Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Gindhiiritti mana hidhaatti namoonni 66 koronaavaayirasiin qabaman

Godina Baale Bahaatti qorannoo mana hidhaa waajjira Poolisii magaala Gindhiirii fi waajjira poolisii aanaa Gindhiir keessatti taasifameeni namoota 66 irratti koronaavaayirasiin argame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ajjeechaa Haacaaluu: Hookkara, miidhaa fi yaadannoo jiraattotaa Ciroo

  2. Hospitaalonni Hoongi Koongi Covid-19 humnaa ol itti ta'uu mala

    Hospitaalonni Hoongi Koongi koronaavaayirasiin humnaa ol itti ta'e sadarkaa tajaajila kennuu dadhabuurra gahuu malu jechuun bulchituun magaalatti Keerii Laam dubbatan.

    Magaalattii keessatti weerarri vaayirasichaa jabaan uumamuu kan himan bulchituun kun namni mana isaa akka turu dhaaman.

    Magaalattin qajeelfama haaraa akka maaskii dirqamaan uffachuu manneen nyaataa taa'anii nyaachuu dhorkuu labsiteetti.

    Baatii tokko dura guyyaatti nama 10 gadi ture kan qabamu amma garuu guyyaatti nama 100 ol qabamaa jira.

    Lakkoofsi akka kanaan daballaan humna hospitaalaan ol ta'ee hospitaalonni tajaajila kennuu dadhabuurra gahuu malu jedhan.

  3. Ajjeechaa Haacaaluu booda maaltu ta'e?

  4. Godaantonni Sudaan Liibiyaatti ajjeefaman

    Wiixata galgala erga bidiruun isaani eegdota galaanaa Libiyaan qabame gara qarqara galaanaatti deebifamanii booda godaantonni Sudaan sadii rasaasaan ajjeefamniiru.

    Dhabbati Godaantotaa Idil Addunyaa (IOM) akka jedhutti baqattoonni kun kan ajjeefaman yeroo bakka Al Kum jedhamurraa miliquuf yaalanitti rasaasa qondaalonni nageenyaa naannichaa dhukaasaniini.

    Namootni kun godaantota 70 bidiruun isaani qabamee eegdota Liibiyaan deebifamaa turan waliin akka turan Reuters gabaaseera.

    Namootni laman battaluma sanatti kan du’an yoo ta’u inni tokko erga hospitaala ga’e lubbuun isaa darbe.

    IOM godaantota gara Liibiyaatti ofirraa deebisuun akka dhaabbatuuf, Gamtaa Awurooppaafi hawaasa Addunyaa gaafataa ture.

  5. Deebineerra!

    Odeessalee biyyaa keessaafi alaa irratti gabaasa kallattii keenya guyyaa har'aa eeggalleerra!

    Gabaasa guyyoota darbanii asii gaditti argachuu dandeessu.

    Oolmaa Gaarii!

  6. Oolmaa har'aa goolabneerra.

    Bor ganama walitti deebina. Yeroo gaarii keessa turaa!!

  7. Ummanni biyyoota Kibba Afrikaa miliyoona 45 tahu beelaaf saaxilamuu danda’a

    Uummatni miiliyoona 45 biyyoota Kibba Afrikaa sababii hongee,lolaa fi koroonaavaayirasiin beelaaf saaxilamuu malu kan jedhe Dhaabbata Misoomaa Biyyoota Afrikaa Kibbaati

    Dameen dhaabbatichaa biyyoota 16 bakka bu’e koroonaavaayirasiin namoota harka qaleeyyii magaala keessa jiraatan miidhe, hojii daldalaaf bakkaa bakkatti akka hin sochoonellee isaan dhorkee jedha.

    Hojii dhabdummaanis dabaleera, daldaloonni garaagaraa illee cufamuuf dirqamanii turan jedheera dhaabichi.

    Namoonni baaddoo guyyuu argachuuf mi'a mana keessaa otoo hin hafiin gurguraati jiru jedha.

