Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa keenya kallattii gulabneera

    Hordoftotaa, gabaasa keenya kan Dilbata har'aa asumarratti xumureerra.

    Boru ammoo adeessaalee biyya keessaafi addunyaa mara irraa haaraa qabne walitti deenaa nagaa tura.

    Turtii gaarii isiniif hawiina!

  2. Itoophiyaa namoonni Covid-19n qabaman 40,671 gahe

    Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman kan waliigalaa 40,671 yoo ta’u, kan dhibeedhuma kannaan lubunsaanii darbee ammoo 678 ta’u, Ministeerri Fayyaa gabaasa isaa guyyaa har’aatiin beeksiise.

    Haaluma kanaanis sa’aatii 24 darban keessatti qorannoo saamudawwan 20,153 irratti gaggeefameen namoonni 1,638 haaraa qabamuun mirkanaa’eera.

    Namoonni 16 ammoo lubbusaanii kan dhaban yoo ta’u, 291 ammoo kutaa dhukkubsattoonni hordoffii cimaa barbaadan keessatti argamu ibsichi mulliseera.

    Gama biraatiin ammo namoonni 515 harra bayyanachuun kan himamee yoo ta’u, waliigalattis hanga harraatti namoota vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’ee keessaa 14,995 fayyamuun ibsameera.

    Haala guyyaa
  3. Talaalliin Covid-19 maaliif dhimma dorgommii biyyootaa ta’e?

    Qorannoo

    Madda suuraa, Reuters

    Raashiyaan jalqaba baatii Hagayyaatti talaallii Covid-19 Sputnik V jedhamu argachuu beeksiifteetti, ergaan sun garuu akka gaariitti hinfudhatamne.

    Bara 1957ttiis Soviyeeti Yuuniyen saataalaayitii Sputnik jedhamu furguggisuun ture dorgommii samii kan mo’atte.

    Ammas Raashiyaan daangaawwan dorgommiishee gama saayinsii wal'aansa fayyaatiin cimfachuu himaa jirti.

    Garuu qeeqxoonni labsiin amma taasifamee kunis dorgommii idil addunyaa dabaluuf malee dhugaa miti jechuun akka shakkan himaa jiru.

    Dorgommii kanaanis, himannaawwan yeroo gabaabaa ta’uufi, balaa seeraan alaa qabaachuufi innaaffii marii ‘’talaallii biyyummaa’’ tii jedhan ka’aa jiru.

    Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Chaayinaa, UK, US, Jarmanii fi walta’insa Ameeriikaatiin gaggeeffamaa jiran dabalee talaalliiwwan sadarkaa yaalii dhumaarratti argaman hedduutuu jiran.

    "Gonkumaa dorgommii siyaasaa oomisha wal'aansa fayyaa akka kanaa argee hinbeeku’’ jedhan piroofesarri seera fayyaa addunyaa Yunvarsitii Joorjii Taawoon kan US, Laawoorsan Gostiin.

    ‘‘Sababiin talaalliin Covid-19 itti akkasiin mallattoowwan siyaasaa ta’u danda’eef, kanneen siyaasaan olaantummaa qaban hundu kallattii saayinsiitiin talaallii argachuu, qabatamaan ammoo olaantummaa sirna siyaasaa isaanii mirkanneeffachu waan barbaadaniifiidha,’’ jedhaniiru.

  4. Namoonni 90 ol tahan galaana Meditiraaniyaanii keessatti dhidhimuurraa baraaraman

    Bidiruu namoota humnaa ol baatte

    Madda suuraa, MSF

    Ijoollee umurii saanii waggaa18 gadii dabalatee bidiruun namoota 97 humnaa ol feetee galaana Mediitiraaniyaanii irra imalaa turte Liibiyaarraa fageenya naannoo km 48tti baraaramte jedhe dhaabbanni tola oolaa Sea-Watch International jedhamu.

    Bidiruun kun Liibiyaa irraa akka kaates amanama.

    Gareen baraaraa Sea Watcha 4 bidiruu kana har’a ganama argatee jedha dubbii himaan dhaabbatichaa Oliivar Kuliikowaaskii.

