Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argame 11,500 caale
Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin erga mul’atee kaasee kan Adoolessa 22, 2020 kan qabaman 452 dabalatee kuma 11,000 darbeera.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Miseensaa paarlaamaa Keeniyaa qajeelfama Covid-19 hin kabajne to’annoo jala oole
Miseensi paarlaamaa Keeniyaa qajeelfama Covid-19 kabajuu dhisuun walga’iif namoota walitti waan qabeef to’annoo jala oole.
Chaarles Ongondoo Kibxata galgala to’annoo jala oole.
Miseensii paarlaamaa kun ganda itti dhalateetti walga’ii waan gaggeessaa tureef jirrattoonni yaddoo isaanii ibsuun poolisii waamuun isaani himameera.
Vidiyoo yeroo hirmaattonni walga’ichaa qajeelfama walirraa fagaachuu kabajuu dhisuun waliin shubbisan agarsiisu midiyaa hawaasummaa irratti qoodameera.
Chaarles kan hidhame erga bulchaan tokko qajeelfama sa’aatii sochii ugguruu kabajuu dhisuu isaa amanee mana murtiin adabame saatii muraasa booda ture.
Bulchaan kun Koree Covid-19 gadhisuun, qajeelfama kana kabajuu dhiisuu isaaf dhiifama gaafateera.
Chaarles har’a (Roobii) mana murtiitti ni dhiyaata.
Tiraamp yeroo jalqabaaf namni maaskii akka uffatu gorsan
UN mootummaan Itoophiyaa mirga lammilee mormii dhageessifatanii akka kabajuuf gaafate
Talaalliin Covid-19 yaaliirra jiru bu'aa abdachiisaa argamsiise
Talaalliin Covid-19 Yuunvarsiitii Oksifoordiin yaalamaa jiru dandeettii qaamni dhibee kana ofirraa ittisuu akka uummatu gochuurratti bu'aa abdachiisaa ta'e argamsiiseera. Talaalliin kun miidhaa maddee baayyee yaaddessaa ta'e akka hin qabnellee himameera.
Talaalliin argame kun namarraan otoo miidhaa hin qaqqabsiisiin madinummaa qaamaa (dandeettii qaamni itti dhibee ofirraa lolu) shaakalchiisa/leenjisa.
Yaalii talaalli kanaarratti namoonni 1,077 kan hirmaatan yoo ta'u, qorichi kun namootni madinummaan qaamasaanii farraa qaama alagaa akka tolfatuu fi seelonni dhiiga adiisaanii koronaavaayirasiin akka lolu gargaarera.
'Magaalaa namoota afur keessaa tokko Covid-19n itti qabameeru'
Bakka jirtanitti akkam jirtu?
Tamsaasa keenya kallattii kan Adoolessa 22, 2020tiin deebineerra.
Oduu biyyaafi guutummaa addunyaarraa kallattiin jala jalaan isin biraan gahuu itti fufna.
Aaga Dhaga'aa!
Tamsaasni kallattii har'aa xumurame!
Lammiileen Hindii suuraarratti mul'ataniifi kuduraa fi muduraa bitachuuf gabaa bahaan maaskii godhataniiru.
Biyyattiin seera koronaavaayirasii ittisuuf baafte laaffistus lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii ammas dabalaa jira.
Sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 37,148 ta'an koronaavaayirasiidhaan yoo qabaman 587 immoo du'aniiru.
Biyyattiitti hanga ammaatti namoonni 1,171,356 Covid-19 qabamaniiru.
Tamsaasa kallattiii keenya har'aa asumarratti xumurra.
Waan nu waliin turtaniif galatoomaa!
Nagaan bulaa!
Sagantaan irbaataa Badhaasa Noobeelii haqame
Sagantaan irbaataa Badhaasa Noobeelii sababa yaaddoo koronaavaayirasii haqame.
Kunis eega waggoota 60 as isa jalqabaati.
Injifattoonni bara 2020 ni ifoomu ta'us sirnichi yeroo baay'ee Muddee 10 irratti kan taasifamudha. Barana garuu hin adeemsifamu.
Faawundeeshiniin Noobeelii sirnicha "haala haarawaan" ni adeemsifama jedheera.
Haala biraatiin namoota hojii fi argannoosaaniitiif badhaasicha ni kennina jedhan daayirakterri faawundeeshinichaa Laars Heekeensteen.
Sirnichi asiin dura bara 1956 sababa mormii Gamtaa Sooviyeetii Hangaarii weeraruusheetiifi yeroo waraana addunyaa tokkoffaa fi lammaffaarratti ture kan haqame.
Naayijeeriyaan qoricha Madagaaskaar busheessite
Qondaaltonni Naayijeeriyaa qorichi Madagaaskaar koronaavaayirasii fayyisu isaaf ragaa hin arganne jedhan.
Ji’a Caamsaa keessatti qorichi 'Covid Organics' jedhamu Naayijeeriyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduuf Madagaaskaar irraa kennameefii ture.
