Indiyaatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii dabalaa jira, Ayishiwaariyaafi intallishee Covid-19'n qabaman
Sa'aatii muraasa darban keessatti waa'ee akitarii beekamtuu Ayishiwaariyaa Raayi Baachaan Covid-19'n qabamuufi intalashee waliin hoospitaala seenuu gabaafamaa ture.
Kan isaanii kun lakkoofsa namoota waliigalaa sa'aatii 24 darbe keessatti galmaa'e 34,884 keessaayyu.
Sa'aatiidhuma kana keessattis namoonni 671 ta'an koroonaavaayirasiin wal-qabatee lubbuu dhabaniiru.
Naannoleen kan akka Mahaaraashaatiraa, Taamil Naaduu fi Weesti Beengaal, bakkeen weerarichaaf hedduu saaxilamoo jedhaman cufaniiru.
Maatii Baachaan ilaallatee oduun jiru - wal'aansa taasifamaafii jiruun fooyya'aa akka jiranidha eejansiin oduu PTI kan gabaase.
Ayishiwaariyaa dabalatee abbaan warraashee Abisheek, akkasumas soddaanshii Amitaab Baachaanis wal'aansa argachaa jiru.