Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Namoonni Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argame 11,500 caale

Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin erga mul’atee kaasee kan Adoolessa 22, 2020 kan qabaman 452 dabalatee kuma 11,000 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namni Covid-19n qabame argamnaan Chaayinaatti balaliin xiyyaarota 600 olii haqame

    Magaalaa guddoo bulchiinsa Shijiyaang Urumchii jedhamtu keessatti dubartiin ganna 24 Kamisa kaleessaa vaayirasichaan qabamuun hordofuun balaliin karoorfame addaan cite.

    Namoonni ishee wajjiin tuttuqqaa qaban biroo sadiis vaayirasichi irratti argameera, garuu mallattoon irratti hin mul’atu ture.

    Sana booda balaliin buufata xiyyaaraa Urumchii guyyaa tokkootti karoorfamee keessaa harki 80 haqame.

    Har’aa kaasee daandii xiyyaaraa biroos imaltootni magaalicha seenanii fi bahan guyyoota 7 keessatti qorannoo niwukilic asiidii negetiivii ta’uu qabu jedhanii beeksisan.

    Kana jechuun imaltoonni vaayirasicharraa bilisa ta’uun isaanii mirkanaa’uu qabaata.

    Daandiin qilleensaa biroon ofeggannoo akkasii hojiirra oolchaniiru.

    Magaalichattis tajaajili baaburaa kennamu kaleessaa jalqabee yeroof adda citeera.

  2. Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa akkamiin bishaan guutama?

  3. Eertiraan namoonni 19 dabalataan koronaavaayirasiin qabamuu beeksifte

    Qorannoo bufataalee turmaataa biyyattiitti argaman keessatti taasifameen, namoonni 19 vaayirasichaan qabamun isaanii mirkanaa’u Ministeerri Fayyaa Eertiraa beeksiise.

    Namoonni amma vaayirasichaan qabamun isaanii mirkanaa’e kunneenis lammiilee biyyattii Sudaan fi Itoophiyaarraa karaa lafootiin dhiheenya gara biyyaa deebi’an jedhameera.

    Gama biraatiin ammoo kaleessa namoonni 42 dhukkubicha irraa bayyanachuun gara manasaaniitti deebii’u ibsichi dabaluun himeera.

    Walumaagalattis biyyattiitti hanga ammaatti lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa’ee 251 gaheera.

    Haata’u malee, walitti qabaadhumatti namoonni 149 dhukkubicharraa bayyanachuun gara manasaanii kan deebii’an yoo ta’u, 102 garuu wal’aansa fayyaa argataa jiru.

    Baatiiwwan muraasaan dura namoonni 39 vaayirasichaan qabaman hunduu bayyanachuun, namni vaayirasichaan qabame osoo biyyattii keessatti hin galmaa’in torban sadii oliif tureera.

  4. Daandiin qilleensaa Biritish imaltootni dhibnaan Booying 747 balaliirraa dhorke

    Weerarri koronaavaayirasii hammaachuu hordofee uggurri sochii labsame galii daandilee qilleensaa onse.

    Daandiin qilleensaa UK xiyyaarota gurguddoo 31 tajaajila balalii kennuun addunyaarratti hunda caalu, xiyyaarota gurduddoo qubsiisuu beeksise.

    Dubbi-himtuun daandii qilleensaa British Airways xiyyaarota gurguddoo kana balaliirra ugguruutti gaddinuus, balaliirraa battala kanatti ugguramuu nan mirkaneessa jedhan.

    Sababni ijoon balaliirraa uggurameef weerarri Covid-19 lakkoofsa imaltoota haalaan gadi buusu akka ta'e dubbataniiru.

  5. Ogeeyyiin fayyaa Gaanaa 2,000 ol Covid-19’n qabamaniiru

    Gaanaatti ogeeyyiin fayyaa 2,065 amma yoonatti vaayirasichaan qabamuun ibsameera.

    Magaalaa guddoo biyyatti Akiraafi naannooshiitti ogeeyyiin fayyaa dhibichaan baay’een kan qabaman.

    Dareektarri damee fayyaa biyyattii Paatirik Kuma-Abohagaye, hojjattoonni 6 du’uu fi 1,870 immoo dhibicharraa bayyanachuu ibsan.

    Kanneen hin fayyine addatti fo’amanii yaalamaa jiru.

