Haleellaa Afgaanistaan: Haleellaa Kaabulitti wirtuu barnootaarratti raawwateen namoonni 18 du’an

An Afghan man wheels an injured man in a hospital after a suicide bombing in Kabul, Afghanistan 24 October 2020

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Magaalaa guddoo Afgaanistaan, Kaabulitti haleellaa wiirtuu barnootaarratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 18 kan du’an yoo ta’u, namoonni hedduu biroos madaa’uusaanii qondaltonni himaniiru.

Gama kaaniin, Kaameroonittis haleellaa mana barnootaarratti raawwatameen yoo xiqqaate ijoolleen jaha ajjeefamaniiru.

Dhoohinsi kunis dhaabbata dhuunfaa barattoota dhaabbilee barnoota ol’aanotti barataniif gosa barnootaa kennurratti qaqqabuu ministeerri hajaa biyya keessaa ibseera.

Gamoon kunis yeroo baay’ee barattoota Shiyaa Musliim ta’an dhibbaatamaan laakka’aman fudhatee barsiisa.

Hedduunsaanii hospitaala geeffamaniiru. Sodaan lakkoofsi namoota du’anii dabaluu danda’a jedhutu jira.

Gareen IS haleellaa kana duuba jiraachuu maxxansa miidiyaa hawaasummaarratti maxxanseen ibseera, garuu ragaa hin dhiheessine.

''Namni boombii dhoosee ofiin of balleessu, wiirtuu barnoota keessa seenuu barbaadee ture,” jechuun ministeerri hajaa biyya keessaa Xaariq Ariyaan dubbachuu AFP’tu gabaase.

Dabalataanis namni haleellaa kana raawwate eegdotan kan adda baafame ta’uusaa himuun “boodarra haleellicha raawwateera” jedhan.

Jiraataan Alii Reezaa AFP’tti akka himetti, isaan ajjeefamanii fi madaa’an barattootaa gara wirtuu seenuuf turan ta’uusaanii himaniiru.

“Yeroo dhoohinsi kun lafatti na kuffisu wiirtuu barnootaarraa fageenya meetira 100 irratti argama ture,” jedheera.

Torbeewwan darban keessatti Afgaanistaan haleellaa adda addaa keessummeessaa jirti – hedduunsaanii Taalibaaniin kan raawwatamaniidha.

Haleellaan guyyaa Sambataa wirtuu barnootaarratti raawwatame haleellaa jalqabaa wirtuu barnootaarratti raawwatame miti.

Haleellaa Hagayya bara 2018 wirtuu barnootaarratti raawwatameen namoonni 48 kan ajjeefaman yoo ta’u, hedduunsaanii ijoollee ganna 20 gad turaniidha.

Gareen IS haleellaa kana duuba akka jiru ibsee ture.

Ji’a Caamsaa keessas magaalaa Kaabulitti haleellaa hospitaalatti hidhataa hin beekamneen raawwatameen dubartoonni 24, daa’imanii fi ijoollee ajjeefamanii turan.

Jalqaba torbee kanatti bulchiinsa Takaar keessatti mana barnootaa amantiirratti haleellaa qilleensarraa raawwatameen ijoolleen 11 fi barsiisaansaanii ajjeefamuusaanii qondaaltonni himaniiru.

Mootummaan Afgaanis haleellaa kana Taalibaantu raawwate jedheera.

Kaameroon

Aftermath of classroom

Madda suuraa, Reuters

Gama biraatiin Kaameroonitti haleellaa mana barnootaarratti raawwatameen yoo xiqqaate ijoolleen jaha ajjeefamaniiru. Namoonni baay’eenis madaa’usaanii qondaaltonni ibsaniiru.

Ijoolleen ajjeefaman kunis gannisaanii 12 fi 14 jidduutti kan argaman ta’uusaanii ibsameera.

Ijoolleen muraasni haleellaa jalaa miliquuf jecha osoo gamoo darbii lammaffaarraa utaalan miidhamaniiru.

Viidiyoon marsaalee hawaasummaarratti gadhiifamae akka mul’isutti namoonni yeroo ijoollee qabatanii fiigan agarsiisa.