Daandiin qilleensaa Biritish uggura imalaatiin booda xiyyaarota Boeing 747 hunda hojiin ala taasise

Maxxanfame

Daandiin Qilleensaa Biritish sababii hir'ina imaltootaa isa mudateen walqabatee xiyyaaroota isaa Boeing 747 hunda hojiin ala taasisuu beeksiise.

Daandiin qilleensaa Uk kunis jeettiiwwan jaamboo kan imalawwan daandii dheeraa addunyaatiin beekame kunis imalasaa jalqabaas bara 1989 eegale.

''Gadda guddaa waliin xiyyaarawwan keenya Boeing 747 hunda akka hojiin ala ta'aniif murteessuu keenya wayitan mirkanneessu,'' jedheera dubbi himaan dhaabbatichaa BBCtti.

Daandiiwwan qilleensaa addunyaa guutuutti sababii uggura weerara koronaavaayirasiin walqabatee taasifameen baayyee hubamaniiru.

''Hir'ina imaltootaa sababii Covid-19n umameen wal qabatee xiyyaaroonni keenya addaa 'queen of the skies' lammata tajaajiloota daldalaatti deebi'uun Daandii Qilleensaa Biritishiif kan hojjatan natti hinfakkaatu,'' jedhan dubbi himaan dhaabbatichaa.

Daandiin Qilleensaa Birtish kan Garee Daandii Qilleensa Addunyaa (IAG) ta'ees, wayita ammaa kanattis xiyyaaroota Boeing 747 lakkoofsaan 31 qaba. Amma hundi saaniitu hojiin ala taasifamu.

Duraan xiyyaaroota kanneen bara 2024'tti hojiin ala taasisuuf kan karoorfamee ture yoo ta'u, garuu sababii hojii dhaabuutiin guyyaan itti hojiin ala taasifaman gabaabbateera.

Qusannaa booba'aa

Dhaabbattichi dabaluunis xiyyaaroota boba'aa qusatan kan akka 'Airbus A350 fi Boeing 787 Dreamliners' fa'iin balaliinsa dabalataa kennuuf karoorfachu himeera.

Isaan kunneenis karoora bara 2050tti balaliinsa faalama kaarboonii irraa bilisa ta'ee galmaan gahuuf akka isa gargaaru abdata.

Boeing 747 bara 1970n keessaa balaliinsawwan addunyaa kan eegalee yoo ta'u, 2019 keessa waggaa 50ffaa isaa kabajate.

Dhaabbanni omisha Boeing kan US keessatti argamuus omisha xiyyaarota kanneen dhaabuu waggaa dura beeksise.

Danbaliin weerara koronaavaayirasii kunis addunyaa guutuutti daandiiwwan qilleensaa, omishitoota xiyyaaraa fi dhiyeessitoota dabalatee baayyee miidheera.

Kanumaan walqabatees hojiiwwan kumaatamaan lakkaa'aman cufamuun dhagahameera.

Hojjattoonni Daandii Qilleensa Biritish kanneen hojiin akka dhaaban taasifames sababiidhuma koronaavaayiras kanaatiin hojiirraa hir'ifamaniiru.