Sababni xiyyaarri Itoophiyaa Chaayinaatti gubatef qoratamaa jira

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Xiyyaarri Daandii Qilleensa Itoophiyaa mi'a deddeebisu guyyaa har'aa biyya Chaayinaa magaalaa Shaangaayi buufata xiyyaaraa Pudoong keessa bakka dhaabatetti gubateera.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ibsa baaseen xiyyaarrichi akka gubate mirkanesseera.

Haa ta'u malee, hojjetoota dhaabbatichaarrattis ta'e, kaan irratti miidhaan gahe hin jiru jedhe.

Akka Rooyitars 'Variflight' waabeffate gabaasetti, erga balaan ibiddaa xiyyaara Itoophiyaa qunnamee booda xiyyaaronni buufata xiyyaaraa Pudoong bu'uuf turan buufata xiyyaaraa 'Hongqiao'tti akka qubatan ta'eera.

Sadarkaa Afrikaatti dorgomaa cimaa kan ta'e xiyyaarri Itoophiyaa yeroo weerarri koronaavaayirasii biiznasii balaliif rakkisaa ta'e kana dandamachuuf mi'a deddeebisuutti garagaluun isaa ni beekama.

Maaltu ta'e?

Xiyyaarri mi'a deddeebisuufi har'a Biyya Chaayinaa Magaalaa Shaagaay buufata xiyyaaraa Pudoongitti gubate Booying 777 dha.

Akka dhaabbatichi ibsa baaseen ibsetti ,osoo xiyyaarichi meeshaalee fe'aa jiruuti balaan kan isa mudate.

Dhaabbatichi ibsa baaseen xiyyaarri kuni Shaangaayirraa ka'e Finfinneerra goruun gara Saawo Pooloo-Saantiyaagootti balali'uuf fe'ataa ture.

Viidiyoon miidiyaalee hawaasaarra naanna'aa turan dubbii xiyyaarichaa yeroo gubatee aarri ol yaa'u mul'isa.

Haa ta'u malee, ibiddi kuni to'atamuu ibse dhaabbatichi.Sababni ibidda sanaa garuu hanga yoonaa hin beekamne.

Qaamolee ilaallatu waliin qoratamaa akka jiru dhaabbatichi ibseera.