Koronaavaayiras: Qufaamoo Covid-19 kan isin qabe? Akkamiin adda bafachuu dandeessuu?

Dubartii haxxiffachaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ka'umsi Influweenzaa, qufaafi Covid-19 vaayiresoota garaa garaa ta'anis mallattoowwan isaanii wal fakkaatu. Tokkoo isa kaanirraa adda baasuun rakkisaadha.

Mallattoowwan namoonni koronaavaayirasiin qabaman agariisan keessaa ho'i qaamaa dabaluu, qufaasisaa walirraa hin cinne, miirawwan dhamdhamaa fi foolii fuudhuu namaa hojjechuu dhiisuu kanneen eeramanidha.

Ho'a qaamaa qabduu?

Yeroo ho'i qaamaa 37.8 ol ta'u qaamni koronaavaayirasii ykn dhukkuba biraa ofirraa lolaa jira jechuudha.

Kanaaf, termoomeetira yoo qabaattan ho'a qaama keessanii of lakkaa'aa. Kan kan hin qabne ta'e harka keessan dugdaafi laphee keessanirra kaa'uun ilaalaa.

Ho'i qaamaa kan koronaavaayirasii qofaa osoo hin taane mallattoo dhukkuboota birootis. Ho'a qaamaa kan qabdan yoo ta'e Covid-19f osoo qoratamtan wayya.

Isin qufaasisaa?

Infiluweenzaan ykn qufaan yeroo isin qabu isin qufaasisa.

Qufaan akka tasaa nama qabatee qaamni cicituufi maashaan nama dhukkubuu, namatti qorruu, bowwuu mataa, funyaan nama duuduu qaqqabsiisa. Dhukkubbiin isaa Infiluweenzaatiin olidha.

Infiluweenzaan kan nutti dhaga'amaa deemu suuta suutaan yoo ta'u, dhukkubiin isaas salphaadha. Qufaasisuu, haxxifachiisuu, qoonqoon keessi nama goguu, akkasumas dhangala'aa funyaan keessaa mallattoowwan jiranidha.

Koronaavaayirasiin yoo isin qabate sa'aatii tokkoo ol isin qufaasisa. Sa'aatii 24 keessatti qufaasisaa gargar hin cinne si'a lama yk si'a sadii qaqqabsiisa.

Qufaasisaan walirraa hin citiin yoo isin mudate Covid-19 qoratamuun ni gorfama.

Dubartii qufa'aa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Dhamdhamuufi fuunfachuu dadhabuu

Fuunfachuu yoo dadhabdan ykn dhamdhama waan tokkoo adda baasuu yoo dadhabdan qorannoo koronaavaayirasii taasisuun isinirra jiraata.

Qorri kan isin qabate ta'uu kan danda'u yoo ta'us garuu qoratamuun gaariidha.

Gama biraan ammoo haxxifachuun mallattoo koronaavaayirasii miti. Ho'a qaamaafi qufaasisaa yoo kan hin qabaanne taatan ykn miironni qaama keessanii akkuma yeroo biraatti ni hojjetu ta'e qoratamuun isin hin barbaachisu.

Haata'u malee yeroo haxxiffatan vaayiresicha daddabarsuu waan dandeessaniif softii fayyadamuufi harka keessan saamunaan dhiqachuu hin dagatiinaa.

Harkaa dhiqachuutti dabalataan maaskiin afaaniifi funyaan haguuggachuufi walirraa fageenya keessan eeggachuu hin dagatiina.

Mallattoo Covid-19 kaaniin maaliin adda baaftu?

Funyaan keessan isin duucheeraa?

Dhangala'aan funyaan keessaa bahu jiraachuun mallattoo koronaavaayirasii akka hin taane beektonni ni dubbatu.

Namoonni Covid-19 irratti argame mallattoo xiqqaa ta'e ykn kan itti cime argisiisuu danda'u.

Namoonni vaayiresichaan qabaman torban lama keessatti mallattoo agarsiisu. Namoota baayyeerratti garuu guyyaa shanaffaa irratti mallattoon dhukkubichaa irratti mul'achuu danda'a.

Yoo kan hafuura isin kutu ta'e dhukkubni sun sadarkaa hamaarra gaheera jechuudha.

Walumaa galatti mallattoo Covid-19 kamiyyu ofirratti hubannaan osoo duuba hin deebiyiin gara dhaabbata fayyaa deemaa.