Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Zimbaabween ambaasaddara Ameerikaa biyyaa baasuuf doorsiifte

    Zimbaabween ambaasaddara Ameerikaa biyyatti keessaa baasuuf doorsiifte

    Paartiin Zimbaabwee bulchu Zanu PF ambaasaddarri Ameerikaa hiriira farra-malaammaltummaarratti akka bahamuuf qindeese jechuun biyyaa baasuuf doorsise.

    Dubbi himaan paartichaa Paatirik Chinamaasaa, mormiin kun mootummaa aangoorraa buusuuf jedhani himatu.

    Ambaasaddara Ameerikaa akka jeequmsa nama uumuutti himachuun, hariiroon Ameerikaa fi Zimbaabwee gidduu jeeqamuusaatiif kuni agarsiistudha jedhanii ibsan.

    Ameerikaan garuu Zimbaabween mirga namoomaa hin kabajju jechuun qoqqobii dinagdee irra keesse ammas irraan hin kaasne.

    Imbaasiin Ameerikaa himannaa mootummaan Zimbaabwee biyya jeeqan jechuun irratti dhiyeesse duraanu fudhatama dhabsiise.

    Weerarri koronaavaayirasii dabaluu hordofee, uggura sochii daangessuu mootummaan labsera.

    Mormitoonni biyyatti mootummaan weerara dhibee to’achuu da’eeffachuun mirga walitti qabamuu dabalatee, mirgoota bu’uuraa ugguruudhaan himatu.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti komishiniin mirga namomaa fi Ameerikaan weerara dhibee to’achuun mirgoota bu’uura daangessuuf oolu hin qabu jedhanii mormu.

  2. Biyya Afrikaa gurraachonni garba jedhamuun wamaman

    Xalayaa gaazexeesitoota Afrikaa irraa argannu kutaa kanaan, Zeeyinab Mohaammad Saalih waa’ee jibba sanyummaa ummata gurraachaa Sudaan irra ga’u barreessiteetti.

    Akeekkachiisa: Gabaasi kun jechoota arrabsoo ta’an of keessaa qaba.

    Ajjeechaa gurraacha Ameerikaa Joorji Filooyidiin booda yeroo hiriirri jibba sanyummaa mormuu kutaalee addunyaa hedduu keessatti gaggeeffamu, Sudaan addunyaa biraa keessa kan jirtu fakkaata.

    Sudaan keessatti dhaadannoon #BlackLivesMatter hedduu hin qoodamne. Kanarra yeroo taphataan kubbaa miilaa gurracha Sudaan, Issaam Abdulraahiim fi ogeettiin meekaappi Arabaa, Riim Koogli wal fuudhanitti miidiyaa hawaasummaa irratti lammileen Sudaan hedduu jibba sanyummaan isaanii arrabsuurra turan.

    Suura cidha isaanii Feesbuukii irratti maxxansan jalatti namni tokko “Intalaa kun dhugumaan haraamadha (Arabiffaan dhorkamaa jechuudha)… giiftiin garbatti heerumte,’ jechuun barreesseera.

  3. Pireezdaantiin Seeraa Liyoon yakka gudeeddiif mana murtii addaa hundeessan

    Pireezdantiin Seeraa Liyoon, Juuliyas Maadaa Baayoo rakkoo haleellaa koorniyaa irratti hundaa’ee qolachuuf mana murtii addaa biyyatti jalqabaa hundeessan.

    Guraandhala 2019tti guudeeddin walqabatee Pirezdaant Baayoon laabsii yeroo muddamaa labsanii ture.

    Hojiin Mana Murtii Yakka Saalaa Wiixata kan eegale yoo ta’u guyyootii dhufanitti ko’omuu mala jechuun Ministirri Dhimma Koorniyaafi Daa’immanii, Moontii Tarawalii BBCtti himaniiru.

    Jalqaba ji’a kanaatti mootummaan wiirtuulee namoota haleellaa saalaafi koorniyaan irra ga’e ja’a biyyatti keessatti bakka adda addaatti hundeesseera.

    Hojiin isaanis namoota yakka akkanaan hubaman gargaarufi ragaalee funaanu irratti poolisii gargaarudha.

    Akkasumas hubamtoonni miidhaa irra ga’u akka himatanitti Ebla keessa sararri bilbilaa bilisa ta’e hundeeffameera.

