Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yooyyaa!

    Gabaasni keenya kallattii kan Sanbata Hagayya 01 2020 asirraa eegala.

    Gabaasaalee guyyoota darbanii asii gaditti argachuu dandeessu.

    Odeessaalee kaaniif marsariitii keenya daawwadha, yaada keessan gama Facebook nuuf barreessaa.

    Oolmaa gaarii!

  2. Jeedala kopheewwan 100 ol hattee walitti qabde

    Gandi magariituu Barliin keessa jirtu waqtii ho’aa kana kophee walitti qabuutti jirti.

    Torban muraasaaf jiraattonni Zeehleendoorf halkan kophee isaanii ispoortii fi ‘siliippeerii’ eenyu akka jalaa hatu hin barre ture.

    Booda hattuun kopheewwan kanaa, ‘siliipperii’ cuquliisa afaanitti baattee gara dahoo isheetti otoo fiigduu harkafi harkatti namni tokko ishee qabate, jechuun gaazexaan biyyattii gabaaseera.

    Jeedalli kun kopheewwan 100 walitti qabdeetu argamte.Haa tahu malee kopheen namichi ishee qabatee ‘kophee fiigichaa koo hin arganne,’ jedheera.

    Namichi kophee keessan kan hataa jiru jeedala dha jechuun warreen ollaatti hima. Isaan illee kophee isaan jalaa bade himachuutti ka’an.

    Gulaalaan gaazexaa Taagespeejel Filiiks Haakenbiraach suuraa kopheewwan jeedalli kun walitti qabde Twitter irra kaa’era.

  3. Itoophiyatti namoonni haaraa 915 Covid-19 qabaman

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 8,957'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirasichi namoota 915 irratti argamuu ministeerri fayyaa biyyattii Dr Liyaa Taaddasaa mirkaneessaniiru.

    Kunis lakkoofsa namootaa biyyattii keessatti Covid-19 qabamanii gara 17,530'tti ol guddiseera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii inni ol'aanaan galmaa'eera.

    Gama kaaniin namoonni haaraa 187 dhukkubicharraa bayyanataniiru. Hamma ammattis namoonni 6,950 Covid-19 irra bayyanataniiru.

    Qorannoo sa'aatii 24 darban biraatiin namoonni dabalataa 11 kan du'an yoo ta'u, hamma ammatti namoonni 274 du'aniiru.

    Biyyattiin eega weerarri koronaavaayiras biyyattii keessatti mul'atee as namoota 422, 354'f koronaavaayirasiidhaaf qoratteetti.

  4. Indiyatti namoonni saanitaayizara dhugan sagal du'an

    Indiyatti guyyoota laman darbanitti namoonni saanitaayizara dhugan sagal du'an.

    Qondaalli poolisii ol'aanaan naannoo Kuriicheeduu akka jedhanitti namoonni araada alkoolii qaban saanitaayizar alkoolii of keessaa qabu dhugaa turan jedhan.

    "Sababa uggura Covid-19'f alkoolii akka salphatti hin argatan, saanitaayizara garuu salphumatti argatu," jedhan qondaalli kun.

    Dabalataanis namoonni saanitaayizar harkaa dhugan biroos hospitaalaa akka bahan ibsaniiru.

    Du'asaanii irratti qorannoon taasifamaa jira.

    Indiyatti namoonni miiliyoona 1.63 ta'an koronaavaayirasiidhaan kan qabaman yoo ta'u, 35,000 ammoo du'aniiru.

  5. Veetinaam nama isa jalqabaa koroonaavaayirasiin du’e galmeessifte

    Veetinaam nama isa jalqabaa koroonaavaayirasiin du’e galmeessifte. Kunis biyya hanga yoonaa namni weerara kanaan na jalaa hin duune jettuuf miidhaa guddaadha.

    Namni lubbuun darbe manguddoo ganna 70 yoo tahan jiraataa magaala gidduugala Hooy Aaniidha.

    Biyyattiin nama haaraa dhukkubichaan qabame baatii sadiif otoo hin galmeessisiin turtus jalqaba torbee darbee keessa weerarichi akka haaraatti ka’eera.

    Veetinaam uummata miiliyoona 95 kan qabdu yoo tahu erga weerarichi mul’atee as namoota 509'tu qabame.

    Biyyattiin namni vaayirasichaan qabame otoo hin mul’atiini dha lammiileesheen alattii imaltoota biroo irratti daangaa kan cufte.

