Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaaffiiwwan abbootii alangaa naannoo Tigraay deebii dhaban maal fa'ii?
Abbootiin alangaa naannoo Tigraay kanneen nannoo biraatti argaman waliin hojii walfakkaataa hojjatanillee miindaafi faayidaa argataniin garuu addaa adda.
Abbootiin alangaa naannoo Tigiraay kaffaltaafi faayidaawwan gara garaa isaaniif mala argachaa akka hin jirre komii cimaa kaasaa jiru.
Akkasumas, gahee ogummaa isaanii qixa barbaachisuun akka hin ba'aneef dhimmi siyaasaa gidduu seenuun hojii isaaniitti danqaa ta'uu BBC Tigrinyaan abbootii alangaa naannichaa dubbisuun gabaaseera.
Gaaffii mirgaafi haaqaadha jedhan kanas Biiroo Haqaa naannichaatti baatiiwwan dura galfatanilleen deebii sirri kan hin arganne ta'uu dubbatu.
Nageenya isaatiif jecha maqaan isaa kan geedarame Obbo Daani'eel, abbootii alangaa kanneen naannoolee biraa keessatti argaman irraa aaddatti mindaan abbootii alangaafi aabbootii seeraa naannoo Tigiraay komii amma umammeef ka'umsa akka ta'e ibsan.
Abbootii alangaa naannooleefi Federaalaatti argamaniif ji'aan mindaan Birriin kuma 15-20 yoo kaffalamuuf, isaaniif Birrii 8,700 qofaan akka kaffalamuuf himu.
Garaa garummaan kunis Waxabajji darberraa kaasee yoo ta'u innumaattuu kan naannoo Oromiyaatiif kuma 18-21tu kaffalamaaf jechuu fakkeenyaan ibsu.
Tigraay godina Kibba Bahaatti haadha alangaa ta'uun kan hojjattu Tizitaa Geetachoo gamasheetiin garaa garummaan baatiiwwan muraasaan dura uumame kun akka sirratuuf gaafatanilleen kan dhagahu dhabuu dubbatti.
''Hojii walfakkaatuuf mindaa walfakkaataan labsamulleen, nuti kaffaltii gadaanaa arganna. Baatiiwwan torbaafi saddeetiif oliif Itti-gaafatamaa Biiroo Haqaa naannichaa gaafanneera. Hanga ammaattis deebii hin argannee,'' jetti.
'Jireenyi keenyaa kan guyyaa guttachuu qofa ta'eera'
Garaa garummaan kun kanneen naanoolleefi Faderaalaatti argaman waliin qofaa osoo hin taanee, naannichatti abbootii seeraa mindaafi faayidaalee walfakkaatu waliin argataa turan waliinis ta'uu himu.
Obbo Daani'eel, "Abbootii seeraa nannichaatiif daballii mindaa %80 hanga 100 ta'utu taasifame.
Garaa garummaan abbootii alangaa naannooleefi kan Federaalaa jidduu jiru kan uumame haala siyaasaa xiyyeeffannaa keessa galchuun waan ta'eef isin hin dabballu jedhameera,'' jechuun deebiin kennamuuf ibsu.
"Naannichatti osoo abbootii seeraatiifi daballiin mindaa hin taasifamneef ta'e, sababiin 'ilaalaa jirra jedhan' sun kan amansiisu ta'uu mala ture.
Tokkoof dabaluun kaan irratti loogii taasisuun gonkumaa sabab ta'uu hin danda'u. Daballi miindaa abbootii seeraa qofaaf osoo hin taanee kaabinootaafi hojjattoota abbootii alangaa deegaran hundaaf kan taasifame. Abbootiin alangaa garuu miindaa isa waggaa afur duraatiin jiraachaa jirra," jedhan.
