Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Veenaatti manni barnoota shubbisaa beekamoo 'barattoonni akka tamboo xuuxan jajjabeessan'
Ijoolleen mana barumsaa beekamaa 'Vienna State Opera' jedhamu ulfinni qaama isaanii akka hin daballeef jecha tamboo akka xuuxaniif jajjabeeffamuu isaanii qorannoon saaxile.
Manni barumsaa kun gosa shubbisaa 'ballet' jedhamu sagalee muuziqaa waliin qaama ofii sosochoosuu barsiisa.
Komishiniin addaa hundaa'e himannaa manni barumsaa kun barattoota kana akka tamboo xuuxan gochuun rakkoof saaxilaa jira jedhu qorachuutti jira.
Kana malees akka himannaa dhiyaate kanaatti shubbistoonni sabiyyii ta'an leenjii shubbisaan agarsiisuu baayyee hamaa ta'e akka hordofan dirqisiifamaa jiru.
Dura ta'aan Komishinii kanaa Susaanee Rendil- Kira'uskoof barattoonni kunneen rakkoo jedhame kanaaf saaxilamuun hin oolle jedhan.
"Ijoolleefi shamarran sabiyyii kunneen dhiibbaa loogii isaan mudachuu malu, dagatamuufi rakkoo fayyaa isaan mudachuu malurraa sirriitti eegamaa hin jiran," jedha gabaasni Komishinichaa.
Dhiibbaa leenjiin sun qaqqabsiisuu malu sirriitti to'atamaa waan hin jirreef "jireenya isaanii balaaf saaxileera," jedheera gabaasichi.
Deebii himannaa irratti dhiyaate kanaaf kenneen Vienna State Opera akka jedhutti akaakuu leenjii kennuu qabu hedduu isaanii akka hir'ise himuun osoo guutummaatti deebii hin kenniin gabaasa komishinichaa ilaaluuf.
Manni barumsaa kun bara 1771 keessa kan ijaarame yoo ta'u mana barumsaa shubbisaa baayyee beekamaadha. Barattoonni mana barumsaa kanaa eebbifamanis kampaanota gurguddoo akka London's Royal ballet fi New York's American Ballet Theatre keessatti shubbisaa jiru.
Miidhaan barattoota mana barumsaa shubbisaa kanarra ga'u ijoo dubbii kan ta'e Ebla keessa gaazexaa Awustiriyaa beekamaa ta'e tokkorratti erga ba'een boodadha.
Gaazexaan kun akka dhiyeessetti shubbistoonni baayyee qaamaan miidhamuufi akka malees huqqachuurra darbanii muka qoosaa ta'uurra ga'aniiru.
Ministirri Aadaa Awustiriyaa Aleksaander Shelaanberg rakkoo jedhame kana furuudhaaf tarkaanfiin atattamaa fudhatamuu qaba jedheera.