    Seraa Liyoonitti dhabbilee hubamtoota haleellaa saalaafi koorniyaa gargaran keessa tokko kan ta’e ‘Rainbow Initiative’ akka gabaasetti, bara 2020tti ji’oottan Amajjiifi Caamsaa gidduutti yakkooti haleellaa saalaa 1,272 galmaa’aniiru.

    Ammaaf Manni Murtii Yakka Saalaa magaalaa gudditti Firiitaawonitti argamu kun torbanitti guyyoota ja’aaf kan hojjatu ta’a.

    “Manneen murtii walfakkaatoo dhiyootti kutaalee biyyatti adda addaa keessatti ni hundeeffamu, ammaaf garuu tokkichi kun biyyatti ni tajaajila,” jechuun Montiin BBC’tti himaniiru.

  4. Koronaavaayirasiin 'balaa fayyaa isa hamaa addunyaa mudatedha' jedhe WHOn

    Covid19 rakkoo fayyaa amma dura akka yaaddoo fayyaa guutuu addunyaatti labsaman keessaa isa hamaadha jedhe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO).

    Amma dura rakkoon fayyaa guutuu addunyaaf yaaddoo ta'e 'Global health emergency' kan labsame yeroo shani: Iboolaa (al lama), Ziikaa, Pooliyoo, Iswaayin Filuu.

    Hogganaan WHO Dr Teedroos Adhaanoom, koronaavaayirasiin wayita rakkoo fayyaa guutuu addunyaa ta'ee labsamu Chaayinaan alatti namni qabame 100 hin caalu ture, kan du'e hin turre jedhan.

    Torbanoota jahaan darban lakkoofsi namoota qabamanii dachaa oliin dabaluu himan.

    Lola vaayirasicha waliin taasifamu ilaalchisee 'karaa jabaataa fi dheeraatu nu hafes' jedhan.

    Imala ugguruun tooftaa waaraa ta'uu hin danda'u kan jedhe WHO biyyoonni maloota akka maaskii uffachuu fi fageenya ofii eeggachuurratti caalaa akka xiyyeeffatan gorseera.

  5. ''Mootummaan na teessisee yakka narratti barbaadaa jira" - Obbo Baqqalaa Garbaa

  6. Hiriira mormii Poortilaand guyyoota 61 itti fufe irratti yaada abbaa Alangaa US

    Abbaan Alangaa US Janaralaa Wiiliyaam Baar Oorigoon Poortilaanditti haleellaan gamoowwan federaalaarratti raawwataman akka haleellaa motummaa US irratti raawwatametti lakkaawama jechuun ejjennoo waajjira isaanii beeksisuufi.

    Mana Maree Bakka Bu’oota Ameerikaa kan miseensota paartii Dimookraatotaa hedduu of keessaa qabutti dhiyaatanii yaada kennuutti jiraniin abbaan Alangaa naannichatti barbaachisummaa Poolisii Federaalaa dabalataa erguurratti muggutaa jru.

    Poortilaanditti guyyoota 61 darbaniif hiriirri mormii adda cite hin beeku. Hiriirri kun ajjeechaa Joorji Filooyid hordofee sirna haqaa biyyattiirratti rakkoo jiru kan balaaleffatuudha.

    Abbaan alangaa biyyattii fedha Pireezidantichaa kabachiisuuf jecha hojii isaa loogiin ala raawwachaa hin jiru jechuun bakka bu’oota uummataan qeeqamaa jiru.

    Dhimmoota biroo keessaa magaala waashingitan DC keessatti mormii mudate irratti poolisii federaalaa bobbaasuun humnaan akka bittinaa'u ajajan jedhamuunis qeeqamu.

    Abbaan alangaa kun garuu hojiikoo dhiibbaa siyaasaa irraa walaba ta'een hojjedha jechuun himata isaanirratti ka'u qolatu.

  7. Deebineerra!, Akkam bultan?

    Gabaasa kallattii biraan deebinee jirra.

    Odeessaalee koronaavaayiasiin wal qabatan akkasumas taateewwan dhibii kan biyya keessaa fi alaa fuula tokkorratti asii argattu.

    Odeessaalee kaaniif marsariitii BBC Afaan Oromoo daawwadha.

    Yaada qabdan ammoo gama Facebook keenya nuuf barreessaa.

    Oolmaa Gaarii!

