Namni nama ajjeesee mana hidhaatii miliquuf utuu yaalu to'annoo jala oole

Piiter Mads

Madda suuraa, Ritzau Scanpix/Nils Meilvang

Maxxanfame

Hojjaataa doonii bishaan jalaa (submarine) kan ture lammiin Deenmaark Piiter Madsen gaazexeessituu lammii Iswiidin Kiim Wooliin ajjeese mana hidhaati miliquuf utuu yaaluu qabameera.

Poolisiin mana hidhicha cinatti Piiteriin to’annoo jala oolchuu isaa beeksiseera.

Suuraan bakka sanatti kaafame lixa Kopenhaagenitti poolisiin mana hidhaa sana cinatti itti marsanii yeroo jiran agarsiisa.

Ajjeechaa Kiim Wooliin himaamee Piiter hidhaan umurii guutuu irratti murtaa’ee ture. Bara 2017 gaaffii fi deebii gaggeessuuf jecha doonii inni ijaare irra baate.

Guyyaa 11 boodaa reeffii ishee kukkutamee qarqara galaanaatti kara deemaan argame.

Miidiyaan Deenish akka gabaasetti mana hidhaa Heristedvesteritti piitar boombii qaba jechuun poolisitti himee ture.

Ta’us poolisonni to’annoo jala isa olchuun bakka Sanaa fudhaniini deemaniiru.

Kiim Wool eenyu turte?

Dadhachaa irratti du’I gazeexxisituu sana tasa kan uumame jechuun iyyatuus fudhatama hin arganne. Boodarra garuu balleessaa isaa ta’uu gazexxesitoota biratti amaneera.

Gaazexeessituu Kiim Wool

Madda suuraa, Tom Wall

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessituu Kiim Wool

Kiim Wool gazexeessittuu of danda’uun hojjattuu fi addunyaa mara irratti Kooriyaa Kaabaa hanga Yugaandaatti miidiyaalee gurguddoo hedduuf gabaasa hojjachaa turte.

Yeroo doonii Piiter irraa gaabaasuuf hojjechuuf baateetti, gara Chaayinaatti imaluu isheen dura gabaasashee isa dhumaa ture.

Mana hidhaatti maaltu uumame?

Jalqabarratti poolisiin Koppenhaagen namni miiliquuf yaalaa ture to’annoo jala oolera jechuun ala odeeffannoo biraa hin kennine ture.

Garuu suuraa namicha daandirra ta’aa turerra akka argamutti Piiter ta’uu isaa ifadha.

Gartuun boombii fashaleessanii nannichatti ergamanii kan turan yoo ta’u, yeroo muurasa booda Piitar marsamee to’annoo jala oole.

Akka gabaasa TV Deenishitti, Piitar hidhaan uumurii guutuu kan itti murtaa’ee yoo ta’u kun ammo gara hidhaa wagga 17 jechuudha.