    Warreen baraaraman, dadhabaniifi bishaan dheebotanii turee jedhe.

    Lammummaan namoota kanaa yeroo isaan dadhabbii isaaniirraa bayyanatan gaafatamas jedheera dubbii himaan kun

    Eessa akka geeffaman illee wanti barame hin jiru.

    Guyyaa afur dura yoo xiqqaate ijoollee shan dabalatee godaantonnii fi baqattoonni 45 daandii wal-fakkaataa kanumarra du’aniiru jedha dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhimma baqattootaa UNHCR.

    Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii UNHCR fi Dhaabbnni Godaantotaa (IOM) yeroo mara barbaachii fi lubbuu baraaruun godaantotaa akka jabaatu gaafatu.

    Barbaachiifi lubbuu baraaruun jabaa yoo hin jiraanne lubbuu namoota baayyee galaana Meditaraaniyaanii keessatti dhuma jedhan.

    Bara kana qofa namoonni 300 Liibiyaa irraa ka’uun galaana ce’uun Awurooppaa galuuf yaalan du’aniiru. Lakkoofsi otoo hin galmoofne waliin kana caaluus danda’a jedhu.

  5. Ameerikaan dhuguma namoota Covid-19n du’aniin biyyoota kaan caalaa miidhamtee?

    Haala Ameerikaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamuunsaanii mirkanaa’ee miiliyoona 5.7 gahuuf deema.

    Lakkoofsi lamoota koronaavaayirsii US keessatti qabamunsaanii mirkanaa’ee dabalaa haaluma adeemuun, miidhaan dhukkubni kun geessise ilaalchisee waa hedduun dubbatamaa jira.

    Pirezidaantiin biyyatti Donaald Tiraamp garuu biyyattiin baay'ina lakkoofsa namoota dhukkubichaan du’aniitiin addunyaarraa baayyee gadaanaadha jedhu.

    Qaamoolee kaan garuu Ameerikaan biyyoota kamuu caalaa koronaavaayirasiin miidhamte jirti jedhanii amanu.

    Hanga ammaattis lammiileen Ameeriikaa 176,362 sababiidhuma vaayirasii kanaatiin lubbuunsaanii darbuun mirkanaa’eera.

    Kanneen miiliyoona lamatti siqan ammoo dhukkubicha irraa bayyanachuusaanii ragaan Joon Hopkiins irraa argame ni mul'isa.

    Haala kana xiyyeeffannaa keessa galchuufi baay'ina namoota qoratamaniin wal biratti ilaaluun, xinxala qorattootaan taasisniin Ameerikaan biyyoota dhukkubichaan baayyee miidhaman keessatti argamti malee baay'ina lakkoofsa namoota du’aniitiin hunda hincaaltu jedhan.

  6. Weerarri Koroonaavaayirasii yoom dhaabbata?

    Kun erga weerarri koroonaavaayirasii dhufee gaaffii sammuu namaa keessa jalqaba dhufudha. Weerarri kun yoom dhaabbata?

    Gaariidha! Torban kana ogeessonni deebii kennuuf yaalaniiru. Jimaata darbe daarikterri waliigalaa Dhaabbata Fayyaa Adunyaa Dr Tediroos Gebreyesus, waggoota lama keessatti weeraricha ni to’anna jedheen abdadha jedhan, weerara Ispaanish Filuu kan bara 1918 mudate eeruun.

    Sanbata ammoo Pirofeser Sir Maarki Waalport miseensa gorsitoota saayintistoota UK ‘Scientific Advisory Group for Emergencies (Sage),’ kan tahan koroonaavaayirasiin bifa garaagaraan yeroo hundumaa nu waliin jiraachuusaati jedhan. Namootni irra dedeebiin talaalli fudhachuu malu jedhan.

    Dabalataan gorsaa ol aanaan medikalaa UK Pirofeser Kiriis Wiitii vaayirasichi yoo xiqqaate ji’oota sagal itti aananiif rakkoo guddaa fiduu danda’a jedhan.

