Koronaavaayiras: Kantiibaan torban lamaan dura Covid-19n du'an filanoo mo'atan

Madda suuraa, Reuters
Biyya Romaaniyaatti kantiibaan Covid-19n du'an filannoo gaggeeffamee tureen sagalee parsantaa 64 argachuun mo'achunsaanii dhagahame.
Bulchiinsa Kibba Romaaniyaatti argamtu Deeveselutti kantiibaa kan turan Iyoon Aliimaan yeroo sadaffaaf filannoo injifatan.
Torban lama dura magaalaa guddoo Bukaaresitti lubbunsaan kan dabarte kantiibaan kun, maqaansaanii tarree kaadhimamtootaa keessa ture.
Sababii tarreen maqaa kun du'a isaanitiin dura qophaa'eef maqaa isaa keessa haquun akka hin danda'amne aanga'oonni ni dubbatu.
Sababii kanaafuu namni du'e kantiibaa taasifamuun filatamuun ibsame.
Kanaafuu filannoon biraa kan gaggeeffamu ta'uu aanga'oonni Rooyitarsiitti kan himan yoo ta'u, jiraattoonni naannichaa hedduun bakka awwaalcha kantiibaa kanaa daawwachuun gadda isaanii ibsataa jiru.
Jiraattoonni naannichaa walitti qabamuun bakka lafa awwaalchaatti argamusaanii viidiyoon waraabamee gadhifame muliseera.
''Kun injifannoo keeti,'' jechuun wayita dubbatu namtichi tokkoos dhagahameera.
"Kantiibaan keenya dhugaa ture,'' jedheera jiraataan naanniichaa kan biraas buufata TV tti wayita dubbatetti.
''Kantiibichi jiraattoota magaalattii hunda ija wal qixa ta'een ilaala ture. Kantiibaan isa fakkaatu yoomuu hin jiraatu,'' jedhan jiraattoonni waa'ee nama kanaa wayita ibsan.
Miseensa humna galaanaa duranii kan turan Iyooniin, miseensa Paartii Dimokiraatawa Soshaalisitii kan turaniifi guyyaa kaleessaa waggaa 57 akka gutan gabaafame.
Aangoo isaanitiin ummataan fudhatama argachuunsaa paartii isaa biratti maqaa gaarii horatee ture.
Haata'u malee, filannoo amma gaggeeffameen, paartiin naman kanaa paartii siyaasaa kan biraa, 'USR-PLUS' jedhamuufi kan biyyattii olaantuummaan bulchaa jiruun 'PNL'n injifatameera.
Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa hedduu keessattis hiriirriiwwan mormii olaannoo sirni haqaa akka fooyya'uufi malaammatummaan akka dhaabbatuuf gaafataman gaggeefamuun wal qabatee paartichi teessuma isaa kan dhabu danda'e.
Injifannoon kantiibaa kanaa kunis erga du'anii booda filannoo injifachuun kan jalqabaa miti.
Kana duras bara 2008tti kantiibaan Nekulay Ivasiku jedhaman erga dhibbee tiruutiin du'anii booda Kantiibaa bulchiinsa Voyinastii taasifamuun filatamunsaanii ni yaadatama.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