Abbaan alangaa biraa Mu'uuz Tsagaayee gamasaatiin, gaaffii walqixxuummaa kana gaafachuusanitiin, itti-gaafatamaan Biiroo Haqaa naannichaa 'mindaa abbootii seeraa hir'ifna malee isiniif mindaa hin daballu' jechuu isaanitiin kaan isaanii abdii kutachuun hojii dhaabuu dubbata.
''Abbootiin alangaa ummata tajaajiluuf jecha qaalaa'insa jireenyaatiin rakkataa hojjachaa turreerra. Amma garuu hawaasa ilaalchi akkasii keessatti uumame keessatti haala eegamuun tajaajiluu hin danda'u. Jireenyi keenyas kan guyyaa guuttachuu qofa ta'eera.''
Abbootiin alangaa baayyenis hojii dhiisuun gara ogummaa abbokaatummaatti hayyama baafataa jiru. Iyyata barreessuu qofaanis mindaa amma argatan caalaan kan argatamu ta'uu ibsaniiru.
'Motummaa kennee kadhatu qabna'
Itti-gaafatamaan Biiroo Haqaa naannichaa Obbo Amaanu'eel Asaffaa gaaffii abbootiin alangaa naannichaa kaasan sirrii ta'uu himuun, gaaffii isaanii deebiisuuf 'miindaa abbootii seeraa hir'suuf ykn ilaalaa jirra' jedhan kan jedhame ''dhara'' jechuun BBCtti himaniiru.
"Ilaalamaa jira jechuun keenya hin haallu. Daballiin miindaa isaan hin ilaalattu jechus miti.
Akka miindaafi faayidaaleen dhiphatan hin barbaadnu. Ka'aa kan jirus, ammatti hanga kanaa malee sun nuuf hin ta'u, hangas ta'uu qaabaata kan jedhuudha. Kanaafuu, maal haa jennu?
"Qabeenya mootummaa kan beeknu qaamoolee mootummaati. Osoo hammaarree kennuu kan dandeenyu ta'e, qaata kenniineef turre.
Garuu mootummaa kennee kadhatu kan qabnu,'' jechuun ibsuu yeroo ammaatti abbootiin alangaa walitti buusuun mootummaa naannichaa deegaruuf gaafatamusaanii kaasuun.
Bilisummaa dhaabbata abbootii alangaa "afuura baafannaa hin qabne''
Abbootiin alangaa naannichaa haala jireenya amma jiruun wal qixxummaa miindaafi faayidaaleetiif gaaffii dhiyeessan malee, muummeen giddu-galummaa siyaasaafi muudamni siyaasaa bilisummaa isaan dhorkuun hojiisaaniitti danqaa ta'uu himu.
Abbaan alangaa jalqabumarraa walaba ta'e ijaaramuufi mirgasaatiif ofiin murteeffachuu yoo qabaatu, itti-waamamummaansaa kaabineetti ta'unsaa jalabumarraa akka dhiibbaan siyaasaa irratti taasifamu waan yaadameef ejjannoo jedhu qabu.
Kanaafuu, itti-waamamummaan abbaa alangaa kaabineen ala akka ta'u gaafatu.
Obbo Daani'eel gama isaatiin, ''Bilisummaan dhaabbata kan jedhamu hin jiru. Kantiibaa ykn kaabiinee kamiyyu dhufee ija sitti baasa. Kanaafuu, dhimmoota siyaasaa bilisaan murteessuun baayyee rakkisaadha,'' jechuun gaaffiin miindaa amma ka'ees, bu'aa rakkolee bilisummaa dhaabbatummaa turan kan biraa ta'uu kaasu.
''Qondaalli olaanaa si himachuu yoo barbaade qaawwa heduuti jira. Murtee tasiftuun sirrii miti jedhee si himachuu ykn si ari'achuu danda'a. Dhimmi bilisummaa jedhamu hin jiru. Wabii omaa hin qabu waan ta'eef baayyee rakkisaadha,'' jedha.
