Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaan veentiletara Covid-19 250 Itoophiyaaf arjoomte

    Ameerikaan hojii weerara koronaavaayirasii to’achuu Itoophiyaan itti jirtu deeggaruuf veentileetara namoota harganuu dadhaban gargaaru 250 fi meeshaalee wal’aansaa biroo arjoomte.

    Ameerikaan meeshaalee kaneen bifa deeggarsaa kennuu Ministirri Eegumsa Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa himaniiru.

    Mootummaa fi uummata Ameerikaa arjooma isaanii kanaaf nan galateeffadha jedhaniiru Dr Liyaan.

  2. Dhohiinsa Beeruut hordofuun hospitaaloonni miidhamtootaan dhiphatan

  3. Qorannoon Obbo Baqqalaa Garbaa goolabamee 'galmeen qorannoo duraa' baname

  4. Hogganaan hospitaala Eekkaa Kotabee dhimma Obbo Dajaneen mana murtiitti waamaman

  5. Amma nu gahe, Dhoyiinsa boombii guddicha Beeruut mudateen hedduun miidhaman

    Dhaddachi ajjeechaa MM duraanii Libanoon Raafik Hariiri bara 2005 raawwatame qoratu jalqabuun dursee hdhohiinsi guddaan magaalaa guddoo biyyattii Beeyirut mudate.

    Viidiyoon waraabame haleellaan dhohiinsi kun lafa bal’aa mancaasuu fi aarrii gurraachi gara samiitti wayita olka’u agarsiisa.

    Dhaddachi kun haleellaa boombii konkolaatarratti kiyyeeffamuudhaan Rafik Haririi ajjeese raawwachuun namoonni shakkaman afur iddoo qaaman hin argamnetti gaggeeffamuuuf ture.

    Dhaddachi kun Jimaata gaggeeffamuuf kan ture.

    Shakkamtoonni arfanuu miseensota hidhattoota Hizbollaa Iraaniin deeggaraman wayita ta’an,ajjeechaa Muummicha Minstiraa biyyatti keessaa qooda hin qabnu jedhanii waakkataa turan.

    Haleellaan kun naannoo buufata doonii biyyatti kan qaqqabe.

    Itti aansuunis haleellaan boombii lammaaffaan magaalaa Beerut mana jireenyaa Rafiik Hariir biratti qaqqabuutu shakkama.

    Amma yoonatti miidhaan ammamii dhohiinsa kanaan akka qaqqabe hin baramne.

  6. Dhiibbaa Covid-19 bineensota daggalarratti fidu hir’isuuf doolarri mil 6.9 arjoomame

    Dhiibbaa koronaavaayirasiin bineensota daggalarratti uumuu hir’isuuf doolarri mil 6.9 jaarmiyaalee idil-addunyaa garaa garaa irraa arjoomaan kenname.

    Fandiin yeroo muddamsaa arjoomame kun sagantaalee hawaasa naannoo bineensota daawwataman jiraataniifi galiin isaaniis turizimii bineensota daggalaarratti hirkatu deeggaruuf oola.

    Kana malees wayita weerarri dhibee jabaate kanatti iddoo jireenya bineensotaa eeguuf oola.

    Dura taa’aan yuuniyeenii idila addunyaa kunuunsa qabeenya uumamaa Dr. Birunoo Obirilii, qaamonni kunuunsa fi eegumsa naannoorratti hojjatan sababii weerara Covid-19 miidhamuu himan.

  7. Itoophiyaatti namoonni Covid-19'n qabaman 20,000tti siiqan

    Itoophiyaan sa’atii 24n darban keessatti namoota 8201 koronaavaayirasiif qorattee namonin 588 vaayirasichaan qabamuu ibsiteetti.

    Kanneen har’a qabaman waliin walumaa galatti hanga ammaatti biyyattii keessatti namoonni 19,877 koronaavaayirasiin qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.

    Sa’atii 24 darban keessatti vaayirasichaan namoonni torba kan du’an yoo ta’u, kanaanis lakkoofsi namoota hanga ammaatti du’anii 343 ga’eera.

    Gama kaaniin sa’atii 24 keessatti namoota vaayirasicharraa dandamatan 309 dabalatee haga ammaatti namoonni 8240 ta’an dhibee kanarraa dandamataniiru.

    Itoophiyaan haga ammaatti namoota 452,427 koronaavaayirasiif qorachuu ibsiteetti.

