Ameerikaatti reeffi dhalataa Itoophiyaa mukarratti fannifamee argame gaaffii kaasee

Madda suuraa, change.org
Amaanu'eel Taamiraat (Amaanii Kiilidiiyaa] Magaalaa Finfinneetti kan dhalate yoo ta'u, umurii waggaa shaniin ture kan maatii Ameerikaa tokkotti guddifachaan kenname.
Abbaafi haatii adiin lammii Ameerikaas guddifachaa fudhachuun gara Ameerikaa Niiw Jarsii magaalaa Moriis geessan.
Amaaniin biyya Ameerikaa keessa waggoota 15 jiraate. Waxabajjii 28, 2020 garuu Paarkii Liiwus Mooriis jedhamu keessatti mukaratti fannifamee du'ee argame.
Paarkii inni keessatti du'ee argame kunis mana jireenyaa isarraa fageenya sa'aatii tokkoo akka qabu himama. Reeffi isaas nama paarikicha daawwatu tokkotu halkan gara sa'aatii 2:47'tti arguun poolisiitti gabaafame.
Abbaan seeraa bulchiinsa Mooriisis dafee Amaaniin ofiin of ajjeesse jechuurra kan gahe. Sababii ajjeechaa fi jibba gurraacharra gahaa jiruun walqabatee du'aatiin Amaanis gaaffii kaasee ture.
Guyyoota muraasaan duras oduun namoonni olaantummaa warra adii leelisan nama gurraacha tokko guyyaa adiidhaan qabanii mukaratti fanniisuuf yaaluu Ameerikaa keessatti dhagahamuufi akkasumas namoonni adii warra gurraacha irratti ajjeechaa raawwachuun walqabatee du'aatiin Amaanii fudhatama hin argannee.
Namoonni haalli du'aatii Amaan ifa hin taaneefis haqa gaafataa jiru. Namoonni gara kuma 245 ta'aniis dargaggeessa Itoophiyaa-Ameerikaa ta'e kanaaf haqni haa kennamu jechuun mallattoo walitti qabaa jiru.
''Sababii gurraacha ta'eef ajjeefame waan ta'eef qorannoo tokko malee ofiin of ajjeessee jechuun fudhatama hin qabu. Amaaniif haqatu barbaachisa,'' jechuun barreeffamaan ka'ameera.
Kana malees ''osoo waan ittiin mukicha yaabbatuufi namni gargaaru bakka hin jirreetti attamiin ofiisaa mukarratti of fannisuu danda'a? Kanaafuu qorannooo sirriin eegalamu qaba'' jedhan.
Poolisiin bulchiinsichaa Amaan ofiin of ajjeesse jedhan illeen qaamooleen 'Black Lives Matter' gaggeessanii fi namoonni kaan miidiyaa hawwasummaa irratti yaada kennaa jiru.
Ibsa abbaan seeraa bulchiinsaa Moriis Fireriiriik Naap baasaniin, ''Yakkii raawwatameera jennee hin amannu. Qorannoon reeffaa isaas kan mul'isu ofiin of ajjeesusaati,'' kan jedhu yoo tahu fayyadamnoota midiyaa hawwasaa biratti dheekkamsa uumnaan ibsa dura baasan geedaruuf dirqamaniiru.
''Qorannoo akka midiyaa hawaasarratti jedhamu osoo hin taanee ammas kan jalqabaati. Murtee dhumaarra hin geenye. Ibsi keenya jalqabaatiis bu'aa qorannoo jalqabaa ture. Ammas qaamoolee haqaa garaa garaa waliin ta'uun qorachuun itti fufeera,'' jedhan.
Hundeessituun 'Black Lives Matter'' Tiiyaanaa Kiimboorigii, abbaan seeraa kun osoo ibsa isaanii fooyyassanii hin basiin dura, dursanii itti gaafatamummaa isaanii sirriitti bahu qabu ture. Osoo qorannoon hin gaggeeffamiin dura sa'aatii 72 keessatti ofiin of ajjeesse jedhanii dubbachuun haqa maleessaa fi kan jiraattoota naannichaaf tuffii argasiiseedha,'' jette.

