Colourism: 'Loogii bifarratti hundaa'e hambisuurratti namoonni qabsaa’uu qabu'

Maxxanfame

Saba tokko keessatti dhalatanii namoota gogaan qaamasanii diimatuuf looguun, kan gogaan qaamaa gurraacha’u qolliifachuun loogii bifaa (colourism) jedhama.

Bifaan qoodinsi akkasii hawaasa addunyaarra faca’ee jiraaturratti dhiibbaa guddaa uumeera, garuu dhimma kanarratti hedduu hin haasa’amu.

Biyyoota Afrikaafi Eeshiyaatti dibata halluu fuulaa addeessu yookaan miidhagsu jedhaman dubartootni dibachuun, halluu gogaasaanii geeddaruuf wayita dhama’anillee ni mul’ata.

Niwuzilaand kan jiraattu Harsariin Kahuur dubartiin jedhamtu yeroo jalqabaatiif biyya akaakileeshitii Indiyaa do’achuuf garasitti imalte turte.

Shamarree Kahuur biyya daawwii dhaqxe kanatti namootni halluu bifasaanii akka geeddarataniif dhiibbaan irra qaqqabu jiraachuu wayita argitee nan rifadhee jette.

Bilboordiwwaan filmii dhiyaatanirratti dhiiraa fi dubartii biftisaanii ifuu qofa agarsiisuuf kan eeyyamame natti fakkaata jette.

Kana malees, oomishaaleen gogaa qaama miidhagsu jedhamanii TV irratti wayita beeksifaman, dibanni isaanii dubartoonni akka carraa hojii argataniif kan gargaaru, abbaa warraa ykn gammachuu argachuuf akka isaan gargaarurratti dhaadhessuurratti xiyyeeffatu jette.

Harsariin Kahuur kaampanootaan wayita oomisha isaanii beeksifatan argee takkaa argee hin beekne ‘Garnier fi L’Oreal’ jedhamanitu beeksifata, Niw Zilaand keessatti isaanii beeksisaanii himatu argee hin beeku jette. Indiyaa keessatti garuu beeksifni hundi kanumarratti xiyyeeffatu jetti.

Kahuur toora Instaagiramiirra fuula mirga dubartoota dhaabachuu leellisu 'The Indian Feminist' jedhu qabdi.

Kaampanoonni Indiyaatti oomisha gogaa kunuunsuuf fayyadu jedhu beeksifatu L’Oreal beeksisaa isaa hunda keessa jechoota ‘’adii’, ‘’allogummaa’ fi ‘’ifaa’ jedhu haquu Waxabajjii darbe beeksise.

Kibba Eeshiyaatti oomishni isaanii gogaa miidhagsa jedhanii gabaaf dhiyeessan bifa gogaa addeessuf gabaa dhiyeeffame, jechoonni kunneen kan haqame.

Bifaa adda nama baasanii qooduu saba tokkicha keessatti nama bifaan addaa baasanii caalchifachuun, kan biraa qooduun hawaasa tokkicha keessatti mul’atu loogii bifaati.

Loogiin bifaa hawaasa gurraacha biratti dhimma bal’inaan namoonni irratti dudubbataniidha.

Biyyoota Kibba Eeshiyaa keessatti garuu dhimma loogii bifaarratti hedduu hin haasa’amu, garuu madda dhiphinaa amma lubbuun namaa itti darbuu gahuudha.

Caamsaa bara 2020 Joorji Filooyid ajjeefamuun garuu addunyaarratti mormii kaasuun, jibba sanyummaa balaaleeffachuuf, lammilleen biyyoota Kibba Eeshiyaa fi lammileesaanii biyya biroo jiraatan akka dhimmicharratti dudubbatan dammaqseera.

Agarsiifni TV itti fufiinsaan Netflix irratti dhiyaachuu jalqabeerratti Indiyaatti namoota gaa’ila hundeessuu barbaadan walitti fiduurratti xiyyeeffatu falmii jabduu kaasera.

Allogummaa fi hawwataa Kampaaniin oomishalee kunuunsa gogaa qaamaaf dhiyeessuu ‘Unilever’ biraandiisaaratti’ jechoota ‘allogummaa, ’’addessituu’’ fi ‘ibsituu ‘’ jedhu keesssaa haquudhaan jechoota 'Glow & Lovely' ykn ifaa fi hawwaataa jedhuun bakka buusera.

Namoonni kaan kaampanichi biraandii isaa jijjiruusaatti yoo galateeffatan, ogeeyyiin garuu ammayyuu quubsaa mitii jedhuun.

Pirofeesarri soshoolojii yuunvarsiitii Vermont Nikii Kannaa hariiroo bifaan nama qooduu fi sanyummaarratti ganna 20 darbe qorannoo qo’achaa turan.