    'Covid-19 ji'oota sagal itti aananiif dhiibbaa guddaa fiduu danda'a,' Pirof Kiriis Wiitii

    Madda suuraa, PA Media

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Covid-19 ji'oota sagal itti aananiif dhiibbaa guddaa fiduu danda'a' Pirof Kiriis Wiitii
  7. Uk'n kanneen sagantaa namoota 30 ol hirmaachisan qopheessan birrii kuma 470'n adabuuf

    UK'n walitti qabama namoota 30 olii dhorkiteetti

    Madda suuraa, ASP

    Ibsa waa'ee suuraa, UK'n walitti qabama namoota 30 olii dhorkiteetti

    UK’n kanneen sagantaa garaagaraaf namoota 30 ol walitti qaban hanga £10,000 akka adabdu beeksifte. Adabbiin kun Birriidhaan hanga kuma 470 ni taha jechuudha.

    Akka seera adabbii haaraa kanaatti aangoon isaa poolisiif kennameera. Namootni walitti qabamicha irratti hirmaatan ammoo £100 kan adabaman yoo tahu balleessaa tokko tokkoo isheef hanga adabbiin £3,200 gahuu danda’a.

    Kun seera maaskii fuulaa keewwachuu bakka namootni baay’atan geejiba uummataa,suuqiiwwanii fi bakkeewan gurguddaa keessatti yoo cabsanidha.

    Murtoon kun kan darbe erga poolisiin magaalaa Birmingihaam sagantaa bashannanaa eeyyama hin qabne 70 ol mana keessaa fi daandii irratti qophaa’ee ture jedhee ibseeti.

    Magaalaa Landan keessatti ammoo poolisiin sagantaalee eeyyama malee qophaa’an 1000 ol tahan erga xumura ji’a Adoleessaa akka hanbise ibseera.

  8. 'OMN dabalatee miidiyaaleen dhorkaman filannoon hojiitti deebi'uu harkasaanii jira'

  9. Balaa xiyyaaraa Sudaan Kibbaatti qaqqabeen namooti torba du’an

    Xiyyaara caccabee jiru

    Madda suuraa, South Sudan Journalist

    Xiyyaarri mindaa hojjettoota Mootummoota Gamtoomani (UN), geejibaa ture magaalaa Sudaan Kibbaa Jubaatti caccabee kufuun namoota sagal keessaa torba du’uu qondaaloti mirkaneessaniiru.

    Namoota balaa kanaan Sanbata kaleessaa gaman du’an keessaa afur lammiilee Sudaan Kibbaa yoo tahan, sadeen hafan immoo miseensota garee lammiilee Raashiyaa turan.

    Namni lubbuudhaan hafe hospitaalatti yaalamaa jira.

    "Balaa qaqabee kanaaf baayyee gadduun akkuma maatii firootasaanii balaa kanaan dhabniitti qixxuma gaddineera,'' jechuu barreesaniiru pirezidaantiin biyyatti.

    Balaan kunis erga isaan buufata xiyyaaraa idil addunyaa Jubaa irraa ka’anii battalumatti kan mudatedha.

    Xiyyaarri 'plane Antonov 36,' jedhamu mindaa hojjettoota Sagantaa Nyaataa Addunyaa lixa Baahir El Gihaazaalitti argamaniif akka geessuuf ergame.

    ''Qarshiin qabatanii turan doolaara 35,000 ture. Sababii balaa qaqabeetiinis qarshichi gubatee daaraa taheera,’’ jedhan Ministirri Geejibaa biyyattii Maaduut Biyaar Yeel.

    Sababii balaa kanaa qorachuuf koreen dhaabachuusaa illee himaniiru.

  10. Ijoolleen ganna 12 olii hundi maaliif maaskii akka keewwatan gaafatamee?

  11. Addunyaarratti namoonni Covid-19n qabaman mil 23 caale

    Addunyaa

    Madda suuraa, Joon Hopkingsi

    Dhibeen koronaavaayiras ji'a dhumaa bara 2019 keessa biyya Chaayinaa kutaa biyyaa Hubeeyi keessatti mul'ate.

    Vaayirasiin kun guutummaa addunyaarratti tatamsa'uu itti fufeera.