    Daa’imman miiliyoona 8 tahanillee hanqina nyaataa hamaatin dararamaa jirus jedha.

    Manni barnootaa cufamuun barattoonni miiliyoona 20 tahan nyaata mana barnootaatti argatan ni dhabu jedheera dhaabbatichi.

  8. Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbanitti namoonni haaraa 11 Covid-19 du'an, 653 qabaman

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darban keessatti namoota 6503'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirasichi namoota 653 irratti argamuun mirkaneessiteetti.

    Kanaanis lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii 15,200 gaheera.

    Biyyattii keessatti namoonni haaraa 170 koronaavaayirasiirraa kan bayyanatan yoo ta'u hamma ammaatti namoonni 6526 bayyanataniiru.

    Qorannoo sa'aatii 24 darbaniin namoonni 11 du'aniiru. Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa Covid-19 du'anii 239 gaheera.

    Biyyattiin hamma ammaatti namoota 395,851'f qorannoo koronaavaayirasii taasifteetti.

  9. Geejjibni daandii qilleensaa bakka duraatti deebi'uuf bara 2024 gahuu mala

    Imalli daandiin qilleensaa addunyaa bakka koroonaavaayirasii duraatti deebi'uuf hanga bara 2024tti turuu danda'a jedhame.

    Kun tilmaama duraan qabame irratti waggaa tokko kan dabalatedha.

    Waldaan Geejiba Qilleensarraa Idil-adunyaa gabaasa baaseen fedhiin geejiba qilleensdarraa to'annaa koroonaavaayirasii laafaa tahe irraa kan ka'e Ameerikaa fi biyyoota guddataa jiran keessatti gadi bu'eera.

    Waldaan geejjiba qilleensarraa kun miseensota daandii qilleensaa 290 tahu addunyaa irratti qaba.

  10. Babal'inni dhibee Heeppitaatas Itoophiyaatti guddaa tahuu ibsame

    Itoophiyaatti babal’inni dhibee heeppiitaatas (dhibee tiruu) bal’aa ta’uu Ministeerri Fayyaa hime.

    Ministiri deetaan ministeerichaa Dooktar Darajjee Dhugumaan har’a guyyaan heeppitaaytasii addunyaa yoo kabajamu akka beeksisanitti, dhibichi dhibeewwan hamoo lubbuu galaafatan keessaa addunyaarraa sadarkaa lammaffaarratti argama.

    FBC akka gabaasetti barana ogeeyyii fayyaa saaxilamoo ta’an kuma dhibba 6 oliif talaalliin dhibee kana ittisu kennameera.

    Bara Faranjootaa 2007 irraa eegalee idileedhan akka talaalliitti daa’immaniif laatamaa jiraachuus himaniiru.

    Guyyichi akka addunyaatti yeroo 10ffaaf, akka Itoophiyaatti ammoo si’a 7ffaaf kabajameera.

    Addunyaarratti waggaa waggaadhaan namoonni miiliyoona 1.3 dhibee heeppitaatasiin lubbuu isaanii ni dhabu.

  11. Naayijeeriyaatti namooti 829 guyyaa tokkotti Covid-19 irraa dandamatan

    Naayijeeriyaan lakkoofsa namoota Covi19 irraa dandamatan isa guddaa galmeessifte.

    Naayijeeriyaatti dhukkubsattoonni koroonaavaayirasii 829 guyyaa tokkotti dandamachuu Wiirtuun To’annoo Dhukkubaa Naayijeeriyaa ibse.

    Wiixata kaleessaa namooti kunneen hospitaalaa bahaniirus jedhameera.

    Biyyattiitti hanga yoonaa namoonni 18,203 tahan vaayirasii kanarraa dandamataniiru.

    Guyyaama namoonni kun fayyan namooti haaraa 646 tahan immoo Covid-19n qabamuun, lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabaman 41,180 dhaqqabsiiseera.