    Namni biyya seene hundi guyyoota 14f akka adda of baasuufi qoratamu taasisuun biyyattii keessa tamsa’inni vaayirasichaa ji’oota sadiif akka dhaabbatu godheera.

    Biyyattiin vaayirasicha to’achuuf tattaaffiin dura dabarsitee taasifteen leellifameetti.

    Torbee kana yeroo vaayirasiin kun argame daawwattootni naannoo biyyattii garaagaraa irraa dhufan magaalatti vaayirasiin kun argame keessa turan. Yaaddoon vaayirasii kanaas badeera jedhaniitu amanu ture.

    Ministirri Mummee biyyattii Inguyeen Zyu’aan Fuuk,’’ tamsa’ina vaayirasii kanaa to’achuuf dafnee tarkaanfiii fudhachuu qabna,’’ jedhan.

  6. Keeniyatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii 20,000 caale

    Keeniyaan sa'aatii 24 daban keessatti namoota 8,679'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirasichi namoota 723 irratti argamuu ministeerri fayyaa biyyattii ibsaniiru.

    Kunis lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii 20, 636 akka gahu taasiseera.

    Namoota haaraa qabamanis namoota umuriinsaanii ganna ji'a sagal hanga 87'tti giddutti argamaniidha.

    Namaoota 723 keessaa 700 lammilee Keeniyaa yoo ta'an isaan hafan immoo lammiilee biyyoota birooti.

    Biyyattii keessatti namoonni haaraa 41 kan bayyanatan yoo ta'u, kunis lakkoofsa namoota bayyanatanii gara 8,165'tti ol guddiseera.

    Gama biraatiin namoota haaraa 16 lubbuusaanii dabana waliin hamma ammaatti namoonni 341 du'aniiru.

    Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabalaa deemus biyyattii balalii idil-addunyaa Hagayya 1 jalqabuuf akka taatus ibsameera. Balaliin biyya keessa gaafa Adoolessa 15 irraa jalqabameera.

    Biyyattiin kittaannaan yeroo murtaa'eef akka hin taasifamen dhorkiteetti. Taasifama yoo ta'es eega ministeera fayyaa waliin mari'atameedha jedhan ministeerri fayyaa biyyattii Mutaaahi Kagwe ibsa gaazexeessitootaaf kenna irratti ibsaniiru.

  7. Obaamaan sagalee filattootaa ukkaamsuun akka dhaabbatu gaafatan

    Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa Rippaablikaanota sagalee filattootaa ukkaamsuu yaalan qeeqan.

    Sirna awwaalchaa falmataa mirga gurraachotaa Joon Liwiis irratti ‘’mirgi filachuu ukkaamfamaa jira,’’ jechuun haaromsi bal’aa akka adeemsifamu gaafatan.

    Du’a nama gurraachaa Joorji Filooyiid eeruun tarkaanfii poolisiin hiriira nagaa warreen bahan irratti fudhate ibsan.

    Liwiis dhukkuba kaansariin ganna 80'tti baatii tokko dura boqotan.

    Namoota ‘gurguddoo jaha’ Maartiin Luutar Kiing Juuniyar dabalatee hiriira mormii Waashingitan bara 1963tti warreen qindeessan keessaati.

    Obaamaan,’’Har’a poolisiin morma nama gurraacha Ameerrikaa irra ejjetee yoo ajjeesu argineerra,warreen hiriira nagaa bahan irrattis gaasiin imimmaanessu yoo biifamu taajjabneerra,’’ jedhan

    Kana malees caasaa mootummaa keessa ‘’ haala nama ajaa’ibuun namootni akka hin filanne warreen jajjabeessan jiru, kanas buufataalee filannoo cufuu fi saboota lakkoofsa xiqqoo qabaniifi barattoota irratti waraqaa eenyummaa irratti seera daangesaa tahe baasuun raawwatu,’’ jedhu.

    Obaamaan filannoo sababii Covid-19'n karaa tajaajila poostaan taasifamuu danda’u irratti addatti haasa’aaniiru.

    Namootni hidhaatii bahan akka filatan taasisuu dabalatee haaromsi bal’aa akka taasifamu yaada dhiyeessaniiru.

    Guyyaa filannoo guyyaa ayyaanaa taasisuun hojjettoonni boqonnaa hin arganne akka filatan haa taasifamu kan jedhullee eeraniiru.