    Qondaaltoonni biyyattii vaayirasichi caalatti akka hin tamsaaneef dhaabbilee fayyaatiif meeshalee ofeeggannoo qoodaa akka jiran dubbatan.

    Gaanaatti namootan 26,000 vaayirasichaan qabaman keessaa 139 du’utu gabaafame.

  6. Ameerikaan mana jireenyaa pirezidantii duraanii Gaambiyaa jalaa qabuufi

    Biiroon Haqaa Ameerikaa akka himetti, pirezedantiin duraanii Gaambiyaa Yaahyaa Jaameeh wayita aangoorra turanitti maallaqa uummataatiin mana jireenyaa qananiif qarqara magaalaa Waashingtan D.C bitatan.

    Jaameen waggaa 10 dura Doolaaraa miiliyoona 3.5 baasuun maqaa haadha warraasaanii Zineeb Jaameetiin bitatanii turan.

    Pirezedantiin duraanii Gaambiyaa Yaahyaa Jaameen filannoo pirezedantummaa bara 2017 injifatamnaan aangoorraa bu’uu didaa erga turanii booda, biyyatti gadhisaanii gara Ikuwaatoriyaal Giiniitti baqatan.

    Waggoota 20 oliif kan biyyattii bulchan Jaameeh, ajajaa waraanaa ganna 29 ta’aniitu aangoo qabachuusaanitu yaadatama.

  7. UN weerara Covid-19 to’achuuf deeggarsa maallaqaa guddaa gaafate

  8. Ameerikaatti guyyaa tokkotti namni 74,500 Covid-19n qabame

    Ameerikaatti lakkoofsi namoota guyyaa tokkotti koronaavaayirasiin qabamanii inni olaanaan galmaa'e.

    Guyyaa tokkotti namni 74,500 Covid-19n qabameera. Kuni erga weerarri vaayirasichaa mudate isa olaanaadha.

    Lakkoofsi waliigalaa namoota qabamanii ammattii miliyoona 3 fi kuma 500 ol ta'uu agarsiisa ragaan yuunivarsiitii Joons Hoopkiins.

    Lakkoofsi namoota qabamanii kutaalee biyyaa Ameerikaa 30 keessatti dabalaa jira.

    Guyyaa darbe kana namni 1000 jala siqu yoo lubbuu dhabu kunis lakkoofsa namoota vaayirasichaan du'anii 138,000 olitti guddiseera.

  9. Indiyaatti namni Covid-19n qabame mil. 1, Biraaziilitti ammoo mil. 2 caale

    Indiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona tokko taree jira.

    Kamisa kaleessaa guyyaa tokkotti namni 30,000 vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'eera.

    Lakkoofsi biyyattii ji'oota darban akka malee olka'aa jira. Ammatti Ameerikaa fi Biraaziilitti aanuun baay'ina namoota qabamaniin sadaffaarra jirti.

    Biraazil ammoo lakkoofsi namoota qabamanii miiyoona 2 taruu himte. Miliyoona tokko kan galee torban muraasa dura ture.

    Pireezidantiin biyyattii kan ofiifuu vaayirasichaan qabaman dhiibbaa vaayirasichaa haa xiqqeessan malee lakkoofsi namoota qabamanii saffisaan dabalaa jira.

    Biyyattiin amma dura lammileeshee 74,000 vaayirasii kanaan dhabdeetti.

  10. Koroonaavaayirasiif yaaliin talaallii argachuu 'abdachiisaa ta'aa dhufeera'

  11. Deebineerra!, Akkam bultan?

    Gabaasa kallattii biraan deebineerra.

    Armaan gaditti gabaasaalee guyyoota darba isin biraan gahaa turre argachuu dandeessu.

    Oolaa gaarii jenna!

  12. Obbo Iskindir Naggaarratti Poolisiin guyyaa dabalataa gaafate

    Hoogganaan dhaaba Baaldiraas Iskindir Naggaan torbee lamaa dura kan to’ataman yoo ta’u har’a mana Murtiitti dhiyaatanii Poolisiin qorannoof guyyaa dabalataa akka kennamuuf gaafatee hayyamameeraaf.

    Obbo Iskindir kan ittiin shakkaman, magaala finfinnee keessatti , sabaafi Amantaan nama walitti buusuuf jechaa dargaggoota gurmeessuun maallaqaa kenuuun hanga ammaatti midhaan qabeenya birrii miiliyoona 54 ta’u akka ga’u taasisuu, lubbuun namaa akka darbuufi midhaan qaamaa akka ga’uu taasisuu kan jedhudha.