Jijjiramnii biraandicharratti akka hin jiraanne qeeqan.

Bifaan wal qooduun maal qaqqabsiisa?

Qorannoon hedduun akka agarsiisutti hawaasa tokkicha keessatti nama gogaa bifaan fo’anii qoodu ilaallatu qorannoon hedduun gaggeeffamu qaba.

Qorannoon gaggeeffaman garuu akka agarsiisaanitti, miidha fayyummaa sammuurratti qaqqabsiisan qabaachuu akeeku.

Qorannoon tokko dhiphinaa fi cunqursaan lamimilee Ameerikaa Eshiyaa- Ameerikaa gogaan qaamasaanii gurraacha’uurra irra akka qaqqabu mul’ise.

'‘Seenaa keessatti hawaasani baay’een ‘gurraachumni’ akka waanta hamaatti lakkaa’u.

Namoota gogaan qaama isaanii gurraachaan ‘qulqulluu kan hin taane’ ykn kan hin baranne hiika jedhu akka qabaatuutti aadeeffame daddarbaa dhufee’’ jedhu Alisiyaa Tiraans, barreessituun qorannichaa fi ogeettiin saayikolojii yuunvarsiitii Arizoonaa.

Hawaasaa kibba Eeshiyaa keessatti waggoota dheeraa sirni lakkoofsi caaseffamani hawaasa akka jirullee Tiraans kaasaniru.

Qoodinsi bifaa iddoo karaa itti mul’achaa ture ta’u ibsan.

Indiyaatti gaa’ila maatiin mijeessan

Indiyaatti karaan dhaloota duraanii biratti nama bifaan qooduun mul’atu tokko sirna gaa’ilan walqabata.

Hawaasa Kibba Eeshiyaa jiraatan keessatti barsiifanni beekamu maatiin ijoolleesaanii gaa’ilaaf ga’aniif maatii ykn nama ilmi ykn intallisaanii gaa’ila wajjiin

hundeeffatu dubbisanii haala mijeessu.

Maanguddoonni yoo raggaasise qofa wajjin gaa’ilaan turu. Haa ta’u malee, waggoota dhiyoon asitti dargaggoonni hedduun hiriyaa karaa ofiif gaa’ila dhaabbatan mijeeffachutti jiru.

Yeroo tokko tokko garuu dhiibbaa maatiisaaniitiin kanneen addaan bahanis jiru.

Qorannoon tokko akka agarsiisutti, kaadhioonni gogaan qaamaasaanii gurraacha’u amaatii Indiyaa biratti akka kan gogaan qaama ifuu/addaatuutti hin filatamtu jedha.

Gaazexaan dhimma gaa’ilaa tokkos namoota wali fudha barbaadan barbaadanii haala mijeessu bifa gogaa akka ulaagaa calaalliitti baasera.

Haaluma walfakkaatuun marsariitiin dhimma gaa’ila shaadi.com jedhamullee barsiifatuma bifaan gargar nama qoodu gara intarneetiin qabate bahee ture.

Dubartoonni Kibba Eeshiyaa Ameerikaa Kaabaa jiraatan ulaagaa bifa gogaan calaluu akka hambisu yeroo gabaabdutti dirqisiisanii geeddarsiisan.

Jijjirama aadaa keessatti dhufe

Loogiin bifaa hawaasa Kibbaa Eeshiyaa keessatti amma waggoota kurnan darbeetti olkaafame ilaalama ture,amma garuu miidiyaaleen hawaasa fi intarneetiin jijjireera.

Duula miidiyaa hawaasaa Nikii Kannaa bara 2017 sagantaa midiiyaan hawaasa dubartoota walitti dhufeenya hawaasumaan koon ala jiran gargaaruuf jechuun kan eegalte.

Jalqaba waa’ee loogii bifaa wayita kaaftu hawaasa Kibbaa Eeshiyaa fi hawaasa diyaaspora biratti dhimmi loogii kun xiyyeeffannoo hin arganne. Adeemsa keessa jijjirameera jette.

Duula miidiyalee hawaasarratti gurraachumni miidhagina - #brownisbeautiful duulli jedhu eegaluun lammileen Kibba Eshiyaa muuxannoosaanii akka ifatti qoodan, akka callisuu dhiisan taasiseera jetti.

Miidiyaan hawaasaa ilaalcha qoodinsa bifaarratti umrii jaarraa olii lakkoofsise akka cabse himteetti.

Dargaggoonni dhaloonni haaraan garaagarummaa ilaalchaa dhimma loogii sanyummaa fi bifaarratti jiru hubannoo qabaachuu akka jalqabe Alisiyaa Tiraans kaafteetti.