  8. Kan hardhaa xumurre!

    Tamsaasa kallattii har'aa asumarratti xumureerra.

    Har'a nu waliin waan turtaniif guddaa galatooma! Boru walitti deebina!

    Nagaan bulaa!

  9. Gorsaan nageenya biyyaalessaa Doonaald Tiraamp 'Covid-19 qabaman'

    Gorsaan nageenya biyyaalessaa pireezidaant Tiraamp 'koronaavaayirasiidhaan qabaman'.

    Roobeert O'Bireen gorsaa nageenya biyyaalessaa pireezidaant Tiraamp koronaavaayirasiidhaan qabaman jechuun miidiyaan US gabaaseera.

    Gorsaan kun koronaavaayirasiidhaan qabamuunsaanii yoo dhugaa ta'e qondaaltota ol'aanoo Waayit Haawus keessaa isaan koronaavaayirasiin qabaman ta'u.

    Ameerikaatti hamma ammaatti namoonni miiliyoona 4.2 ta'an koronaavaayirasiidhaan yoo qabaman 146,935 ammo du'aniiru.

    Eega weerarri kun jalqabee as addunyaarratti namoonni miiliyoona 16.2 Covid-19 qabamaniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joon Hoopkiinsi.

  10. Keeniyaan uggura sochii ji'a tokko biroof dheeressite

    Pireezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan lakkoofsa namoota koronaavaayirasiidhaan qabamanii dabalaa deemnaan uggura sochii ji'a tokkoof dheeressan.

    Pireezidaant Uhuuruun gurgurtaa alkoolii manneen nyaataa dhoorkaniiru. Manneen dhugaatii yeroo hin beekamneef ni cufamu jedhaniiru.

    Isaanis murtee kana eega bulchitoota guutuu biyyattii waliin gaafa Wiixataa waa'ee Covid-19 mari'atan boodadha kan dabarsan.

    Pireezidaant Uhuuruun dabaluu lakkoofsa namoota Covid-19 qabamaniif "sochiilee dargaggoonni itti gaafatamummaan ala godhan isaan akka yaachise" ibsaniiru.

    Keeniyaatti hamma ammaatti namoota Covid-19 qabaman 17,000 ol Covid-19 qabamaniiru.

    Namoonni 280 ammoo sababa Covid-19 du'aniiru.

  11. Itoophiyaatti namoonni haaraan 579 Covid-19 qabaman, 5 du'an

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darabn keessa namoota 7,009'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirasichi namoota 579 irratti argamuu ministirri fayyaa biyyattii ibseera.

    Kanaanis lakkoofsa namoota biyyattii keessatti koronaavaayirasiidhaan qabamanii 14,547 gaheera.

    Qorannoo sa'aatii 24 darbaniin namoonni haaraa 170 vaayirasichaarraa kan bayyanatan yoo ta'u; kunis lakkoofsa namoota Covid-19 irraa biyyattii keessatti bayyanatanii 6386'tti ol guddiseera.

    Gama kaaniin namoonni 5 kan du'aniiru. Lakkoofsi namoota hamma ammatti du'anii 228 gaheera.

    Biyyattiin eega weerarri koronaavaayiras mul'atee as namoota 389,348'f qorannoo koronaavaayirasii taasifteetti.

  12. UK'tti adurreen koronaavaayirasiin qabamte

    Adurreen UK keessatti koronaavaayirasiidhaan qabamte nama irraa itti darbe jedhan qondaaloti biyyattii.

    Vaayirasichaan qabamuun ishee kan beekame Ejansii Fayyaa Bineeldotaa fi Biqilootaa Weeybiriijitti Adoolessa 22, erga qoratamteen boodadha.

    Meedikaal daayiktariin ejansichaa Voon Dooyeel,’’UK keessatti adurreen dhukkubichaan qabamuun kan jalqabaati jedhaniiru, garuu waan nama rifaasisu hin qabu,’’ jedhan

    ‘’Qorannoon dhimma kana irratti akka agarsiisu yoo tahe vaayirasichi namarraa bineeldatti darbe malee bineeldarraa gara namaatti tamsa’aa hin jiru,’’

    ‘’Yeroo ammaa kanatti bineeldoti vaayirasicha akka namatti dabarsan ragaan agarsiisu hin jiru. Gorsi hanga yoonaa jiru bineeldota kana otoo hin qaqqabiiniifi otoo hin qaqqabiin booda harka ofii dhiqachuu dha,’’ jedhu.