  8. Aartistoonni Yugaandaa seera walleerratti ba'e morman

    Aartistoonni gameeyyiin Yugaandaa seera haara kan damee muuziqaa biyyattii miidha jedhanii sodaatan irratti mormii akka qaban mallattoo walitti qabuun agarsiisan.

    Seera haarawa kana paarlaamaa biyyattiitu jalqaba bara kanaarratti baase.

    Afa-yaa'iin Paarlaamaa biyyattii Rebecca Kadaga, aartistoonni wayita seerri haaraan ba'u nu hin mariisifne jechuun komachuusaanii dubbatan.

    Akkaataa seera haaraa kanaatti weellistoonni sirba qabiyyeensaa mootummaa qeequ akka hin baasneef dursanii gulaalamu.

    Aartistoonni gameeyyiin seera kana mormuuf mallattoo walitti qabanii karaa yuuniyenii isaanii dhiyeeffatan.

    Afa-yaa'ittiinis paarlaamaaf akka dhiyeessitu himte.

  9. Covid-19’n vaayirasii saffisaan deebi’ee dabalu- WHO

    Covid-19’n vaayirasii saffisaan deebi’ee namootarratti mul'atu ta’uusaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Ergamaan addaa dhimma Covid-19 Dr Deevid Nabarroo himan.

    Kanaafuu namoota qorachuun, addatti fo’uu fi namoota tuttuqaa kanneen vaayirasichaan qabaman waliin qaban hordofuun addatti fo’u barbaachisa jedhan.

    Yoo tarkaanfiin akkasii fudhame tamsa’inni vaayirasichaa ni xiqqaata jedhan.

    Manneen barnootaa wayita banamuuf jiranitti vaayirasiin kun yaaddoo uumeera.

    Dr Nabarroon vaayirasichi hin badu, yeroo kamittillee lakkoofsi namoota qabamanii dabaluu danda’a jedhan.

    Kanaafuu hawaasni vaayirasicha wajjiin akkatti jiraachuun danda'uuf of qopheessuu qaba jedhan.

  10. Paayilatonni Naayijeeriyaa 70 tahan sababa Covid-19 hojiirraa ari’aman

    Daandiiwwan Qilleensaa Naayijeriyaa keessaa tokko kan ta'e 'Air Peace' yoo xiqqaate paayilatoonni 70 tahan ari’aman.

    Dhaabbatichi caasaa haaraa diriirsaa kan jiru yoo ta', hojii keessa turuuf tarkanfii kana fudhachuun barbaachisaa ta'ee argameera jedhe.

    Daandiin qilleensaa kun filannoo lama qofan qaba ture jedha. Tokko hojjettoota ari'uu fi mindaa isaanii hir’isuu, kan lammataa ammoo miindaa kafaluu fi baasiiwwan biroof maallaqa dhabuudh. Kanaaf isa duraa filatee jechuu dha.

    Torban muraasa dura, dura taa’aan dhaabbatichaa mootummaan daandiin qilleensaa kun akka hin kasaarreef deeggaruu qabaa jechaa turan.

    Liqaa fi deeggarsa maallaqaa doolaara biiliyoona 6 mootummaan sektaroonni biroo Covid-19 akka ittiin dandamatan ramade irraa dhaabbileen akka daandii qilleensaa fayyadamoo hin taane.

    Balaliin biyya keessaa jalqabus, daandiin qilleensichaa wayita balaliin dhorkamee ture miidhamuu dhaabbatichi himeera.

    Waldaan Geejjiba Qilleensaa Addunyaa sektarri kun yeroo cufamee turetti Naayijeeriyaan ji’atti doolaara miiliyoona 77 dhabaa turte jedhe.

  11. Lammiileen biyya alaa wiirtuu Covid-19 Kooriyaa Kibbaatii miliqan

    Namoonni lammii biyya biraa ta'an lama wirtuu namoonni adda baafamanii keessaa miliqaniiru jedhe poolisiin Kooriyaa Kibbaa.

    Lammiin Viyeetinaam tokko hoteela adda baafamee ture Inchoon keessaa guyyaa Wiixataa kan miliqe yoo ta'u, sa'aatii saddeet booda magaalaa Saa'ol itti to'atameera.

    Innis wirtuu keessaa hayyamaan ala foddaa gamoo 5ffarraa bahuusaatiif himatameera.