  8. Hoong Koong sodaa Covid-19'f filannoo paarlaamaa waggaa tokkoof dheeressite

    Mootummaan Hoong Koong filannoo Paarlaamaa Fulbaana keessa gaggeessuuf ture sodaa Covid-19'n waggaa tokkoof dheeresse.

    Weerarri kun hammaachaa waan jiruuf murteen koo kun sirriidhas jedheera.

    Mootummaan kana haa jedhu malee mormitootni garuu mootummaan weerara kana akka sababaatti fayyadamee namni akka hin filannee gochuufi jechuun qeeqan.

    Kamisa kaleessaa mootummaan kadhimamtoota Dimookrasii leellisanii 12 filannoorratti akka hin hirmaanne dhorkeera.

    Chaayinaan seera haaraa nageenya biyyaalessaa Hoong Koong keessatti labsite hordofee mormii uummataa itti fufaa jiruu mormitootni sagalee guddaa akka argatan abdiii kan hore ture.

    Adeemsi Beejiingis walabummaa Hoong Koong mulqaa jira yaadni jedhu jabaachaa jira.

  9. DRC'tti loltootni machaa'an namoota nagaa 12 rasaasaan ajjeesan

    Rippaablika Dimookraatawaa Koongootti loltootni machaa'an namoota nagaa daandii deeman irratti dhukaasa banuun 12 ajjeesanii hedduu madeessan.

    Namoota ajjeefaman keessa daa'mni ganna lamaallee jirti.

    Haleellaan kun kan Kamisa kaleessaa baha biyyatti bulchiinsa Kibba Kiivu keessatti raawwatame.

    Magaala Sangee jedhamtu keessatti namootni gocha humna waraanaa kanatti dallanan daandii hedduu cufuun hiriira bahaniiru.

  10. 'Qoosaa hin jiru, maaskii keessan gaaziin qulqulleessaa'

    Pirezidantiin Filippiins Rodrigoo Duteerte namoonni maaskii koronaavaayirasii to'achuuf godhatan akka gaaziin qulqulleessan dubbatan. Isumarrattuu, ''qoosaa hin jiru'' jedhan.

    Torban darbellee waan walfakkaataa dubbatani. Garuu qondaaltonni kaan dafanii sirrii miti jedhanis Duteerteen qoosaa hin jiru jedhanii deebisanii dubbatan.

    Qondaaltonni fayyaa maaskiin uffatarraa tolfame akka miicamu, kan ogeessota fayyaa garuu kaaniin akka bakka buufamu gorsu.

    Gaafa Jimaataa garuu, pirezidantiin biyyattii ''kan ani jedhe sirrii ture .... gara buufata boba'aatti deemaa'' jechuun namoonni gaasii akka fayyadaman dhaaman.

  11. Hidha Abbayyaa Itoophiyaa gammachiisee Masrii dheekkamsiise

  12. Sagantaalee Niiwkileeraarratti Ameerikaa waliin hin mariyannu-Alii Haminii

    Hoogganaa Olaanaan Iraan Ayaatoolaa Alii Haaminii dhimma misayeloota baalaastikiifi sagantaa Niiwkileeraa biyya isaanii irratti mariin US waliin godhamu akka haqamu beeksisan.

    Lammiileen Iiraaniis dhiibbaa US akka dandamatan dhaaman.

    Qoqqobbiiwwan jajjaboon Ameerikaan Iiraan irra keesse diinaagdee laamshessuurratti xiyyeefate...kaayyoon isaanii dhiibbaa nuti naannoo kanarratti qabnu laaffisuufi dandeettii misaayelaafi Niiwkileeraa keenya dhaabsiisuudha'' jedhandhaamsa televiziyoona biyyattiin kallattiin tamsa'een. Iiraan marii kana keessaa of baasuun ishee qoqqobbiiwwan Ameerikaafi michoota Ameerikaan kaayaman akka hammaatan diinagdeenis akka laafu godha.

    Alii Haminiin dhiibbaa kana dandamachuuf wanna hojjetamuu qaba jedhanis dubbataniiru.

    ''Humna biyya keessaa qabnu irratti hirkachuufi al-ergii bobaa'arratti hirkannaa qabnu xiqqeessuun nu gargaaraa'' jedhan

    Doonaald Tiraamp bara 2018'tti marii Iiraaniifi biyyoonni jaboon biroon jaha itti jiran keessaa biyya isaanii baasuun hariiroo biyyoota lameenii kan laaffise yoo ta'u ergasii biyyootni lamaan walqoccolaatuma qoqqobbiiwwan bu'aa marii kanaan irraa kaafamuuf abdatamniis itti fufaniiru.