    Wiirtuun To’annoo Dhukkubaa biyyattii lammiileen biyyattii qajeelfamoota dhukkubicha ittisuuf bahan akka hordofan gorsaniiru.

  12. MM Maalezhiyaa duraanii hidhaa waggaa 12’n adabaman

    Ministirri Muummee Maalezhiyaa duraanii Najib Razaaq doolaara miiliyoona hedduu malaammaltummaan qisaasessuun hidhaa waggaa 12’n adabaman.

    Ol iyyaannoodhaan adabbiin itti murame yoo hin jijjiramne hidhaa seenu.

    Manni murtii himannaan torba irratti dhiyaate hundumasaatinuu balleessaa irratti mure.

    Abbaan murtii mana murtii olaanaa Kuwaalaa Lampuur, ragaa hundumaa ilaalleerra shakkii hin qabnu jedhan.

    Najib balleessaan dalage hin qabu jedhanii waakkatan, aangoo humna ol hin fayyadamne, amanamummaas hin hir'ifne jedhani falmatan.

    Bara 2009 kaasee waggoota 9‘f aangoorra kan turan Najib, dhaddacha har’aa gubbatti doolara Ameerika mil 10 fandii maallaqa mootummaa akkawuntii dhuunfaatii dabarfatachuusaanitu ilaalamee, balleessaa dalagan jedhame.

    Najib gorsiistota dhimma faayinaansiitu karaarraa na dabse jedhanii waakkataa turan.

  13. Hakiima maqaa masoo ‘doktara hiyyeeyyii’ jedhu argatan

    Dr Mohaammad Mashaal ogeessa lammii Masrii wayita ta’an maqaa masoo’ doktara hiyyeeyyii’ jedhuun beekaman.

    Walakkaa jarraa tokko oliif ogeessi kun bilisaan ykn maallaqa xiqqoo dhukkubsata kaffalchisuun wal’aanaa turan.

    MagaalaaTaanta jedhamtu kaaba Kaayirootti wal'aansa kennu.

    ‘Doktarri hiyyeeyyii’ umrii ganna 76tti sababa rakkoo marsaa dhiigaatiin wal qabatuun du’an.

    Lammilee Masriis hiyyeeyyiin tajaajila wal’aansa akka hin dhabne gumaachuuf kutannoo qabaniif hawaasa biyyatti biratti mararsiifannaa argatan.

    Lammileen biyyattii nama mallattoo amanamummaati ,ofitummaa otoo hin qabaatiin hawaasa biyyattiif dhaabbatan jechuun miidiyaa hawaasarratti maqaasaanii leellisan.

  14. Maaltaan saatii 33 booda lubbuu godaantotaa Eertiraa baraarte

    Maaltaan gartoo godaaantota 95 gara kaaba Liibiyaa irraa baraarte.

    Goodantonni kun wamicha nu baraara taasisanis anga’oonni Maaltaa garuu hojii lubbuu baraaru kan eegalan saatii 33 boodadha.

    Qamoleen nageenyaas gara magaalaa guditti Valaatatti isaan geessaniiru.

    Goodantonni lammilee Eertiraadha jedhaman kun, bilbilaan gartuu namoota galaana Mediteraaniyaa irratti danqamani gargaaru Alarm Phone jedhamu qunnamuu isaanii Niw Yoork Taayims gabaaseera.

    Wiixata waaree boodarra namootni kun baraaramanis, taajjabdoonni garuu gochi kun qajeelfama goodantonni akka Mediteraaniyaa hin qaxxamurree godhuuf jecha lubbuu namaa baalaaf saaxilamaa jiraa gaaffii jedhu kaaseera jedhu.

  15. Emireetis imaltoota Covid-19n miidhamaniif baasii wal’aansaa fi awwaalchaa kaffaluufi

  16. Marii Hidha Haaromsaa Wiixata eegaleen Masrii fi Sudaan Itoophiyaa qeeqan

    Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisee marii Wiixata kaleessaa eegaleen Masrii fi Sudaan Itoophiyaan hidha kana bishaaniin guutuuf murtee marii malee fudhatte qeequu Rooyitarsi gabaase.