'Miseensa TPLF akka taanuuf dirqisiifamna, miindaarraas ni kutama'
Danbii ittiin bulmaata abbootii alangaa naannichaatiin abbootiin alangaa miseensa paartii siyaasaa kamuu ta'uu akka hin qabaannee labsamuu kan dubbattan ogeessoonni seeraa kunneen, Itti-gaafatamaan Biiroo Haqaa mataansaa miseensa paartii naannicha bulchuu waan ta'eef abbootiin alangaas akka miseensa TPLF ta'aniif dhiibbaa akka irraan gahan BBCtti himan.
Girmaay Kaahisaay godina Kibba Bahaatti ogummaa abbaa alangaatiin hojjataa kan jiran yoo ta'u, kanneen osoo miseensa paartii hin taanee mindaasaanii jalaa kutamu keessaa tokko.
"Warri faayinaansii kallattiin maallaqa keenya gara akkaawuntii baankii keenya galachu ture. Amma garuu yeroo sadaffaaf mindaa keenya kutan. Akka nuuf deebiisan gaaffannulleen nuuf hin deebiifne,'' jechuun maaliif miseensa paartichaa hin taatan jedhamuun akka gaafaman dubbatu.
Itti-gaafatamaa Biiroo Haqaa Obbo Amaanu'eel garuu komiin kun ''dhugaarraa kan fagaateedha,'' jedhu.
"Ogeessa seeraa tokko miseensa paartii ta'uun seera ammoo seeraan ala jechuun eenyumtuu akka itti himu hin barbaachisu.
Ofii barbaadaniiti kan miseensa ta'amu. Akkasumattis miindaan kutamus hin jiru. Mindaan fedhiisaaniin ykn seeraan kan kutamu,'' jechuun deebii kennan.
Labsii sagalee abbootii alangaa 'ukkaamse'
Biiroon Haqaa naannichaa seera ittiin bulmaataa haaraa baatii Hagayyaa darbe keessa ragaasiseera. Abbootiin alangaa garuu seera kanarratti marii akka hin taasifne BBCtti himaniiru.
Dhimma kanarratti karaa miidiyaa hawaasummaatiin komii akka hin dhiyyeessineefillee, seericha keessatti barreefama ogummaafi naamusa abbootii alangaatiin faallaa ta'e barreessuufi suura maxxansuun naamuusa cabsuu akka ta'u labsicha keessatti hammatamuu ibsu.
Walqixummaan miindaa danbii duraa keessa ture kan ammaa keessa akka hin jirre kanneen BBCn dubbise ni himu.
Abbootiin alangaa baatiiwwan muraasa darbaniif sirreeffama miindaaf gaafataa turanis baatii Fulbaana gara dhumaatti hojii dhaabuuf sochii taasisaa turanis, akkuma guyyaan jedhame dhiyaatuun dhiibbaan waan irratti cimeef dabarsuu isaanii dubbatu.
Abbootiin alangaa danbii lakkoofsa 104/2-12 boqonnaa 68(21) kan bulan yoo ta'u, haala Seera Adaba Yakkaa biyyattii 421tti hojjataan kamiyyu mormii hojii dhaabuu gaggeessuu akka hin dandeenyee labsuun, kan kana cabse ykn kaan akka mormii gaggeessaniif kan taasise seerichaan itti gaafatamaa ta'ee birri kuma tokko akka adabamu jiraachuu ibsu.
Kana dura danbiin haaraan yoo ragaassifamu sadarkaa naannootti abbootiin alangaa irratti marii kan taasisan ta'u komii kan kaasan, amma garuu labsii haaraan gaaffii mirgaa baatiiwwaniif kaasaa turaniifi sagaleesaanii ''ukkaamsuu'' osoo hin beekiin akka raggaasifamu taasifamuu akka isaan aarsee abbaan alangaa Mu'uuz Tsagaayee ni dubbata.
