Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Namoonni Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argame 11,500 caale

Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin erga mul’atee kaasee kan Adoolessa 22, 2020 kan qabaman 452 dabalatee kuma 11,000 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hooggantoonni Afrikaa Hidhaa Abbayaa irratti har'a ni mariyatu

    Hoggantoonni Afrikaa Hidhaa Abbayyaa Itoophiyaa dubbii ijoo ta’ee jiru irratti Kibxata har’aa haasaa ni taasisu jedhamee eegama.

    Mariin kun mariiwwan Gamtaan Afrikaa jaarsummaan gaaggeessaa ture waligaltee malee xumuramuu isaan booda.

    Itoophiyaan hidhi kun uummaata miliyoonotaan lakkaawaman kan humni ibsaa malee jirataniif ibsaa kennuu danda’a abdii jedhu qabdi, Masriin garuu hidhi kun madda bishaanii ishee irratti rakkoo uumaa yaaddoo jedhu qabdi.

    Utuu waligalteen biyyootii sadan kana jiduutti hin uumamiin hidhaan gara waggaa kudhaniif ijaaramaa ture kuusuu bishaanii isaatti bishaan fudhachuu egaleera.

    Itoophiyaan ariitiin humna ibsaa uumuu barbaaddi, Masriifi Sudaan garuu maddii bishaanii akka hin hir’anneef raagaa mirkana’aa barbaadu.

    Kaanaan duras yaaliin waligalteerra ga’uu hin milkaa’iin hafeera.

    Yaaliin dhiyeenya Gamtaa Afrikaan taasisames xumurarra hin geenye. Pireezdaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa dabalatee hooggantoonni biyyooti afrikaa, adeemsichii maalirra akka jirufi tarii malli haaraan yaalamu danda’u yoo jiraate ilaalu barbaadu.

    Yeroo hojii eegalutti hidhi kun humna ibsaa meggaawaatii 6,000 maddisiisu danda’a, kunis Afrikaa keessatti hidhaa madda ibsaa (hydroelectric) isa guddaa isa taasisa.

  2. Erga Waxabajjiitii biqiltuun biiliyoona 2.9 dhaabameera - Ministeerri Qonnaa

    Dhuma torban jalqabaa ji'a Waxabajjiitti duulli biqiltuu dhaabuu magaalaa Hawaasaatti MM Abiy Ahimadiin erga eegalame hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 2.9 ta'u dhaabameera jechuun Ministeera Qonnaa waabefachuun Ejensiin Pireesii Itoophiyaa gabaase

    Daayireektarii Daayireektoreetii itti fayyadamaafi Misooma Qabeenya Uumamaa Ministeerichaa obbo Tafarraa Taaddasaa akka jedhanitti bara kana biqiltuuwwan biiliyoona 5.9 dhaabuuf qophiin godhamera.

    Saffisa kanaan biqiltuuwwan hanga kanaa dhaabuun kan danda'ames boolli biqiltuun itti dhaabatu biiliyoona 5.4 dursee waan qophaayefi jedhan.

  3. 'Tibba kana keessa gaheen keenya ummata tasgabeessuufi araarsuudha,' Luba Balaay Mokonnin

  4. Covid-19 Afrikaatti hammaachuu akka danda'u WHO'n akeekkachiise

    Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) tatamsa’inni koronaavaayirasii biyyootii Sahaaraa gadii Afrikaa keessatti dabalaa jiraachuu akeekkachiise.

    WHO “tatamsa’inni Covid-19 ariitiin guddachaa jira” Jedha.

    Dhaabbatichatti hoogganaan dhimma hatattamaa Maaykel Raayan wanti Afrikaa Kibbaatti uumamee jiru “ haala nama gaddisiisuun, kan dursaafi biyyootii Afrikaa birootti waan uumamuu danda’uuf akeekkachiisadha,” jedha.

    “Afrikaan Kibbaa haala hamaa keessa yeroo jirtutti, tarkaanfii hatattamaa fudhachuuf gargaarsi dabalataa hin godhamu taanaan kun wanta ardicha irratti uumamuu danda’uuf agarsiiftuudha jedheen yaada,” jedhan.

    Akka WHO jedhutti tatamsa’inni Covid-19 torbe darbe keessaa Afrikaa kibbaatti %30’n, Keeniyaatti %31’n Madagaskaaritti %50’n, Zambiyaatti %50’n akkasumasa Namibiyaatti %69’n dabaleera.

    Afrikaa keessatti hanga ammaatti namootni gara 597,223 kan Koronaavayirasiin qabaman ta’uufi namootni 9,691 ammoo lubbuun isaanii darbu gabaasni WHO ni agarsiisa.