    Biyyootni sadan Wiixata kaleessaa biyyootni kaan bishaan hangamii akka argatan irratti mariin itti fufaniiru.

    Torban darbe Itoophiyaan ibsa baasteen hanga bishaanii bara kana kuusaa bishaanii hidha kanaatti galchuuf karoorfatte galfachuu ibsitee ture.

    Kuniis kan ta'e hangi roobaa tibba gannaa kanatti roobee karoora qabame kana milkeessuullee ibsite.

    Ministeerri Jallisii Masrii ''mari malee hidha kana bishaaniin guutuun marii kanarratti dhiibbaa qabaata, waliigalteerra gahuurrattis gaaffii kaasaa'' jeechuun ibsa baaseera.

  17. Itoophiyaan guyyoota 17 keessatti maatii miiliyoona 17 qorachuufi

    Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa torban tokkoo booda guutuu biyyaattitti guyyoota 17 keessatti jechuunis Hagayyaa 1-17 ALI maatii miiliyoona 17 ta'aniif qorannoo Koroonaavaayiras taasisuuf qophaa'uu ibse.

    Deetaa Ministiraa kan ta'an aadde Saahirellaa Abdullaahii EBC'tti akka himanitti aanaalee 800-1000 ta'an keessatti qorannoon kun ni gaggeefama.

    Namoota vaayirasichi keessatti argame bakka adda baahanii turanitti galchuun kanneen saaxilamummaa qaban ammooo adda baasuun hojii itti aanu ta'uullee aadde Saahirellaan ibsaniiru.

  18. Dimookraatonni baasiin dabalataa tiriiliyoona tokko ''gonkumaa gahaa miti'' jedhan

    Miseensonni Seeneetii US kan Rippaablikaanootaa balaa diinagdee koronaavaayirasiin qaqqabsiise waldhaanuuf bajata deeggarsaa doolaara tiriiliyoona tokko ramaduuf walta'an.

    Bajata kan keessaa doolaarri biiliyoona 100 ta'u manneen barnootaaf akkasumammoo lammiilee Ameerikaaf kaffaltii dandamannaa nama tokkof hanga doolaara 1,200 ta'uun oola.

    Wixineen kun Dimookraatota baasiin kun ''gonkumaa gahaa miti' jedhanii amanan waliin irratti marichachuuf qophaa'eera.

    US hanga ammaatti dhiibbaa diinagdee Covid-19 qaqqabsiisuufi geessisaa jiru dandamachuuf baasii dabalataa tiriiliyoona 2.4 baasii gooteetti.

  19. Shiboo Atilaantik qaxxaamuree US, UK fi Ispeen walqunnamsiisu

    Kaampaaniin teeknolojii guddichi 'Google' shiboo neetworkii garba Atilaantik keessa qaxxaamuruun US,UK fi Ispeen qaqqabu ijaaruufi.

    Shiboon netwoorkii qaama bishaanii jala awwaalamu kun odeeffannoo addunyaarratti harka 98 kan daddabarsu wayita ta’u, sarara duraan diriirfame haaromsuuf yaadame.

    Maqaan shiboo haaraa diriirfamuu kana "Grace Hopper’’ jedhamee maqaa saayintistii kompitaaraa Ameerikaatiin moggameera.

    Pirojeektiin kun bara 2022tti hojjatamee goolabama .

    Shiboon US fi Biritaaniyaa wal qunnamsiisu yeroo jalqabaatif kan ijaarame bara 1858 ture.

    Ammatti shiboon maayila 750,000 qaxxamuree ardilee wal qunnamsiisu diriirfameera. Shiboon kun balaawwan uumamaa kirkiraa lafaa dandamatee waggoota 25’f akka turuuf hojjatama.

  20. Haqaafi wabii nan barbaada - Atileet Hayilee G/Sillaase