Ta’us garuu pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhaammadu Buhaarii lammiileen biyyattii hamma qorichi kun dhaabbilee fayyaatiin qorannoon irratti taasifamuus akka itti hin fayyadamne dhorkaniiru.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas qorichi Madagaaskaar kun Covid-19 fayyisuusaatiif ragaan hin jiru jedheera.
Naayijeeriyaa keessatti namoonni 37,000 koronaavaayirasiidhaan yoo qabaman 800 ol immoo du’aniiru.
Itoophiyaatti namoonni haaraa 561 Covid-19 qabaman
Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban namoota 6544'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee namoota 561 irratti vaayirasichi argamu ministirri fayyaa biyyattii ibseera.
Kanaanis, lakkoofsi namoota biyyattii keessatti Covid-19'n qabaman 11,072 gaheera.
Sa'aatii 24 darban keessatti namoonni haaraa 158 vaayirasicharraa kan bayyanatan yoo ta'u hanga ammaatti 5448 bayyanataniiru.
Gama kaaniin, namoonni haaraa 7 kan du'aniiru.
Waliigala kanneen du'anis180 gaheera.
Biyyattiin hamma ammaatti namoota 342,866'f qorannoo kan taasifte yoo ta'u koronaavaayirasiin namoota 11,072 irratti argameera.
Sirna awwaalchaa Magaalaa Duukamirratti namootni 44 Covid-19’n qabaman
Magaalaa Dukaamitti dargaggoon tokko balaa konkolaataan lubbuun erga darbe booda qorannoo reeffarratti taasifameen vaayirasichaan qabamuun mirkanaa’e.
Maatii fi ollaan sirna awwaalchaa isaarratti argaman Covid-19 irraa ofeggachuu dhabuun,namoonni sirna gaddaa kanarratti argaman 44 dhibichaan qabamani jedhe Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa.
Hooggaanaa ittaanaan biirichaa obbo Darajjee Abdannaa BBC ttti akka himanitti, sirni awwaalcha iddoo garaa garaatti raawwatamu iddoo tatamsa’ina Covid-19 ta’aa jiraa jedhan.
Magaalaa Dukaamiin alaattis, Gujii fi Shawaa Lixaa Meettaatti ta'een walfakkaataan mudachuun namoonni vaayirasichaan qabamuu himan.
Yeroo ammaa namoota dhukkuba adda addaaf hospitaala dhaqaniirraa samuda fudhatamuun lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraachuun ‘nu yaaddeesseera' jedhan.
Oromiyaa kessaatti wirtuuwwan qorannoo 12'tti qorannoon vaayirasichaa kan itti fufan yoo ta’u, lama immoo dhiyeenyatti hojii eegaluu jedhan.
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan walqabatee rakkoo nageenyaa mudate booda of eeggannoon tasifamaa ture haalaan hir’achuu obbo Darajjeen himan.
‘Dagannaan balaa hamaa qaqqabisiisaa waan jiruuf ummanni akkuma yeroo jalqabaatti sirnaan hojiirra oolchu qaba’ jedhani waamicha dhiyeessaniiru.
Oromiyaatti amma guyyaa har’aatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 580 gaheera.
Iraan namoota Covid-19 guyyaatti du'anii ol'aanaa galmeessite
Iraan keessatti sa'aatii 24 darban namoonni 229 sababa Covid-19 du'uaniiru.
Kunis lakkoofsa namoota sa'aatii 24 keessatti du'anii isa ol'aanaadha.
Dubbii himtuun ministira fayyaa Simaa Sadaat Laarii akka jedhanitti lakkoofsi namoota hamma ammatti du'anii 14,634 akka ta'e ibsaniiru.
Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni 278,827 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.
Iraan diinadgeeshee sababa weerara koronaavaayirasiin miidhame baraaruuf jecha walakkeessa ji'a Ebla keessa uggura laaffistus lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabalaa jira.
Diinagdeen biyyattii weerara koronaavaayiras durallee qoqqobbii Ameerikaatiin miidhamee ture.
Pireezidaant Hasan Roohaanii biyyattiin irra deebiidhaan sochii diinagdee cufuu akka hin dandeenye himaniiru.
Rohaaniin lammiileen biyyattii maaskii akka godhatanii fi baay'atanii walitti qabamuurraa akka of qusatan dhaamaniiru.
Pirezidaantiin Yugaandaa filannoo irratti kaadhimamaa ta'uuf deeggarsa sassaabbachaa jiru
Pirezidaantiin Yugaandaa Yoweerii Musevinii filannoo pirezedantummaa biyyattiin bara ittaanu gaggeessiturratti kaadhimamaa gochuun akka paartiin isaanii dhiyeessuuf deeggarsa gaafataa jiru.
Museeviniin hooggantoota biyyoota Afrikaa waggoota dheeraaf aangoorra turan keessaa tokko wayita ta’u, bara 1986 irraa qabanii aangoorra jiru.
