Google sababa tuttuqaa saalaan namoota hedduu hari'e

Mallattoo Google

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Dhaabbanni tekinooloojii guddicha ta'e Google yakka tuttuqaa saalaan walqabateen waggoota lamaan darban keessa gaggeessitoota ol-aanoo 13 dabalatee hojjetoota 48 hari'uu isaa dubbate.

Xalayaa hojjetootaaf barreessaniin, hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Sandaar Pikaay akka jedhanitti angaftichi tekinooloojii kun amala badaa akkasii kanarratti "duuba hin deebiyu".

Xalayichi kan barreeffameef deebii gabaasa gaazexaa New York Times irratti namichi kanaan dura Android kalaqe Andii Rubin jedhamu amala hin taaneen himatamee ari'amullee dolaara miliyoona 90 fudhatee gaggeeffame jedhuun walqabateeti.

Dubbi himaan Obbo Rubin himannaa kana haalaniiru jedha gaazexaan sun.

Andy Rubin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Andii Rubin, nama Android kalaqeef bara 2014 keessa Google gadi dhiisee ba'e

Akka gaazexaan kun ibsetti garuu yeroo gadi dhiisu "gaggeessaa gootaaf malutu" taasifameef.

Xalayaa isaa keessatti Pikaay oduu gaazexaa New York Times sana "dubbisuun rakkisaadha" jedhanii Google waa'ee "bakka hojii naga qabeessaafi hammataa ta'e" dhiyeessuu ilaalchisee "xiyyeeffannaa addaan" hojjeta jedhan.

Hojjetoonni waggoota lamaan darban keessa ari'aman tokkollee sababii gadi dhiisuu isaaniitiif tumsi/hirphi fudhatan tokkollee hin jiru jedhan Pikaay.

Akka gaabaasa New York Times kanaatti, hoji gaggeessitoonni Google maqaan isaanii hin dha'amne lama kan jedhan, yeroo sanatti hogganaa waliigalaa kan ta'an Laarii Peej Rubin akka gadi dhiisuuf gaafataniiru.

Kunis erga kampaanichi hojjettuun dubartiin tokko mudannoo saalqunamtii hoteela tokko keessatti bara 2013 isheerra ga'e akka komiitti kaastu mirkaneeffatee boodadha.

Yeroo sanattis Google akka qoratee bira ga'etti komiin dubartiin sun dhiyeessite sirridha jechuun gaazexaan kun gabaaseera. Kampanichi garuu kan hin mirkaneessine.

Rubinakka jedhutti garuu hojii badaa akkasii kana keessatti qooda hin fudhanne, Google kanan gadi dhiise yeroo mataakootti malee jedhe.