    Hanga yoonaa bineeldoti vaayirasichaan qabaman lakkoofsi isaanii xiqqoodha.

  13. Biiroo Barnoota Oromiyaa: Imaammata Afaan Barnootaa irratti wanti jijjiirame hin jiru.

    Tibba kana dhimmi Afaan Amaaraa naannoo Oromiyaa keessatti kutaa 1ffaa irraa eegalee barsiifama jedhu odeefamaa ture.

    Dhimma kanarratti kan gaafanne hogganaa itti aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Galaanaa W/Mikaa’el, afaan kam kutaa kamirraa kaasee barsiisa kan jedhu aangoo naannootiin kan murtaa’udha jedhan.

    Afaan Amaaraa naannoo Oromiyaatti bara 2013 irraa eegaluun kutaa 1ffaa irraa eegalee kennama kan jedhu oduu sobaati jedhan.

    “Imaammata afaan barnootaa keenya irratti wanti jijjiirame homtuu hin jiru. Barnoota sadarkaa tokkoffaa afaan kamiin barsiisa kan jedhu naannootu murteefata.

    Wixinee afaan barnootaa keenya keessas wanti akkas jedhu hin jirus, hin ta’us” jedhan.

    Naannoo Oromiyaa keessatti Afaan Amaaraa akkuma amma dura tureen kutaa 5ffaa irraa eegaluun akka gosa barnoota tokkootti kennamuun akka itti fufus eeran.

  14. Hoogganaan paartii EDP Obbo Lidatuu Ayyaalaw mana murtiitti dhiyaatan

    Obbo Lidatuun mana murtii aanaa Bishooftuutti dhiyaataniiru.

    Poolisiin Waxabajjii 23, 2012 Bishooftuutti dargaggootaaf maallaqa kennuunii fi hokkara kakaasuu yakka jedhuun akka isaan shake beeksiseera.

    Jimaata darbe to’annaa jala kan oolfamanii fi wayita sana shuguxii lama argachuu beeksiseera.

    Raga namaa fi sanadaa dhiyeessuuf yeroo qorannoo dabalataa guyyoota 14 gaafateera.

  15. WHO: Covid-19 dhukkuba hunda caalaa muddama fayyaa hamaa uume jechuun labse

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa koronaavaayirasiin dhibee addunyaarratti hunda caalaa muddama fayyaa hamaa uume ta’u labse.

    Daarektarrii olaanaa dhaabbatichaa Dr Teediroos Adahaanoom Gebreyesuus akka himanitti, namoonni mil 16 vaayirasichaan qabamuu fi 640,000 ol sababii weerara vaayirasii kanaatiin lubbuusaanii dhabuu dhaabbatichatti gabaafamuu dubbatan.

    Weerarri kun ariitiin dabalaa jira kan jedhan Dr. Teediroos, torban jaha keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dachaan dabaluu himaniiru.

    • Lammii Itoopiyaa qabsoo farra Koronavaayirasii hogganaa jiran
  16. 'Maqaakoo ogeessa fayyaatti himnaan abbaan warraakoo na reebe'

  17. Afrikaa Kibbaatti miseensi waldaa saamtoota hidhatan waldaa keessatti ajjeese

    Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Gauteng keessatti poolisiin ajjeechaa namoota saamichaan shakamanii qorachuutti jira.

    Namootni hidhatan sadii Waldaa ‘Querantia’ jiru Dilbata seenuun amantoota saamuu eegalan jedhameera.

    Amanaan Piyiteer van der Westuhizeen, kan meeshaa waranaa qabachuuf eeyyama qabu, namoota sana keessaa lama ajjeesee tokko ammoo baqateera.

    Piyiteer kana dura poolisii ta'ee hojjachaa akka tures News24 Tiwiitara gubbaatti gabaaseera.

    “Amanaa shakkamtoota kanatti dhukaaseerra odeeffannoon fudhatamee, abbootiin alangaa tarkaanfii akka fudhataniif ni kennama,” jechuun dubbi himaan poolisii Gawutaang Matapeeloo Piitars dubbachuu JacrandaFM gabaaseera.

    Paastariin waldichaa tokko miidhaan xiqqaa irra ga’ee bakkumma sanatti wal’aanamuun isaas gabaafameera.

