Itoophiyaan garee balaa xiyyaaraa qoratu Chaayinaatti ‘ergite’
Itoophiyaan xiyyaara mi’a deddeebisu torban darbe Chaayinaatti gubate qorachuuf garee tokko garasitti erguu ishii gaazexaan biyya keessaa gabaase.
Gazexaan Ripportar akka gabaasetti Ministirri Geejjibaa Itoophiyaa Daagmaawwit Moogas garee ergame Sivil Aviyeeshinii Chaayinaa beeksisaniiru.
Akka seeraatti, biyyi balaa qoratu biyya balaan suni itti mudate ta’us, abbaan qabeenyaafi dhaabbanni xiyyaaricha oomishellee keessatti qooda fudhatu.
Xiyyaarri Itoophiyaa osoo mi’a fe’aa jiru ture gaafa Roobii darbe biyya Chaayinaa magaalaa Shaangaay buufata xiyyaaraa Pundoongitti ibiddi kan qabateen.
Hojjettootarra miidhaan gahe jiraachuu baatus xiyyaarichi hamma tokko akka miidhame ibsameera.
Ta’us, madda ibiddaa akkasumas miidhaa dhaqqabe baruuf qorannoon akka eegalamu Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ibsa baasen beeksisuun isaa ni yaadatama.