Koronaavaayiras: Biraazil talaallii Covid-19 Chaayinaan hojjette Mudderraa jalqabeen fayyadama jette

Talaallii koronaavaayirasii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Biraazil biyyoota addunyaa weerara koronaavaayirasiittiin baayyee miidhaman keessaa tokkodha. Weerarichi biyyoota biroo keessatti hir'achaa dhufullee Biraazil keessatti garuu baay'ee dabaluun guyyaa guyyaatti namoonni kumaatamaan qabamaa jiru.

Ragaa hanga ammaa jiruun Biraazil keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamee miliyoona 4.6 kan qaqqabe yoo ta'u 138, 977 ammoo dhibee kanaan lubbuun isaanii darbeera.

Aanga'oonni biyyattii weerara koronaavaayirasii hammaachaa jiru kanarraa ummata isaaniii baraaruudhaaf qaamoleen talaallii omishan waliin walii galtee taasisaa jiru.

Haaluma kanaan Biraazil talaallii Chaayinaan hojjette Mudde keessa akka jalqabuuf jirtu beeksifteetti.

Bulchaan magaalaa Saawoo Pooloo talaallii Chaayinaa kana Mudde keessa jalqabuuf karoorri jiraachuu dubbatu.

Bulchaan magaalaa Biraazil baayyina ummataan biyyattii keessatti tokkoffaa taate kanaa Obbo Jowaawoo Dooriiyaa akka jedhanitti talaalliin Sinoovaak jedhamu miliyoona shan ji'a itti aanu keessa gara magaalattii gala.

Sinoovaak talaallii Chaayinaan qopheessaa jirtudha.

Guutummaan Biraazil ammoo hanga Guraandahala dhufuutti akka talaallaman abdii godhataniiru.

Talaalliin Sinoovaak jedhamu kun lammileen Chaayinaa fedhii qaban kuma 50 irratti yaaliif kennamee naga qabeessummaan isaa kan mirkanaa'e ta'uun isaa nama jajjabeessa jedhan aanga'aan kun.

Talaallichi aanga'oota Biraazilirraa yoo hayyamni kennameef guutummaa biyyattiitti rabsama jedhameera. Ammaaf garuu magalaan Saawoo Pooloo talaallicha ji'a Muddee keessa jalqabuuf jirti.

Sadarkaa idil-addunyaatti yeroo ammaa talaalliiwwan 40 ta'an yaalamaa kan jiran yoo ta'u, wiirtuuwwan qorannoo hedduunis dhibee yaaddoo addunyaa ta'e kana dhaabuudhaaf halkaniifi guyyaa hojjechaa jiru.

Haata'u malee, hayyoonni talaallii akka jedhanitti talaalliin weerara koronaavaayirasiif oolu bal'inaan kan dhiyaatee hojiirra oolu baatiiwwan Caamsaafi Waxabajji akka ta'uu malu tilmaama ogummaa kennaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa