Addunyaa irratti lakkoofsi namoota Covid-19 du’anii miiliyoona caale

Awwaalcha

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Awwaalcha
Maxxanfame

Nannoolee hedduutti tatamsa’innii yeroo dabalaa jirutti addunyaa irratti lakkoofsi namoota Covid-19’n lubbuun isaanii darbee miiliyoonaa caaluu qorattoonni ibsaniiru.

Gabaasi Yunivarsitii Joons Hopkins akka agarsiisutti, wallakkaan namoota dhukkubbichaan du’anii kan US, Biraaziil fi Indiyaa keessatti mudateedha.

Ameerikaan lakkofa namoota du’anii gara 205,000 qabachuun dursaa kan jirtu yoo ta’u, Biraazil keessatti ammoo namooti 141,700 fi Indiyaa keessatti namooti 95,000 ta’an dhibee kanaan du’e.

Haa ta'u malee ogeessotti lakkoofsi inni sirrii kan amma ibsamee kanarra hedduu guddachuu mala jedhu.

Hogganaan olaanaa UN Antoniyoo Guteeraas lakkoofsi kun ‘kan sammuu hadoochuu fi kan nama naasisudha” jedhan.

“Ta’us wa’ee lubbuu namoota kana irraa xiyyeeffannoo kaasu hin qabnu,” jechuun ergaa vidiyoon dubbataniiru.

“Namootni kun haadholiifi abbootii, abbaa warraa fi haadha warraa, obboleessaafi obboleetii, hiriiyyaafi waayila turani. Hameenyaa dhibee kanaan miidhaan jiru dabaleera.”

Lakkoofsa kanarra kan ga’ame koronaavaayirasiin Wuhaan , Chaayinaa keessatti erga eegalee gara ji’a 10 booda.

Weerarri kun erg asana gara biyyooti 188tti kan tatamsa’e yoo ta’u, namootni miiliyoona 32 ol dhibee kanaan qabamaniiru.

Tatamsa’ina kana to’achuuf tarkaanfiwwaan akka sochii ugguruufi biroo dinagdee irratti dhibbaa uumaniiru.

Ta’us talaallii argachuuf yaaliin godhamaa jiru kan itti fuufe jiru yoo ta’u, Dhaabbati Fayyaa Addunyaa garuu talaalliin argamun dura lakkoofsi namoota du’anii gara miiliyoona lamaatti guddachuu danda’a jechuun akeekkachiseera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa