Dubartiin cidharratti 'shubbisa addaan kutte' rasaasaan rukutamte

Maxxanfame

Shubbistuun biyya Hindii tokko cidhiratti shubbisaa osoo jirtu adda kutuusheetiif rasaasaan rukutamte hospitaala galte.

Viidiyoo taate sana mul'isurratti, dubartiittiin osoo shubbistu mul'atti. Addaan kunnaan, sagaleen rasaasaa dhagahame achi booda dubartittii fuulashee qabachuun lafatti kufte.

Poolisiinis nama rasaasa dhukaasee viidiyoorraa adda baasuusaa BBC'tti himeera.

Taate kunis sirna gaa'elaa guyyaa Muddee 1, 2019 ganda Uttar Pradesh jedhamtu keessatti raawwate irratti ture. Booda ammoo eega viidiyichi namoota heddu bira gahe kan taate kun guyyoota muraasa booda kan ifa bahe.

"Shakkamaan hin qabamne garuu qabamee seerratti akka dhiheessinu abdii qabna," jechuun poolisiin BBC'tti kan hime.

Jeequmsi guyyaa cidhaa akkanaa biyyoota muraasa keessatti kan baratamedha- keessattuu anmoonni heddu cidha bareechuuf jechuun rasaasa qabatanii deeman akka dhukaasaan himama.

Taateen walfakkaatu bara 2016'tti kaaba Puunjaabitti dubartii ulfaa cidharratti osoo shubbistu rasaasan dhahamtee ajjeeffamtee turte.

Balaan biroo hedduun tasa mudatan.

Ji'a Sadaasa bara 2016'tti achuma Bulchiinsa Haryaanaa keessatti rasaasaa gammachuuf dhukaafameen adaadaa (fira) misirrichaa dabalatee namoonni sadi ajjeeffamaniiru.

Bara 2018'tti ammoo Puunjaab keessatti guyaa cidhaatiin dura namni tokko ollaasaa rasaasaan ajjeeseera.

Namnitich ajjeechaa raawwate kunis osoo cidha intalasaarratti rasaasaa gara samii dhukaasu ture. Ta'us garuu rasaasni tokko kallacha (adda) dubartii ollaasaa rukutuun battalumatti lubbuushee dabarse.