Amaaniin yoo barnoota isaa xumuree FBI ykn CIA keessa hojjachuuf yaadaa akka ture kan dubbattu mormiituun mirga namooonaa ''Umuriinsaa gara 20 ta'ulleen hawaasa tajaajiluurra of qabee hin beeku ture. Hiriyoota isaa waliin ta'uun Niiw Jeersii keessaatti namoota daa'imman irratti xiyyeefachuun gocha dirqiin gudeeduu raawwatan 30 saaxilaniiru'' jetti.
Hojiisaa kanaanis akka ajeefame amanti. ''Abbaan seeraa sababiin ajjeechaaf isa gahu hin jiru jedhuulleen, nuti garuu sababiiwwan isa calliisiisuu barbaadantu jira. Inni Yakkamtoota saaxiluunsaa haaloof isaan kakaaseera,'' jennee amanna jetti.

Madda suuraa, AMANI FACEBOOK
"Namni gaariin hin bulu"
Namoonni tokko tokkoo dhalatanii kan jiraatan yeroo gabaabduu qofaaf yoo ta'eyyuu gochi isaan raawwatan garuu kan umurii isaaniitiin ol ta'ee namoota baayyee biratti yaadatamaa hafa. Kanaafuu 'namni gaarii hin barakatuu' jedhanii kan himan jiru.
Haaluma kana fakkaatuun Amaaniin waggoota muraasa jiraate keessatti gochi inni raawwate hedduu ta'uu kanneen isa beekaniifi maatiin ni dubbatu.
''Amaaniin nama qajeelaa, gara laafeessa ture. Gadda namoota akka waan kansaatti fudhataa ture. Namoonni isa beekan guddaa xinnaan isa jaalatu turan. Anis namoonni hedduun akka isa jaalatanan beeka'' jechuun ture maatiin isa guddifatan Lubni Tom Kildiiyaanaa fi haatii warraa saanii Jaaniis waa'ee seenaa isaa barreessaniiru.
Amaaniin maatiifi hirriiyoota isaa mana barnootaa birattilleen baayyee jaalatamaa akka ture himama.
Naannoo jireenyaa isaatti hirmaannaan hawaasa keessatti qabaataa ture baayyee kan dinqisiifameedha.
Sochii inniifi hiriyoonni isaa taasisaniinis keessattu namoota yakka daa'imman dirqisiisuu kaameeraadhaan hordofanii saaxiluudhaan hedduu mana murtiitti akka dhiyaatan taasisaniiru.
Haa ta'u malee gochii isaanii kunis namoota yakkicha keessatti hirmaataniifi qaamoolee hojii bulchiinsa naannichaafi poolisii keessa galtaniiru jedhaniin komiin irratti ka'aa akka ture himama.
Amma sababii kanaan haala du'a Amaanii hedduun ofiin of ajjeessee jedhanii fudhachuuf kan rakataa jiran. Kanaafu qorannoo gadi fageenya qabu akka taasifamu gaafataa jiru.
Kana malees dargaggoon kun kubbaa milaatiifis jaalala olaanaa akka qabuu seenaa warri isa guddisan barreessan irraa hubatameera.
Mana Barnootaa 'West Central' jedhamuutti barnoota saa sadarkaa lammaaffa akka xumure Amaaniin wayita achiitti barataa tureetti kubbaa miilaa taphataa ture jedhame.

Madda suuraa, AMANI FACEBOOK
Walumaa galattis maatiin isa guddisan gochi dargaggoon kun bara jireenyaa isaatti raawwateetti ni boonna garuu isa dhabuu keenyaatti gadda nutti dhagahamee jechaan ibsu hin dandeenyu jedhaniiru.
Waldaa Riidiimar Lutaraan jedhamu keessatti lubummaan kan tajaajilan abbaa isa guddisan, dargaggoon kunis dhiheenya kana leenjii loltummaa fudhatee eebbifamu himu.
Ijoollummaa isaatii qabees FBI keessa tajaajiluuf fedhii olaanaa akka qabu himu maatiinsaas. Karoora isaa kana galmaan gahuudhaafis hawaasa keessatti gumaatawwan hedduu taasisaa ture jedhame.
Amaaniin namoota bulchiinsa sana keessatti of ajjeesan keessaa arfarraadha jedhame. Maatiin isaas jecha poolisiin ofiin ofi ajjeesse jedhe amanuun fudhataniiru. Kanaan walqabatees hedduun qeeqamaa jiru jedhame.
"Gurraachoonni hedduun Ameerikaatti bakkeewwan bashannanaa adda addaa keessatti mukaratti faniifamanii reeffisaanii argameera. Isaanis ragaa qorannoo tokko malee ofii of ajjeesan jedhamanii fudhachuu waan fudhatama hin qabneedha'' jetti mormituun mirgoota namoomaa Tiinaan.
Odeessi kuni maddawwan garaa garaa irraa kan qindaa'eedha.















