Indiyaatti walitti aansee guyyoota afuriif namoonni kuma 50 Covid-19'n qabamu beeksifte
Indiyaatti walitti aansuun guyyoota afuriif guyyatti namoonni 50,000 ol koronaavaayirasiin qabamuu biyyattiin beeksiifte.
Kunis biyyattiitti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii kan waliigalaa miiliyoona 1.7 ol akka gahu taasiseera.
Irra caalaan namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii kan kuma 30 ta’an kunneenis kan Kibba-baha bulchiinsa Andhraa Pradesh keessatti argameedha jedhameera.
Bulchinsi kunis bakkeewwan biyyattii garmalee vaayirasichaan miidhaman keessa tokko.
Indiyaan jalqabaratti wayita Bitooteessa keessa motummaan tarkaanfii sochii daangeessuu fudhate tureetti haala tatamsa’ina vaayirasichaa to’achuun baatiiwwan lamaaf waan gaarii galmeessite turte.
Garuu uggurri aa’amee ture miidhaa dinagdee fi namootaa waan dhaqqabsiisuu deemeef biyyattiin baatii Waxabajjii irraa kaasuun ugguricha laaffisuun garuu qoranno baayi'innaan gaggeessuu eegalte.
Haa ta’u malee lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii baay'ee dabalaa dhufeera.
Kanarraa kan ka'e bulchiinsoonni baay'eenis uggura sochii bakkeewwan adda addaa irratti xiyyeefatan haaraa kaa’aa jiru.
Mootummaan biyyattii garuu lakkoofsi namoota vaayirasichaa qabamanii garmalee dabalaa dhufuulleen lakkoofsi namoota lubbusaanii dhaban kan biyyoota kaaniin wali bira yoo qabamu gadaanaadha jechaa jira.