  13. Kaaba Ingilaanditti ayyaanni Iidaa akkamittin kabajamaa ?

    Ayyaanni Iidaa bara kanaa yeroo weerara vaayirasii to’achuuf sochiin namoota daangeeffametti kabajamaa jira.

    Maatiin hiriyoonni ayyaana guyyoota sadiin kana waliin ayyaaneffachuuf qopha’aa turan.

    Namootni yeroo kaan masjida hin dhaqnellee Iidarratti ni hirmaatu, irraa hin hafan jedhama.

    Masjiidonni weerara dhibee sodaachuun cufamanii turan dhiyeenyatti deebi’anii banamaniiru.

    Sirni kadhannaa Maanchister, Lester fi Weest York shaayer keessatti haala addaatiin gaggeeffama.

    Ta’us bara darbeerraa addadha.

    Masjidni akka yeroo kaanii namoota hedduu hin simatu, Namoota 70 ol ta’anii hirmaachuun sababuma kanaaf hin danda’amne.

    Kana malees,namoonni meetira lama walirraa hiiqu qabu, Amantoonni maaskii haguuggachuu akka qaban ajajamaniiru.

  14. "Du'eera jedhanii kosii keessatti na gatanii deeman" - Jaagamaa Taaddalaa

  15. WHO'n addunyaa labsii 'Balaa fayyaa addunyaa' jalaa baasuuf mari'achuufi

    Koreen yeroo ariifachiisaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) weerara Covid-19 xinxaluun haala addunyaan labsii 'Balaa fayyaa addunyaa' jalaa baatu irratti Jimaata mari'achuufi.

    Kunis erga dhukkubichi akka 'Balaa fayyaa addunyaa' ykn 'Global health emergency' labsamee baatii jahaan booda yeroo jalqabaatiif ta’usaati.

    Haa ta’u malee bu’aa walgahiichaa keessaa wanti beekamu tokko jira: labsiin 'Balaa fayyaa addunyaa' akkuma jiruuti ni tursifama. Mariichi tarii caalaa attamiin vaayirasicha to’achuun akka danda’amurratti kan xiyyeeffatu ta’a.

    Dhaabbatichi wayita Amajjii keessa koronaan 'Balaa fayyaa addunyaa' mudate jedhee labse, namoonni Chaayinaan alatti Covid-19n qabamanii turan 100 gadii yoo ta’u, kan du’ee hin turre.

    Abdiin yeroos ture tarkaanfiiwwan ugguraatiin vaayirasicha to'achuun akka danda'amu ture. Haa ta'u malee biyyoonni uggura laaffisuu eegallaan vaayirasichi deebii’ee hammaachaa jira.

    Qondaaltoonni dhaabbatichaa ummanni addunyaa akka jabaatuuf ergaa ni dabarsuu ta’a. Akkasumas, tarii adeemsa gama qoricha qabatamaa kan qorattoota hedduun akka fala weerara kanaatti ilaalamu argachuuf taasifamuus ni ilaaluu.

  16. Qoricha Covid-19 hin fayyisneef doktara 'ajaa'ibaa' Tiraamp waabeeffate

    Dhalattuun Kaameruun Ameerikaa jiraattu Dr Istellaa Imaanu'el qorichi busaa Covid-19 ni fayyisa jechuu isheetiin qalbii pirezidantii Ameerikaa Donaald Tiraamp haawwatteetti.

    Haa ta'u malee, qorannoon hanga yoonaa taasifame yaada ogeettii kanaa hin mirkaneessu.

    Dubbiin isheen waa'ee qorichichaa dubbatteefi Fesbuukiifi tiwiitara irratti mul'ate dhaabbileen miidiyaa hawaasummaa ummata dogoggorsa jechuun balleessaniiru.

    Osoo hin bu'in dura garuu Donaald Tiraampiifi ilmi isaanii tiwiitara irratti qoodanii turan.

  17. Anga’oonni Faraansaay namoonni bakkeetti maaskii akka haguuggatan dirqamsiisuufi

    Ministeerri Fayyaa Faransaay akka ibsetti aanga’oonni naannoosaanitti namoonni mooraasaaniin alatti wayita bahan akka maaskii haguuggatan dirqamsiisuu eegalu.

    Ministirri fayyaa Oliver Veraan akka ibsanitti, sadarkaa weerarri dhibichaa irra jirurratti hunda’aani hojiiirra oolchu jedhan.