  18. Namnichi biyya gane koronaavayiras hin qabu ture jetti Kooriyaan Kibbaa

    Kooriyaa Kaabaatti namni Covid-19 qabaachun isa jalqabaati jedhamee shakkame, vaayirasicha hin qabu ture jetti Kooriyaan Kibbaa.

    Namni kun Kooriyaa Kaabaa ganuun gara Kibbaatti waggaa sadii dura goodane, torban darbe keessa ammoo gara Kaabaatti deebi’uutu himama.

    Kooriyaan Kibbaa akka jettutti namni kun Kooriyaa Kaabaa kan seenee, ujummoo odola kibbaa keessa daa’imee sana booda gara kiloomeetira tokkoof bishaan daakeeti.

    Guyyooti sanatti Kooriyaan Kaabaa namni Covid-19 qabaachuun shakkame jiraachuu gabaafte. Namni kun Kooriyaa Kaabaa ganee kan ture amma Kibbaarraa deebi’eedha jedha gabaasichi.

    Namootni nama vaayirasichaan shakkame kanaa waliin qunnamti qaban lama qoratamanii lamaanuu Covid-19 irraa bilisa ta’uu himameera.

    Durarra miidiyaan biyyatti KCNA jedhamu akka gabaasetti namni waggaa sadii dura biyya ganuun Kooriyaa Kibbaa galee ture, torban darbe biyyatti deebi'ee mallattoon Covid-19 irratti mul'ateera.

    "Wanta hatattammaa magaalaa Kayisoongitti uumameen namni biyya ganee ture kun, karaa seeraan alaan Waxabajjii 19 erga daangaa ce'e booda vaayirasii hamaa kana qabaachuun shakkameera," jedha KCNA.

    Hogganaan Biyyatti Kiim Joong-uun anga'oota olaanoo waliin marii hatattamaa gaggeessuun, magalaan daangaarra jirtu Kayisoong akka cufamtu murteesseera.

    Walga'ii Sanbata taasisan irra Kiim Joong-uun vaayirasichaa to'achuuf "mala hatattamaa cimaa" ajajeera.

    Biyyi iccitii qabaachuun beekamtu Kooriyaan Kaabaa, kanaan dura namni Covid-19 qabame hin jiru jettus, xinxaltoonni garuu kun waan hin taanedha jedhu.

    Odeessa dabalataaf: Link

  19. Indiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii mil 1.4 darbe

    Indiyaan addunyaarratti biyya lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabaman hedduu qabaachuun sadarkaa 3ffaarratti kan argamtiu yoo ta'u guyyaa tokkoo keessatti namoota qabaman haaraa 50,000 tti dhiyaatan galmeessa jirti.

    Amma yoonatti namoonni 30,000 ol sababa vaayirasichaan du’uun gabaafamera.

    Namoota amma yoonatti qabaman keessaa harki 63 dhibicharraa garuu bayyanataniiru. Ammatti namoonni qabamani jiran mil 1.4 caalera.

    Namoonni dhibbaan lakka’aaman wayita qabamanitti ture biyyattin uggura sochii kan labsite,boodarra uggurri laafaa wayita deemu lakkoofsi namoota qabamanii saffisaan dabale.

  20. 'Maqaakoo ogeessa fayyaatti himnaan abbaan warraakoo na reebe'

    Dubartiin lixa Afgaanistan tokko, gabaasa kanaaf Raabiyaa jennaani- ho’iinsi qaamashee hedduu waan dabaleef ogeessa fayyaa bira deemte. Ogeessi fayyaas akka Covid-19 qabdu itti hima.

    Raabiyaan dhibee kanaan utuu hubamte manatti deebitee, qoricha akka bituufiif waraqaa ajaja abbaa manaasheetti kennite. Garuu maqaa ishee waraqichaa irratti yeroo argu, maqaakee “nama hin beeknetti’ himte jechuun ishee reebe.

    Seenaan ishee – kan hiriyyaanshee BBCtti himte- kan addaa miti. Afgaanistaan keessatti, minseensoti maatii dubartoonni maqaa isaanii ogeessota fayyaa dabalatee, nama maatii isaani hin taanetti akka hin himne dirqisiifamu.

    Maqaa dubartii alatti fayyadamuun waan akka waan safuufi arrabsootti ilaalama.