra sababa jijjiirama qilleensaan daran miidhaman gargaaruu

Abiddaafi lolaa hamaa

Ajandaa ulfaataadha, garuu gamanumaan tarkaanfiin cimaan fudhatamuu qaba, akka Abba Guutareesitti

"Saayinsiin ifatti kaa’eera, omishni boba’aa wantoota du’anirraa omishamu hang 2030’tti wagga waggaan %6’n hir’achuu baannaan, dubbiin hammaachaa deema. Akka malee hammaata."

" Yoo dafnee waa gochuu baanne, dhuma jaarraa kanaarra digrii sadii hanga shanii ga’u dabaluun keenya hin oolu, sunis baay’ee gaarii miti" jedhaniiru dabaluun.

Dhiibbaan isaa ammumallee addunyaarratti mul’achaa jira.

"Abiddaafi lolaan hamaan waanuma baramaa ta’eera, seerri uumamaas cabeera. Gammoojjiin babal’achaa qaamoleen bishaaniis pilaastikaan guutamaa jiru." jechuunis akeekkachiisani.

Battala dhugaa

Yaa’ii UK fi Xaaliyaan dhimma jijjiirama qilleensaa irratti Sadaasa bara dhufuu keessa qopheessan gubbaa biyyoonni addunyaa dammaquun gaasiiwwan summaa’oo gadhiisuu xiqqeessuuf kutachuu qabu jechuun dubbatu jedhame.

"Battala dhugaa" waliin itti wal-agarrutu dhufa.

Abdiin jiraachuus garuu hin dhoksine.

Gamtaan Awurooppaa, US, Chaayinaa, Jaappaan, Kooriyaan Kibbaafi biyyoonni 110 ol walakkaa jaarraa kanaarra kaarbooniirraa bilisa ta’uuf kutannoo qabu jechuun.

Miirri jiru gara sochiitti jijjiiramee arguu akka fedhan ni dubbatu.

Teeknooloojiin galma keenyarra akka geenyuuf nugargaara jedhanii akka amanan dubbatu, Abba Guterees.

"Karaa nageenyaafi itti fufiinsa qabu baafachuu qabna. Amma yeroon waraana pilaaneetii keenya dacheerratti labsine itti dhaabnudha, dhukaasa keenya bara baraaf dhaabnee uumama waliin araara buusuu qabna," jedhani hogganaan UN kun haasawa isaanii yoo xumuran.