Ameerikaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’anii 200,000 caale

Madda suuraa, Getty Images
Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin Ameerikaa keessatti du’anii 200,000 akka caale ragaan yuunvarsiitii Joon Hoopkins agarsiisa.
Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniis miliyoona 6.8 darbuun, biyya addunyaa kamiyyuu dursaa jirti.
Kutaa biyyattii akka Noorz Daakoota fi Yutaah dabalatee, iddoowwan biroottis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaluu hordofee lakkoofsi kun galmaa’e.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp lakkoofsi namoota du’anii ol guddachuun ‘waan nama naasisu’ jechuun, Chaayinaan ‘’vaayirasicha dhaabuu qabdii’’ jedhani Kibxata kana dubbataniiru.
Otoo tarkaanfii to’annoo barbaachisaa hin fudhanne ta’e lakkoofsi namoota du’anii miliyoona lama, miliyoona 2.5 qaqqaba jedhanii tarkaanfii fudhachuu falmatan Donaald Tiraamp.
Yuunvarsiitiin Joon Hopkiins ragaa weerara vaayirasichaa addunyaa guutuurraa kan sassaabu wayita ta’u, Ameerikaatti Amajjii keessaa ture namni vaayirasichaan qabame jalqabaa kan galmaa’e.
Bulchiinsi Tiraamp garuu weerara vaayirasichaa to’achuuf tarkaanfii sirrii hin fudhannee jedhame irra deddeebiin qeeqama.
Dorgommii pirezidaantummaa Ameerikaa baranaarratti kaadhimamaan Dimokiraatotaa Joo Baayiden Wixata akkas jedhanii Tiraamp qeeqan’’ Soba fi ga’umsa dhabiinsa Doonaald Tiraamp ji’oota jahan darbanitti mul’iseen lubbuu lammilee Ameeerikaa hedduu seenaa keessatti yeroo dhabne keessaa kun tokko.’’
Itti dabaluun, weerara kana to’achuuf ga’uumsi hooggansaa barbaachisa ture, inni garuu achi hin jiru jedhanii qeeqan.
‘’Inni garuu naasuun qorree, deebii kennuu dadhabe, ni wareere, kanattii Ameerikaan aarsaa guddaa biyya kamiyyuu caala kaffaltee’’ jedhanii Tiraamp qeeqan.
Tiraamp garuu guyyuma sana hojii to’annoo bulchinsi isaanii hojjateef A+ of kennaniiru.
Ameerikaan amma haala akkamii keessa jirti?
Bulchiinsa Noorz Daakootaatti torbanoota as aanan lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaleera. Sa’aatii 24 keessatti namoota 3,200 haaraa qabame, namoonni 87 immoo hospitaalatti du’aniiru.
Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii Noorz Daakotaa, Yutaah, Teksaasi fi Saawuz Daakotaatti dabaleera.
Ji’oota Bonaattis lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa deema jedhamee sodaatama.