''Labsiin haaraan kun erga nuti gaaffii kaafnee booda kan foyyeeffameedha. Innis faayidaalee labsii bara ALI 2011 irra ture kan haqeefi addabiiwwan akka barreeffamaafi suuraa 'ogummaa naamusa abbaa alangaa faalleessan' maxxansuun adabsiisuu kan hammateedha,'' jedhu Mu'uuz.
Kunis abbootiin alangaa qamaan deebii dhaban karaa miidiyaalee hawaasaatiinilleen akka hin gaaffannee, biiroo haqaafi bilisummaa isaaniif gaaffii akka hin kaafneef rakkoolee jiran akka hin saaxilleef itti yaadamee seera haaraa baheedha jechuun ibsu.
Yunvasitii Maqaleetti prof. Walta'aa Koleejjii Bulchiinsaafi Seeraa kan ta'an Yamaanee Kaasaa danbiin haaraan kun haala qabatamaa jiruu xiyyeeffannaa keessa waan hin galchineef ''tarkaanfii ukkaamsuu'' mirga yaada bilisaan ibsachuurratti fudhatameedha jechuun ibsaniiru.
"Abbootiin alanagaafi abbotiin seeraa haala seektaroota sivilii kaaniin adda ta'een danbii ittiin bulmaataa (Code of Conduct) kan qabaniidha.
Haata'u malee, miidiyaa hawaasumaa fayyadamuun qaamoolee murteessoo irratti dhiibbaa taasisuu waan hubataniif jecha afaan qabsiisuuf jecha seera bahee malee yoo barreeffama danbii naamusaa cabsuu bareessan isuma tureen akka gaafatamu gochuun ni danda'ama ture," jedhu.
Kunis rakkina sirnichaa isa guddaa ta'uu kan dubbatan Prof Yamaaneen, seerri duuchaadhumatti baha. Seeroonni amma bahaa jiran garuu kan garee tokko irratti xiyyeeffate fakkaata jechuun taajjabbiisaanii ibsu.
"Seerri amma bahees abbootii alangaa mirgasaanii kabachiifachuuf miidiyaa hawaasumaarratti bareressan hojiirraa ari'achuuf ni dandeessisa. Ani akka tarkaanfii ukkaamsuu mirga bilisumman yaada ofii ibsachurratti taasifameettiin ilaal," jedhaniiru.
Muudamni siyaasaa hanga oomiitti?
Abbaan alangaa biyyattii haqa barbaaduu keessatti, yakka himachuufiqulqulleessuurratti walaba ta'ee akka hojjatuutti caasaan kana dura ijaaramee ture akka haarraatti 'seera abbaa alangaa waliigalaatiin' geedarameera.
Biyyoota biraaattis waajjirri Haqaafi Abbaan alangaa garaa garaa ta'usaanii kan himan oggeessoonni kunneen, dhaabbileen kunneenis oggansa walabaan ogganamu qabaata ture jedhu.
Naannoo Tigraayitti burjaaja'inni mootummaafi paartii jidduu jiruufi mudamni siyaasaa sirna haqaa naannichaa akka balleesse qaamooleen himan jiru.
Naannichatti waajiraaleen abbaa alangaafi haqaa muudamtoota siyaasatiin hogganamuun hojiisaaniirratti dhiibbaa taasisuu himu.
Seerri abbootiin alangaa miseensa siyaasaa akka hin taanee labsuulleen hoggansi miseensa paartii ta'uunsaa dhiibbaa qabaachuu hima Obbo Gu'uuz.
Kana malees,miseensa koree jidduu galaa TPLF kan ta'an ittigaafatamaan Biiroo Haqa naannichaa oggeessoota isa jalatti argaman akka miseensa paartichaa ta'aniif dhiibbaa irraan gaha jechuun himatu.
''Kun akka hiikamuuf irra deddebiin gaaffanulleen furuu hin dandeenye,'' jedhu.