  5. 'Mucaan ni boossi, ani harma hoosisuu hin danda'u,' Obboleettii Caaltuu Taakkalaa

  6. Manni maree Masrii loltoota Liibiyaatti erguuf murteesse

    Miseensonni mana maree Masrii loltoota isaanii gara biyya biraatti erguun kanneen yakkamtootafi shakkamtoota jedhu ‘dirree warra lixaa’ irratti loluun nageenya eegsisuuf sagalee kennuun raggaasiseera.

    Kun dhimma Liibiyaa ilaalatta, biyya kanatti Masriin Jeneraal Kaliifaa Haftaar kan magaalaa guddoo Tiripoolii gadhisuuf dirqame gargaaraa turte.

    Pireezdaant Tiraamp haalli Liibiyaa akka hin hammaanneef homaa gochuu hin qabnu jechuun Pirezdaant Abdel Fattah al-Sisi bilbilaan waliin hasa’anis Masriin murtee kana fudhatteetti.

    Torban darbe baha Liibiyaatti miseensonni paarlaamaa Haftaar deeggaran looltoonni Masrii akka gidduu seenaniif waamicha dhiyeessaniiru.

    Looltoonni Masrii waggaa gara soddomaaf biyyaa alaatti lolanii hin beekani.

  7. Gamtaan Awurooppaa marii guyyaa afuriin bajata diinagdee bayyanachiisurratti walta'e

    Hooggantootni biyyoota Gamtaa Awurooppaa weerara koronaavaayirasiin duuba maallaqa diinagdee isaanii bayyanachiisu ramaduurratti marii guyyoota afuriin booda walta'an.

    Waliigaltee kanaan biyyootni gamtichaa 27 maallaqa doolaara biiliyoona 859 arjoomaafi liqaan dhiyeessuun dhiibbaa diinagdee weerara kanaan dhufu dandamachuuf wal ta'an.

    Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon kun guyyaa seena qabeessaa jedhaniiru.

    Mariin Jimaata darbee eegale biyyoota weerara kanaan akka malee miidhamaniifi biyyoota baasii sodaatanii doqnooman gidduutti qoqqoodumsa uumameen waliigalteerra gahuun rakkisaa ta'e.

    Mariin kun biyyootni Awrooppaa hedduun uggura sochii kaahanii kan jiran ta'uu isaatiin marii isa jalqabaa aanga'ootni qaaman wal arganii mariyatan isa jalqabaati.

    Mariin kun Biraasalsitti kan eegale yoo ta'u erga bara 2000 marii isa dheeraati jedhameera.

    Bara 2000 mariin Firaans magaalaa Niisitti gaggeefame guyyoota shanitti xumurame.

  8. Tamsaasni kalattii eegale

    Ashamaa!

    Akkam bultan/ooltan?

    Gabaasni kallattii Kibxataa ammaa qabee odeessaalee wayitawoo biyya keessaa fi alaa isin biraan gaha.

    Nu hordofaa!

  9. Tamsaasni kallattii har'aa xumurame., Kibxata ganama walitti deebina.

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Wiixataa kanuma.

    Suuraa asiin gadii qola muuziirratti kaafameen nagaa isinitti dhaammanne.

    Gaaritti bulaa.

  10. Gaazexessaan beekamaa Zimbaabuwee hidhaa bu’e

    Gaazexessaan Zimbaabuwee qorannoo taasisuun beekamu Hopiweel Chinoono poolisiin hidhamuu ogeessi seeraa HRW mirkaneessite.

    Hanga bilbila lafa kaa’i poolisiin ittiin jedhutti gaazexessaan kuni hidhamuu isaa viidiyoodhaan waraabaa ture.

    Gaazexessaan kuni tibbana malaanmaltummaa koronaavaayirasiin walqabatee Ministeera Fayyaa biyyattii keessa raawwate jedhame saaxilee ture.

    Oduu sana booda pirezidant Emarsan Minaangaaguwaa Ministeera Fayyaa biyyattii Obaadiyaah Mooyo hojiirraa kaasaniiru.

  11. WHO: Yaaliin talaalliin irra gahe gaariidha, garuu ammallee ‘fagoo jirra’

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sadarkaa yaaliin talaallii koronaavaayirasiin irra gahe itti gammadus ammallee vaayirasicha irra-aanuf hojii hedduutu hafa jedhe.

    Qorattoonni Yunivarsiitii Okisfoord yaaliin talaallii koronaavaayirasii taasisaa turan abdii kan mul'ise ta'u har'a ibsanii turan.

    Ibsa har’a kennameen dhaabbatichatti Hogganaan sagantaa atattamaa Dr Maayik Riyaan saayintistoota qorannoo Yunivarsiitii Okisfoord keessaa qooda fudhatan galateeffataniiru.

    ‘’Waan gaariidha, garuu daandii dheeraatu hafa,’’ jechuun dubbatan.

    Si’ achi namoota hedduu irratti bal’inaan yaaliin akka taasifamu qabu dubbatan.

    Hanga ammaa yaaliin talaallii koronaavaayirasii 23 adeemsifamaa jira.