    Mootummaan biyyatti duraanu iddoo tajaajilli geejjiba hawaasaa kennamuu fi suuqiitti namni hunduu akka maaskii haguuggatu dirqamsiisa.

    Pireezidant Imaanu’eel Maakiroon ji’a Adoleessa vaayirasicharratti ‘injifannoo jalqabaa gonfanneerra’ jedhanis, hawaasa keessa akka hin tamsaane guutummaatti hin to’atamne.

    Kaleessa Faraansaayiitti namoonni 1,377 vaayirasichaan qabamaniru.

    Biyyoota Awurooppaa weerara dhibichaan miidhaman keessaa tokko yoo taatu, namoota 200,000 qaman keessaa 30,000 ol du’aniiru.

  18. Ertiraatti namoonni Covid-19'n qabaman 265 gahan

    Ertiraan kaleessa namoota dabalataa lama Covid-19'n qabamuu kan beeksiifte yoo ta’u, waliigalatti namoonni vaayirasichaan qabaman 265 gahuu beeksifte.

    Ibsi Ministeerri Fayyaa biyyattii galgala kaleessaa baase akka mullisetti, namoonni haaraa vaayirasiin irratti argame kunneenis kan buufata Indaa Goorgiise keessatti adda baafamanii turan.

    Namoonni kunneen lammiilee Ertiraa kan dhiheenya Itoophiyaa irra gara biyyaa deebi’an jedhameera.

    Gama biraatiin ammo namoonni vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’ee hospitaalota Afaabeetii fi Mandafaraatti wallaansa fayyaa hordofaa turan keessaa namoonni lama guutummaan fayyanii hospitaalaa bahaniiru.

    Haaluma kanaanis namoonni biyyattii keessatti dhukkubicharraa guutummaan bayyanatan 191 gahaniiru.

    Kana duras namoota 39 baatiiwwan muraasa dura vaayirasichaan qabamanii turan guutuummaa guutuun fayyuun torbanoota muraasaaf biyyattiin nama vaayirasiin qabameen tokko illeen osoo hingalmmeessiin turuunshee ni yaadatama.

  19. Biyya namoota 35,000 ol du'aan dhabdee, mil 1.6 ol Covid-19’n qabaman

    Indiyaatti kamisa kaleeessaa namoonni 800 kan du’an wayita ta’u,waligalaatti namoonni 35,000 biyyatti keessatti du’aniiru.

    Biyyattii lakkoofsa namoota vaayirasichaan du’an hedduu qabachuun Xaaliyaan caalte sadarkaa 5ffaarra jirti.

    Guyyaa tokkichatti namoonni 54,000 ol vaayirasichaan qabamuun Kamisa lakkoofsi guyyatti namoota qabamanii yeroo biraa caala olaanaan galmaa’era.

    Ammatti Indiyaan namoota koronaavaayirasiin qabe mil 1.6 qaqqabuun namoota qabaman hedduu qabaachuun addunyaarratti sadarkaa 3ffaarratti argamti.

    Biyyattiin labsii sochii namoota daangesse Bitootessa keessa labsite laaffisuun booda, lakkoofsi namoota qabamanii saffisaan dabale. Magaala guddoo biyyatti Niw Delhii keessatti hoteelonni har’a qabanii deebi’anii akka banaman ibsameera.

  20. Ministirri Zimbaabwe 'Covid-19'n du’an'

    Zimbaabweetti Ministirri Qonnaa, Bishaaniif Qubbachiisa Baadiyaa Perense Shirii Covid-19'n du’uun himame.

    Pirezidaantiin biyyattii Immarsan Manaangaagwaa ministirrichi dhukkubichaan du’usaanii guyyaa Kamisa kaleessaa ummatatti himuunsaanii gabaafameera.

    Gaazexaan motuummaa Heeraald pirezidaanti Mnaangaagwaa waabeffachuun akka gabaaseetti, bu’aan qorannoo ministirichi koronaavaayirasiin qabamuusaa mulliseera.

    Sirni awwaalcha Mr Shiirii haaluma qajeelfama Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tiin guyyaa har'aa kan raawwatu ta’uus Pirezidaantichi himan.

    Ministirri ganna 65 kun, hospitaala dhuunfaa magaalaa Haraaree keessatti guyyaa Roobii ture lubbunsaanii kan darbe.

    Akkasumas konkolaachiisaan isaa dhiheenya Covid-19'n lubbuu dhabuun gabaafameera.