    Lammiin Ameerikaas hoteeluma kanaatti miliqnaan poolisiidhaan Adoolessa 21 to'atameera. Innis gara biyyasaatti ari'amuuf jedha gabaasmi Yonhap news agency.

    Namoonni biyyoota birootii gara Kooriyaa Kibbatti imalan wirtuu adda baafama mootummatti guyyoota 14'f wirtuu qophaa'e keessa tursiifamu.

  12. Balaa xiyyaara UN mudateen namoota 11 irra miidhaan qaqqabe

    Xiyyaarrii Mootummoota Gamtoomanii (UN) tokko wayita qubachuuf jedhuutti balaa mudateen, hojjattoota dhaabbatichaa dabalatee namoonni 11 miidhaaf saaxilamuun dhagahame.

    Akka ibsa Ergamaan UN kan Maaliitti argamu jedheetti, xiyyaarichi buufata xiyyaaraa Maalii kan baha magaalaa Ga’ootti argamuutti qubachuuf baayyee rakkatee ture.

    Xiyyaarichi guyyaa Wiixataa ganama magaalaa guddoo biyyaattii Baamaakoo irraa ka’uun, miseensoota UN afuriifi hojjattoota torba waliin garas imalaa ture.

    Yeroo balaan irra qaqabeetti xiyyaarichi hedduu miidhamuu isaa ibsichi himeera.

    Maddi balaa kanaas kan qoratamu ta’uun ibsameera.

  13. Indiyaan lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabalus "irra deebiin banamaa" jirti

    Indiyatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabalaa jiraatus manneen ispoortii irra deebiin banaa jirti.

    Biyyattiin guyyaa kaleessaa lakkoofsa namoota haaraa Covid-19 qabamanii kan biyya kamuu caaluu galmeessiteetti, kanaanis lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii miiliyoona 1.85 gaheera.

    Biyyattiin eega uggura ji'oota lamaaf ture basite booda suuta suutaa labsii ugguraa laaffisaa jirti.

    Weerarri koronaavaayiras diinagdee biyyattii haalaan miidhuun lammiileen hedduu hoji dhabdoota akka ta'aniif saaxileera.

    Boodarra biyyattiin irra deebitee banamuu malee filannoo biraa hin qabdu.

    Biyyattii keessatti guyyaa kaleessaa namoonni 800 sababa koronaavaayiras du'aniiru. Ta'us garuu baay'innaa lakkoofsa ummataa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu xiqqaadha.

  14. Namoota mallattoo hinqabneefis qorannoon cimuu qaba –Bileer

    MM duraanii UK Toonii Bileer, aochiin qorannoo koronaavaayirasii ummata kanneen mallattoo dhukkubbiichaa hinqabneefis cimsuun, uggura biraa hambisuuf murteessadha jedhan.

    Bileer raadiyoo Taayimsiin akkasii himan, ‘‘Akka tilmaamamuutti namoonni dhukkubichaan qabaman %70 mallattoo hinqaban. Kanaafuu namootuma mallattoo qaban qofaa kan qorattu yoo ta’e, tarsimoo qorannoo keetiin namoota gara caalaa dhabaa jirta.’’

    Itti dabaluunis hanga talaallii ykn qorichi amansiisaa ta’e argamuutti, vaayirasicha to’achuufi tatamsa'ina isaa hirrisuun qorannoo ummataa taassuu qofaatu baasa jedhan.

    Qorannoon ummataas ‘‘uggura sochii kaa’amu hambisuufi osuma dhukkubicha to’attuu akka dinagdee keetiinis hanga dandeessu tirattu si gargaara’’ jedhan.

    Motummaan qorannoo haalaan dabalusaatiif kan galateeffatan Mr Bileer, garuu dandeettiin jiru haalaan akka itti fayyadamanu gochu dabalate, ammallee waa baayyeetu hojjatamu qabu jedhan.

    Bara 1997-2007tti Ministira Mummee UK kan turan Mr Bileer, kana dura ammoo vaayirasichi kan badu waan hintaaneef namoonni attamiin waliin jiraachu akka qabaatan barachu qabu jedhanii ture.

  15. Moqaadishootti haati takka daa'imman lakkuu shan deesse

    Hospitaalaa Somaaliyaa magaalaa Moqaadishoo keessatti argamu tokkotti haati takka daa'imman lakkuu shan deesse.

    Hospitaalli Leenjiifi Qorannoo Moqaadishoo Somaalii Tarkii Reesiip Taayip Erdoogan akka jedhetti daa'imman dhalatanii fi haati illee nagaasheeti.