    Biyyoota addunyaa hunda keessatti lakkoofsi namoota vaayirasiin kun irratti argamuun mirkanaa'es miliyoona 23 ol darbee jira.

    Namoonni miliyoona 23,206,319 hanga harraatti vaayirasichaan qabamuu mirkanaa'eera.

    Akkasumas kanneen gara kuma 800 ta'an ammoo dhukkubuma Covid-19 addunyaa raasaa jiru kanaan lubbuun isaanii darbeera.

    Gama biraatiin ammoo addunyaarratti namoota vaayirasii kanaan qabaman keessaa kanneen miliyoona 15tti siqan ammoo dhukkubicha irraa fayyuusaanii ragaan Yunvarsitii Joons Hopkings irra argame ni mul'isa.

  12. Amala Mallas Zeenaawwiifi hariiroo inni Isaayyaas Af-Warqii waliin qabu eegduu isaarraa

  13. Covid-19 barabaraan nu waliin turu danda’a jechuun qorattoonni akeekkachiisan

    Koronaavaayirasii

    Madda suuraa, Reuters

    Miseensi garee saayintistoota gorsitoota Balaa Tasaa Motummaa UK koronaavaayirasiin ‘haala garaa garaatiin hamma dhumaattuu nu waliin jiraachuu danda’a’ jechuun akeekkachisan.

    Kanaafuu namoonni walitti fufinsaan talaalamuu qabaatu jedhu gorsaan olaanaa Sir Maark Waalport.

    Yaadni oggeessa kanaas kan dhufe erga kaleessa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n weerarichi akkuma weerara Ispaanish Filuu waggoottan dhufan lama keessatti baduu dadand’a jedheen booda ture.

    Haa ta’u malee baayyinni ummataafi baayyinni imalaa vaayirasichi akka salphaatti akka babal'atu taasisa jedhu Maark.

    Baay'inni lakkoofas ummata addunyaa kan bara 1981 yeroo Filuun Ispaanish ture sana caala Jechuun mormu.

    Kanaafuu weeraricha to’achuuf ‘talaalliin idil-addunyaa barbaachisaadha’ jechuun BBCtti hima. Haa ta’u malee koronaavaayirasiin dhukkuba akka maaree fa’i talaalliin baduu danda’u miti jechuun akeekachiisu.

    "Vaayirasiin kunis karaa tokkoon ykn karaa gara biraatiin kan amma dhumaatti nu waliin turuu danda’uudha. Kanaafuu talaalliin walitti fufinsa qabu barbaachisaa’’ jedhaniiru.

    Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Teediroos Adihaanoom weerarri Ispaanish Filuu to’achuuf waggoota lama fudhateera, teeknolojiin sun amma koronaavaayirasii to’achuuf ni gargaara jedhaniiru.

    Haa ta’u malee Ispaanish Filuun yoo xinnaate namoota miliyoona 50 ajjeeseera.

    Covid-19 ammoo hanga har'aatti namoota 800,000 ajjeessee kanneen miliyoona 23 ol ta’an ammo vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’eera.

  14. Tamsaasa keenya kallattii eegaleera

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo tamsaasa keenya kan Dilbataa kunoo amma eegalleera jira.

    Isinis marsariitiifi fuula feesbukii keenya millachu hindagatiinaa.

    Aadaan uffannaa suuraa asiin gadii kun kan eenyu?

    Olmaa gaarii isniif hawwiina.

    Aadaa oromoo Walloo
  15. Itoophiyaatti guyyaa tokkoon namoonni 1,368 Covid-19n qabamanii 25 ammoo du’an

    Itoophiyaatti qorannoo sa’aatiiwwan 24 darban keessa saamudawwan 19,776 irratti gaggeefameen namoonni 1,368 vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa’ee yoo ta’u, namoonni 25 ammoo dhukkubichaan lubbusaanii dhabuusaanii Ministeerri Fayyaa biyyatti beeksiise.

    Haaluma kanaanis lakkoofsi namoota biyyatti keessatti vaayirasiichaan qabamanii 39,033 yoo ta'an, kana du'anis ammoo 662 irra gaheera.