Weellisaan Boobii Waayin jedhamu morkatasaanii cimaa wayita ta'u, lammilee biyyattirraa deeggarsa qabu.
Pirezedantiin Taanzaniyaa yeroo lammaffaaf biyyisaanii Covid-19 irraa bilisa jedhanii labsan
Pirezedantiin Taanzaniyaa Joon Magufuulin qondaltoota biyyatti magaala guddoo Dodomaatti walitti qabamanitti‘ Waaqayyoo kadhannaa keenya dhagaa’etu balleesinee jedhan.
Pirezedantichi tursitoonni biyya keenya ilaaluu yoo dhufan nagaadhaan biyya isaaniitti deebi’u jedhan.
Namoonni bilisa ta’uushii haa mirkaneeffatan,sana booda warri diinota keenyaa haasa’uu dhiisuu jedhan. Biyyatti keessatti namni maaskii keewwatus hin jiru, nuti du’a hin sodaannuu? jedhan.
Ji’a Caamsaarraa jalqabee Taanzaaniyaan lakkoofsa namoota qabamanii ibsuu dhaabdeetti.
Dhaabbanni Fayyaa Adduunyaa tarsimoo biyyattiin weerara Covid-19 to’achuurratti yaaddoo qabaachuu akeekkachiisera.
Ministirri Gaanaa wiirtuu filattonni itti galma’anitti dhukaasa bante
Ministirri guddinaa Gaanaa, Hawaa Koomson, wiirtuu filattoota galmeessu bulchiinsa ishee keessa jiru irratti ‘of olchuuf’ jecha dhukaasa banuu ishee amanteetti.
Miidiyaa biyyatti Adom News’tti akka himtetti, “poolisiin naannicha waan hin turreef dhukaasa akeekkachisaa” dhukaaste.
Ministirri kun namootni bulchiinsa ishee irraa hin taanee gara wiirtichaa dhufuun galmaa’uuf yaalaa akka jiran yeroo dhageessetti gara wiirtuu sana deemuu ishee dubbatti.
Akka gabaasa miidiyaa biyyattitti isa dura gartuun meeshaa hidhatan gara wiirtichaa seenuun doqdoqqeewwan achi jiran gubaniiru.
Komishiniiin filannoo biyyaaleessaa yeroo hin baramneef wiirtuu sanatti filattoota galmeessu addaan kuteera.
Gaanaan Muddee keessa filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf karoorfattee jirti. Pireezdaant Nana Akufoo-Addoo irra deebiin filatamuuf yaala jiru.
Folqolchaa 1989’n wal qabatee dhaddachii Omaar al-Bashir eegalame
Dhaddachi Piraazdaantii duraanii Sudaan Omar al- Bashiir, magaala gudditti Kaartuum keessatti eegaleera.
Himannaan irratti dhiyaatees fonqolchaa waraanaa bara 1989tti angootti isaan fide irrattidha.
Yoo himannaa kanaan yakkamaa ta’anii argaman pirazdaantiin waggaa 30’f Sudaaniin bulchan murtee du’aan adabamuu danda’u.
Dabalataanis Omaar al-Bashir Mana Murtii Yakkaa Idil Adduunyaatti yakka waraanaafi duguggaa sanyii lixa Daarfuuriin himatamanii jiru.
Bara darbee hiriira dimokraasii deeggaruun ji’ootaaf ba’ameen booda aangoorra bu'an.
Hidha Haaromsa Abbayaafi abdii qonnaan bultootaa
Chaayinaan imaltoonni balalii dura ragaa Covid-19 irraa bilisaa ta’uu dhiyeessu qabu jette
Bulchiinsi gaajjibaa xiyyaaraa Chaayinaa (CAAC) Wiixata akka ibseetti imaltoonni balalii isaanii dursanii yoo xiqqaate guyyaa shan dura qorannoo ‘nucleic acid test’ jedhamu gaggeesu qabu.
Qorannoon kunis kan gaggeefamu qabu dhaabilee biyyooti adda addaatti imbaasii Chaayinaan filatamaniifi raggaasifamaniin ta’uu akka qabu CAAC marsariitii isaarratti ibseera.
Imaltoonni raga koronaavayirasii irraa bilisa ta’uu isaanii agarsiisuu hin dhiyeessine gara Chaayinaa balali'uu hin danda’ni jedha.
Geejjibni qilleensaa gara Chaayinaafi achiis gara biyyoota kaaniitti eegalaniiru, ta’uus dhorkaawwan sochiifi imala addaan baafamuurra jiran kutaa biyyatti adda addaa keessatti garaa garidha.
Chaayina, biyyaa vaayirasichi bara darbe itti maddee, weerara kana baayyinaan to’achuu dandeesseetti.
Duula miidiyaalee hawaasummaa ergaa jibbaarraa bilisa gochuu