Deeggartoota Tiraamp: 'Namoonni pirezidantii keenya wayita xiqqeessan arguu nuffeera'

Deeggartoonni Doonaaldi Tiraampi muraasni, naannolee paartii Dimokraatota deeggaran akka Virjiiniyaa keessatti ilaalcha isaaniitiin jibbi nurra ga’aa jirra jechuun hiriira deeggartoota Tiraampi walitti fidu qopheessaniiru.
Iskoot Pii’oo Dilbata darbe naannoo Kaaba Virjiiniyaatti konkolaataasaa Jiip keessa taa’ee alaabaa Tiraampiin mirmirsaa osoo deemuu dubartoota lamatti harka yoo raasu akka hin taanetti isa ilaalani.
Nama ganna 36 Injinara Sooftiweerii ta’eef garuu kuni waan haaraa miti. Badaa isa hin dinqine.
Naannoo Dimookraatonni deeggarsa cimaa qaban kanatti pirezidantichi kilabasaanii keessa goolfii taphachuuf wayita dhufanitti rogeeyyiin bulchiinsa isaanii morman achitti wal-ga’uun mormii dhageessisu.
Deeggartoota Tiraampi kan akka Pii’oo asitti namni ija gaariin hin ilaaluuni.
Pii’oon yeroo ammaa kana jila konkolaataa Tiraampiin deeggaruuf hiriiraa jiru dursuun jaalala dursaa biyya isaaf qabu ibsataa jira.
"Namoonni pirezidantii keenya wayita xiqqeessan arguu nuffeera, kabaja yoo dhabsiisan arguun naga’eera," jedha Pii’oon, maaliif hiriira jila konkolaataa kana akka qopheesse yoo ibsu.
Akkaataa pirezidantichi biiznasoota itti deeggaraniifi tarsiimoo baqattummaa qaban, keessumaa kan daangaa Meeksiikoo bareechee deeggara, Pii’oon.
‘‘Namichi nama waa ijaaru malee nama siyaasaa miti,’’ jechuun ibsaani.
Hiriironni konkolaataa Tiraampiin deeggaruuf naannolee US biroo keessattis kan geggeeffaman yoo ta’u, gariin isaanii naga qabeessa, kuun ammoo kan isaaniin mormuuf ba’aniin walitti bu’uun hanga lubbuu namootaa galaafachuutti ga’u.
Deeggartoonni Tiraampi hedduun namoota adii galii guddaa argatan yoo ta’an, kan Dimokraatotaan wal-bira yoo qabaman warra barumsaan achi hin hiiqneefi diippiloomaa yookaan digrii hin qabne akka ta’an qorannoon tokko agarsiiseera.
Yunivarsiitii Oklaahoomaa keessatti barsiisaa seenaa kan ta’e Isteefan Noorwuud akka jedhutti, ‘‘beektonni Dimokraatotaa namoota kunneen kan nujibban gatii amantaa jabeessaniifi meeshaa waraanaa jaalataniifi.’’
Akka Jefarsan Koowii barsiisaan seenaa Yunivarsiitii Vaandarbiilti, Naashviil keessatti argamuu jedhanitti garuu, jarreen kun Tiraampiin kan deeggaran mirgi dinagdeefi siyaasaa isaanii jalaa miliqaa waan jiruuf sodaan guutamanii wacaa jiru jedhu.
Duula nafiladhaa Tiraampi warra qindeessantu hiriira akkasii qopheessa jedhamee yaada ka’uuf, hiriirtonni kunneen yoo deebii kennan, ‘‘nuti waan akkasii hin beeknu, kuni sochii ummanni ofumaan yaadee qopheessaa jirudha,’’ jedhu.
Kanneen hiriira bahan kunneen keessaa tokko kan ta’an namni ganna 73 Lii Jaaksan, hiriira Dilbataarra hirmaatee ture. Akka inni jedhutti, Tiraampi haala namoonni siyaasaa biroo isaan hin hubanneen nuhubata jedhe.
Ilma qonnaan bulaa kan ta’e Shookiin kan guddate Virjiiniyaa keessa yoo ta’u, akkaawuntaantiidha. ‘‘Yeroo heddu Pirezidanti Tiraampiin TV gubbaa dubbachaa yoon argu, ‘anis silaa akkasumattin dubbadha.’’’ Ofiin jedha, jechuun dubbate.
Mirga meeshaa waraanaa qabachuu, dinagdee jijjiiruufi olaantummaa biyyoonni biroo keessumaa Chaayinaan Ameerikaa irratti fudhachaa turte dhaabuun isaanii waanan hedduu dinqisiifadhuufidha jedha, namni adamoo irratti hirmaachaa guddate Shookiin.