Adeemsi qabatamaan jiru haala ''baranneefi haala hubaannee osoo hintaane, akkasumas haala waadaa hawaasa tajaajiluuf galeen osoo hintaane, abbootiin alangaa tajaajiltootaa qaama tokkootti'' ilaalcha jedhu kan umuudha jedhu abbaan alangaa Girmaayi.
Akka qaama saddaffaa mootummaatti mana murtii qofatu bilisummaa murteessuu heera mootummaa qaba jedhu itti-gaafatamaan Biiroo Haqaa naannichaa Obboo Amaanu'eel.
Haata'u malee, haqni qaama raawwachisaa mootummaa tokkoo waan ta'eef qaamni raawwachiisuu wayita mootummaan barbaadeetti himannaa adda kutuuf aangoo seeraa akkuma qabu, yakkii yoo raawwatames ta'e himannaan naaf haa banamu jechuun gara poolisii dhimmi ilaalatuutti akka dabarsu dubbatu,
Akka itti-gaafatamaan kun jedhanitti aangoonni abbaa alangaa himachuu qofaadha.
Yaadni qaamooleen haqaa siyaasaafi gidduugaluu mootummaarraa bilisa ta'uu qabu jedhu dhugaadha kan jedhan Obbo Amaanu'el, yaada 'muudamni siyaasaa sirna haqaa dabsa' kan jedhu garuu hin fudhatan.
'Prof. Yamaan garuu ''muudama Dr Geediyoon Ximootiyoos Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa kan 'miseensa paartii hin taane'' akka fakkeenyaatti kaasa.
Gama biraatinis ogganoon paartichaa filannoo naannoo irratti TPLF filadhaa jechuun duula gaggeessaa kan ture, gama biraatiin ammoo ittigaafatamaa biiroo haqaa ta'uun gaaffii abbootii alangaatiif deebii yoo dhowwatu, 'fedhii qaama aangoo siyaasaa qabatee guutuuf kan duubatti jedhuu miti,'' jechuun mudama siyaasaafi bilisimmaa dhaabbataa akka walfaalleessan ibsa.
Carraa sirna haqaa Tigraay?
Naannichatti komiiwwan haqaafi rakkoolee bulchiinsa gaariitiin miidhamneera jedhan dhagahuun haaraa miti. Kunis dhimmi paartiin TPLF mataansaa amanuudha.
Adeemsi akkasii kunis sirna haqaa naannoo Tigraay kan abbooti alangaa 500 qanuu duubatti kan deebiisu ta'u kan ibsan jiru.
Abbaan alangaa Daani'eel abbootiin alangaa naannichaa dhiibbaa dacha isaan irra gahuun kan ka'ee, ummata tajaajiluuf fedhii qabaatan illeen, motummaa tokko jala ta'uun haqa dhabuunsaani akka hamleen hojiisaanii hir'atuu taasiseef haala eegamuun tajaajilu yaada jedhu akka hinqabne hima.
Biirokraasii ballaatu jira jedha. Abbootiin alangaa naannichaa haqaa haa hoojatan malee ofiisaanitiifuu sodaaa keessa akka jiraatan ibsa.
Daani'eel ''Ummataaf haqa argamsiisuuf qabsaa'aa nuti mataan keenya biirokiraasiin miidhamaa jirra'' jedha.
Hayyuun Yunvarsitii Maqalee Prof. Yamaana Kaasaa gama isaanitiin, gaaffii abbootee alangaa ukkaamsuuf ykn sidaachisuuf yaaluun naannoo Tigraayi kan rakkina haqaa qabdu keessatti rakkina dabalataa uumuudha jedhu. Waan ta'eefu motumaan waamee marisiisuun dhimmichi atattamaan akka hiikamu barbaadu.
Kanaan alatti yeroo yoo fudhate garuu hir'inni naanichaatti mull'atu cimaa adeemuun, haqni akka harkiifatu, mormiin akka ta'uufi akka baduu akka taasisuu danda'u yaada oggummaasaanii kennu.