    Hospitaalichi suuraa haadhaafi daa'imman Tiwiitar irratti maxxanseera.

  16. Taphattoota beekaa namatti qufa’aniif kaardiin diimaa kennamuufi

    Taphattoonnii fi qondaaltonni kubbaa miilaa beekaa taphattoota birootti qufa’an kaardiin diimaa keennamaafi jedhe Boordiin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa.

    Waldichi gochaan akkasii kun akkuma nama arrabsuu fi mallattoo miira namaa cabsu agarsiisuutti lakkaa’amaa jedheera.

    ‘’Akkuma murteessaan dirree keessa jiru seera achitti cabuuf bitaafi mirga ilaalee kan murteessu tahaa,’’ jedheera.

    Qajeelfamni kun weerara koroonaavaayirasiin wal qabateetu bahe.

    ‘’Yoo taphataan akka tasaa qufa’eefi fageenya dheeraa keessatti tahe murteessaan adabbii kennuu dhiisuu danda’a’’ jedheera waldichi.

    ‘’Yoo haala mul’achuu danda’uun gochaan namatti qufa’uu raawwatame garuu murteessaan adabuu danda’a,’’ jedha..

    FA CUP illee kubbaa sadarkaa guddaa irra hin geenyeef qajeelfama yeroo gabaabaatti hojiirra oolu baasuuf jira.

    ‘’Yoo gochaan raawwatame taphataan akka tapha keessaa bahu kan hin goone yoo tahellee akeekkachiifni kennamuu danda’a,’’ jedheera.

    Haa tahu malee murteessitoonni nama qufa’uu barbaadanidhuma adabuu hin dada’an ragaa qabaachuu qabu jedha.

    Piriimiyar Liigii fi Liigii Kubbaa Miilaa Ingiliiziif qajeelfamni barreefame waan hin jirreef murteessitoota adabbii kana hojiirra oola.

  17. Iraanitti lakkoofsi namoota du’anii dhokatee ture ifatti ba’e

  18. Aljeeriyaan Masjiidota deebistee banuuf

    Pireezidaantiin Aljeeriyaa Abdelmajiid Tebuun ministirri muummee biyyattii masjidonni irra deebiin akka banamaniif ilaalcha keessa galchuu akka qaban himan.

    Pireezidaantichi masjiidota namoota 1,000 qabachuu danda'u irratti akka xiyyeefatan ibsaniiru.

    Masjidonni guddaa ta'an "namoonni maaskii godhatanii wal irraa fageenyasaanii akka eeggataniif gargaraara, jedhaniiru.

    MM irra deebiin banamuu qarqara bishaaniifi paarkiillee ilaalacha keessa akka galan ni hordofu.

    Bitootessa keessa tatamsa'inna koronaavaayiras ittisuuf jecha Masjidonni, qarqarri bishaanii fi paarkii cufamanii turan.

    Aljeeriyaa keessatti namoonni 30,000 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.

  19. Naannoon Tigray xalayaa akeekkachiisaa Mana Maree Federeeshiniitiif deebii kenne

  20. Jiraattonni Filiippins miiliyoonaan lakkaa’aman manaa akka hin baane ajajaman

    Jiraattonni magaalaa guddoo Filiippiins Maaniilaa, deebi’anii mana keessa turuufi. Koroonaavaayirasiin saffisaan dabalaa waan jiruuf sirna fayyaa biyyattii dadhabsiisuu danda’aa jedhan hakiimonni biyyattii.

    Ajajni ‘mana turaa’ jedhu magaalaa guddoo biyyattii dabalatee kutaalee biyyaa naannoo kana jiranitti hojiirra ooluu jalqabeera.

    Filiippiins biyya cufuu keessaa kan baate baatii Waxabajjii keessa ture.

    Hospitaalonni biyyattii tamsa’ina vaayirasichaa dachaa shaniin dabalaa jiru keessummeessuu waan danda’an hin fakkaatu.

    Ajajni mana turaa marroo lammataa kun miyoota bu’uuraa kanneen akka nyaataa bitachuufi ispoortii hojjechuuf qofa gad ba’uu eeyyama.

    Geejibni uummataa, balalii xiyyaaraa dabalatee akka dhaabbatu taasifameera,manneetiin nyaataa manaa mana geessuun qofa tajaajilu.

    Dhorkaan kun Kibxata har’aa qabee hanga torbee lamaatti tura.