    Himannaa kanaafis poolisiin ija baatoota 20 ta’an irra raga akka fudhateefi meeshalee elektirooniksii irraas raga akka walitti qabatee jiru hima.

    Kanarratti obbo Iskindir deebii kennaniin guyyaa gaafa to’annoo jala oolanitti poolisoota federalaan reebichi irra ga’uu isaa dubbachuun kanarattis himannaa banuu akka barbaadan ibsaniiru.

    Poolisiin qoronnooo dabalataa gaggeessuuf yeroo akka barbaadu yaada dhiyeesse manni murtee simatus, abukatoonni shakkamtoota garuu kana mormaaniiru.

    Poolisiin guyyaa dabalataa qorannoof argatee beellamni Adoolessa 22, 20212tti qabameera.

  13. Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 328 Covid-19 qabaman

    Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbe keessa qorannoo koronaavaayirasii namoota 6,911f taasifame keessaa 328 kan ta'anirratti argamuusaa ministeerri fayyaa gabaasa guyyuu isaatiin mirkaneesseera.

    Namoota koronaavaayirasiin irratti argame keessaa 250 Finfinnee, 27 Gambeellaa, 15 Oromiyaa, 13 Tigiraay, 8 Affaar, 5 Somaalee, 5 Sidaamaa, 3 Beneshaangul Gumuz, 1 Amaaraa, 1 Harariidha.

    Akka gabaasa har'aa kanatti, haaraa 46 dabalatee walumaagalatti hanga ammaatti namoonni 4,814 fayyaniiru.

    Qorannoo reeffa irratti taasifameen namoonni 2 dhibee Covid-19 kanaan akka du'an yoo mirkanaa'u, walumaagalatti biyyattii keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'anii 150 qaqqabeera.

    Akka biyyaatti hanga ammaatti qorannoo namoota 309,639 irratti taasifameen ammoo 8,803 kan ta'an irratti argameera.

  14. Weerara Covid-19fi carraaqqii talaallii dhibee kanaa argachuuf taasifamaa jiru

    Gareen saayintistoota bebbeekamoo warreen badhaafamtoota Noobel ta’an dabalatee namoota fedhiidhaan talaallii Covid-19 yaaliirra jiru fudhatanii koronaavaayirasiitiif of saaxilaniif waamicha taasisaa jiru.

    Kana kan gochaa jiraniifis, talaalliin sun hangam akka koronaavaayirasiin qabamuurraa isaan ittisuu akka danda’u ilaaluuf jedhameera.

    Yeroo ammaa akka addunyaatti talaaliiwwan 23 sadarkaa yaaliiwwan kilinikaal irra gahanii jiru.

    Karaan ittiin akka talaaliiwwan kunneen hojjetan baruun danda’amu namoonni fedhii qaban talaallichaa fudhatanii booda koronaavaayirasiif of saaxiluun qabamuufi dhiisuu isaanii ilaaluun qofa.

    Dhaabbanni dawaa Chaayinaa yaalii kilinikaa marsaa sadaffaa Abuu Daabii ,UAE keessatti jalqabuu isaa, aanga’oonni UAE himaniiru.

    US keessatti ammoo ogeessi buleessa ittisa weerara kanaa gaggeessaa jiran Dr. Antoonii Faawuchii dhuma waggaa kanaatti talaallii argachuun dirqama jedhan.

    Weerara koronaavaayirasiin walqabatee haalli biyyattiin itti jirtu daran hammaachaas jira. Yeroo ammaatti weerarichi dabalaa dhufuun namoonni miliyoona 3.5 qabamaniiru.

    Indiyaattis lakkoofsi namoota qabamanii baay’ee dabalaa jira.

    Afrikaan Kibbaa ammoo namoota guutummaa Afrikaa keessatti qabaman keessaa walakkaatti kan siquun arditti keessaa kan hedduu miidhamtedha.

    Gorsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa –yeroo ispoortii hojjettan maaskii hin godhatiina sababiin isaas sirriitti hafuura baafachuu waan isin dhorkuuf.

  15. Obbo Baqqalaafi Jawaar mana murtiitti dhiyaatan

    Obbo Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaafi shakkamtootni biroonis har''a Dhaddacha yakkaa Lidataa fi Araadaatti dhiyaatan.

