Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jijjiirama Qilleensaa: Sirni akeekkachisa haala qilleensa hamaa foyya’uu qaba jedhe UN
Gabaasni haaraan Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) baase akka agarsiisutti, addunyaan sirna balaan otoo hin umamiin dursa akeekkachiisu irratti hojjachuu cimsuu qabdi jedhe.
Waggoota 50 darbanitti balana jijjirama qilleensaan walqabatu dachaa shaniin dabaleera.
Qorannoon kun akka akeeketti, addunyaarratti namoota sadii keessa tokko wayita balaan haala qilleensaa hamaan walqabatu uumamu akeekkachisa sirnaa gahaa hin argatan.
Waggoota kurnan dhufanitti namoonni balaa uumamaan miidhamanii deeggarsa barbaadan harka 50’n dabaluuf jiru.
Waggoota 50 darban keessatti balaan 11,000 haala qilleensa, qilleensa baramaa fi balaa bishaaniin uumame lubbuu namoota miliyoona lamaa dabarsee. Kana malee qabeenya doolara tiriliyoona 3.5 mancaasera.
Bara 2018 keessa namoonni miliyoona 108 balaarraa dandamachuun dhaabbilee idila addunyaarra deggarsa eeggata turan.
Bara 2030tti lakkoofsi kun harka walakkaan dabaluuf deema. Kanaafuu sirni akeekkachisaa bu’a qabeessi jiraachuu qaba jedhe UN.
Biyyoota guddataa jiran fi biyyoota odolootarra jiran keessatti sirni akeekkachisa balaan duraa fooyyeen jiraachuu qabaata.
Biyyooonni kun sababa balaa qilleensa baramaatti hidhata qabuun waggoota shanan darban qabeenya doolara biliyoonatti lakka’amu dhaban jedha gabaasichi.
Duuti lubbuu namaa balaa umamuun darbu harki 70 biyyoota guddacha jiran/hiyyeeyyii keessatti qaqqaba.
Akka dhaabbanii meetiwooroolojii addunyaa(WMO) jedhuutti, Afrikaatti neetiworkii haala qilleensa itti ilaalamu ga’umsa qabu kan jiru keessaa harka 26 qofa. Weerarri koronaavaayirasii sirumayyuu akeekkachisa balaan duraa ittuu rakkoo keessa buuse.
Dhaabbata meetiwooroolojii addunyaa barreessa kan ta’an pirofeesar Pitarii Taalas akka jedhanitti, balaa uumamu dursa qophaa’un fi yeroo ummameettis deebii si’ayinaan kennuun lubbuu namoota eeguu akka gargaaru dubbataniiru.
Jjijjiramni haala qilleensa balaa lubbuu namaa, sirnakkoo, dinagdee fi hawaasummaan miidhuu ittuma fufaa jedhaniiru.