    Guyyaa harraatti namoonni 567 dhukkubicha irraa bayyanachuun kan himamee yoo ta’u, walumaa galattis namoonni 14,480 erga dhukkuba kanaan qabamaniin booda irraa fayyusaanii ibsichi mirkanneesseera.

    Gama biraatiin ammo ammalleen namoonni 251 ta’an wallaansa dhukkubsittoonni haala cimaan dhukkubsatanii keessatti kan argaman ta’u ibsi guyyuu kun mulliseera.

    Haala guyyaa
  16. 'Koronaavaayiras waggoota lama keessatti baduu danda’a'- Tediroos Adihaanoom

  17. ‘Rakkoo siyaasaa mudateef furmaanni siyaasa ta’uu qaba’-KFO

  18. ‘Mootummaan lakkoofsa namoota du’anii xiqqeessee hima’ anga'oota Booliiviyaa

    Lakkoofsi namoota du'anii dachaa shan kan mootummaan himuun ilidha jedhama

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyya Laatiin Ameerikaa Booliiviyaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan du’anii ifa ta’ee jiru dhugaarraa hedduu fagoodha jechuun hogganaan Fooransiikii Booliviiyaa Niiw Yoorki Taayimsitti himan.

    Akka ibsa mootummaatti namoonni 4,300 akka du’an yoo himamu, ammeentaa du’aatii namootaa ilaaluun kan gabaase gaazexichi, namoonni dhibee kanaan lubbuu dhaban harka shaniin akka caalu ibse.

    Lakkoofsa ummataa qabdu waliin wal-bira yoo qabamus kan US fi kan Awurooppaa mara akka caalu eerame.

    Booliiviyaan hanqina qabeenyaa, namoota qoratamaniifi rakkoo siyaasaa hamaan qoramaa jirti.

    Weerarri kun filannoon yeroo hedduu akka darbu taasiseera. Pireezidantiin biyyattii Jiniin Aneez yeroo ammaa kana ummataan filannoof ba’aa jechuun balaa qaba jedhani.

  19. Wixineen imaammata sabaa himaalee akka hojiirra oolu murtaa'e

    Waajira MM

    Madda suuraa, Waajira MM

    Manni Maree Ministeerotaa wixinee imaammata sabaa himaalee Abbaan Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa qopheessee irratti mariyaatee yaada erga itti dabalee booda hojjijirra akka oolu murteesse.

    Wixineen imaammataa kun ilaalchota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa Itoophiyaan ittiin bulaa jirtu aadaa, duudhaafi mirgoota namoomaa haal ilaalcha keessa galcheen qophaa’uu Waajirri Ministira muummee ibsa baaseen addeesseera.

    Manni Marichaa sanada qophaayerratti mariyatee erga yaada itti dabalee booda akka hojiirra oolu murteesseera.

  20. Indiyaatti namoonni Covid-19'n qabaman miil. 3 ga’uufi

    Wayita ayyaanni Gaaneesh kabajamaa jirutti Indiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii dabalaa jira

    Madda suuraa, Reuters

    Indiyaatti guyyaa tokkotti namoonni riikoordii 69,000 ta’an koroonaavaayirasiin qabamuu hordofee lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoona saditti dhiyaate.

    Biyyattiin namoota vaayirasichan qabamaniin 3ffaa yoo taatu, namoota lubbuu dhabaniin ammo 4ffaa dha.

    Ministeerri Fayyaa Indiyaa namoota miiliyoona tokkoof guyyaatti qorannoon taasifamaa jiraachuu beeksisuun, namoonni dandamatanillee bay’aachaa jiraachuu hima.

    Lakkoofsi dabalaa kan jiru tibba hordoftoonni amantaa Hinduu ayyaana Gaaneesh Chaatuurtii kabajaa jiranittidha.

    Ayyaanni kun yeroo biraa namoota miiliyoonota hedduun kan kabajamu yoo ta’u, fakkiin Gaaneesh bishaan keessa buufamee kan xuuramu ta’a.

    Kutaaleen biyyattii garagaraa akkaataa ayyanichi nagaan itti kabajamurratti dambii baasanii jiru.