    Himata galmee Obbo Baqqalaa Garbaa jalatti kanneen himataman Wiixata darbe mana murtii dhiyaatanii Poolisiin qorannoo fi ragaa qindeessuuf guyyaa dabalataa 14 gaafatee ture irratti murtee kennuuf ture beellamni har'atti kan qabame.

    Obbo Baqqalaan ajjeechaa Art. Haacaaluu Hundeessaarratti raawwatame hordofee reeffa fedha maatii malee humnaan Finfinneetti deebisuufi Hokkora uumuu socho'aniiru jechuun himataman.

    Ijoolleen Obbo Baqqalaas ajaja abbaa isaanii fudhachuun jeequmsa uumuuf socho'aa turan jechuun Poolisiin to'annoo jala kan oolcheen yoo ta'u Abukaattoon isaanii garuu ijoolleen boyicha qaqqabuuf bahuufi abbaa isaanii waliin waan jiraniif qofa to'atamuu mana murtiitti himuu FBC'n gabaaseera.

    Gabaasa guutuu ooltii dhaddacha kanaa booda qabannee dhiyaanna.

  16. Ispeen lammiilee ishee Covid-19'n lubbuu dhaban yaadatte

    Biyyoota Awrooppaa weerara Covid-19'n akkaan miidhaman keessaa kan taatee Ispeen lammiilee ishee 28,400 sababa dhibee kanaan lubbuu isaanii dhabaniif sirna yaadannoo qopheessite.

    Sirna kanarratti mootiin biyyattii Filiip dabalatee aanga'oonni Gamtaa Awrooppaa argamaniiru.

    Sirna Masaaraa mootii biyyattii magaalaa Maadriiditti qophaaye kanarratti namootni 400 ta'an kan argaman yoo ta'u, tamsa'ina dhibee kanaa to'achuuf akka tolutti walirraa siiqanii ta'an.

  17. Jawaar fi kaanis mana hidhaa lafa jalaatti hidhamuu abukaatoon mirkaneesse

  18. Ministiroonni muummee lama biyya tokkichatti Covid-19n qabaman

    Biyyi Baalkaan Boosiniyaa Herzovinaan walwaraansa bara 1990 Yugoslaaviyaa diigee booda hundoofte.

    Biyyattin gartuu saboota lamaatti adda qoodamte Bosiniyaa-Herzogovinaa fi Rippaalika Sirpiskaatti hirmarmtee federeeshiinin bulti.

    Ta’us lamaanuu heeraafi ministira muummee adda addatti qabu.

    Biyyoota lamaan waan tokko taasise tokko tibbana dhalateera.

    Muummeen ministiroota lamaan isaaniyyuu koronaavaayirasiin qabamaniiru.

    Hogganaan federeshinii Boosiniyaa Fadil Novaalik,waggaa 25’ffaan duguggaa sanyii Sebrnikaa wayita yaadatamu dhukkubsachuu himatanii turan Covid-19n qabamanii Sarajeevootti yaalaama jiru.

    Gitni isaanii ministirri muummee Sirpiskaa Raadovaan Viskooviik kaleessa Covid-19n qabamuun isaanii mirkanaa’e.

    Biyyoota Baalkaan keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii torban darbeerraa kaasee dabalaa jira.

    Biyyattii keessatti namoonni 7,411 vaayirasichaan wayita qabaman 235 kan ta'an ammoo du’aniiru.

  19. Manni Maree naannoo Tigraay Komishinii filannoof anga'oota muude

  20. Ruwaandaan iddoowwan waaqeffannaa deebistee bante

    Ruwaandaan waldaaleen Kiristaanaa sababa weerara koronaavaayirasiin cufaman akka deebi’anii banaman eeyyamte.

    Namoonni iddoo kadhannaa dhaqan maaskii keewwachuu fi waliirraa hiiquun qajeelfama kennameef.

    Daa’imman ganna 12 gadii iddoo kadhannaa dhaquun hin eeyyamamneefi.

    Kana malee, maallaqa callaa akka kennaatti gumaachuun dhorkameera.

    Bitootessa darberraa qabee erga Covid-19’n biyyattii seene, iddoowwaan waaqeffannaa cufamanii turan.

    Manneen dhugaatiifi manneen barnootaa ammas cufamanii turu.

    Ruwaandaatti namoota 1,435 vaayirasiin qabaman keessa namoota 4 tu du’e.