    Daarektarri Olaanaa dhaabbatichaa Dr Teedros Adihaanom gama isaaniin yaaliin talaallii milkaa’e hundaaf dhihaatuu qaba jechuun dubbatan.

    Garuu, biyyoonni kanaan faallaa dalagan jiru jechuunis qeeqaniiru.

    Hanguma yaaliin talaallii itti fufu, lubbuu namaa ammuma baraaruu qabna jechuun himan.

  12. Qondaalli Naayijeeriyaa malaammaltummaan shakkamanii qoratamaa turan gaggabanii kufan

    Qondaallii Naayijeriyaa fandii maallaqaa qisaasessuun shakkaman kun Daani’eel Poondii kan jedhamu.

    Kanaanis, paarlaamaa biyyattiitti argamanii akka ifa godhan taasifamaa ture. Wayita gaafatamanis TV irratti kallattiin tamsa’aa ture.

    Daarektarri komishinii Nijeer Deeltaa kun daqiiqa 45'f fe’amanii gaggabanii teessoorratti kufnaan, namoonni hedduun akka itti wayyaa’uuf itti hafarsaa turan.

    Namtichi akka hin fe’amne gargaaruuf ka’e tokkommoo harkasaa afaan obbo Poondii keessa buuse.

    Boodarra namoota lamaan qabamanii bahani.

    Daani'eel Poondiin baasiin bahe hin qisaasofne jedhanii dubbataniiru.

  13. Tiraamp pirezidantii Masrii waliin hidha Abbayyaarratti mari’atan

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraampiifi Pirezidantiin Masrii Abdal – Fattaah al-Sisii dhimma hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (GERD) irratti bilbilaan mari'atan.

    Rooyitars al-Siisii waabeffachuun akka gabaasetti dhimma Liibiyaarrattillee Tiraamp waliin mari’ataniiru.

    Dhimmoonni lamaan dhimmoota ijoo yeroo ammaa qalbii Masrii hawwatee jiru akka ta'e xiinxaltoonni himu.

    Tiraampiifi Siisiin dhimma Abbayyaarratti yoo bilbilaan haasa’an kuni kan duraa miti.

    • ‘Dhimmi marii Abbayyaa rakkoo godhannaan Tiraamp Sisiif bilbilan’
    • Hidhi Abbayyaa akkamiin bishaan guutama?

    Kana dura, jaarsummaa Ameerikaafi Baankii Addunyaan mariin biyyoota sadeeni taasifamaa ture yeroo milkaa’u dhabellee waliif bilbilanii turani.

    Qeeqxonni Ameerikaan Masriif loogdi jechuun qeequ.

    Itoophiyaanillee dhimma kana, kana dura ibsitee turte. Sababa kanaafis, baatii Guraandhala keessa xumura geesse mallatteessuu dhabde

    Ergasii booda mariin yeroo garaa garaatti taasifamaa ture hin milkoofne.

    Gidduutti Masriin dhimmicha gara Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii geessitee turte.

    Ta'us, manni marichi akkasumas biyyoonni kaan sadarkaa Afrikaatti akka furamu kallattii kaa'an.

    Ta'us, Gamtaa Afrikaa jalatti mariin guyyoota 11'f taasifamaa ture torban darbe milkii malee xumuramuun ni yaadatama.

    Haa ta’u malee, ergasii gabaasni Itoophiyaan bishaan guutuu eegalte jedhu ijoo dubbii ta’eera

    Itoophiyaan kana dura barana bishaan guutuun waliigalteerra gahu waliin wal hin qabatu jechaa turuun ishee ni yaadatama.

    Guyyaa bori, Kibxata, dura taa'ummaa Pirezidantii Afrikaa Kibbaafi Dura taa'aa Gamtaa Afrikaa kan ta'an Siriil Raamaapozaan mariin hidha abbayyaa torban sadii dura taasifame ture itti fufee gaggeeffama.

    Mariin kunis waan biyyoonni sadan mari'atanii irra gahan ni xiinxala jedhamee eegama.

    • Itoophiyaan bishaan guutuu eegaltemoo hin eegalle?
    • Hawwii ibsaa argachuufi yaaddoo bishaan dhabuu lammiilee Itoophiyaafi Masrii
  14. Namoonni dabalataa 304 Itoophiyaatti koronaavaayirasiin qabamani

    Ministeerri Fayyaa Itoophiya qorannoo 5,056 sa’aatii 24 keessatti taasiseen namoota 304 irratti vaayirasicha argachuu beeksise.

    Kanaanis, lakkoofsi waliigalaa kanneen irratti argame 10,511 gaheera

    Kanneen keessaa ammallee guddichi magaalaa guddoo biyyattiitti galmaa’e.

    Finfinnee 157, Oromiyaa 46, Tigraay 36, Gaambeellaa 26 akkasumas Afaar 17 kanneen baay’inaan galmeessan keessaati.

    Namoonni 3 dabalataan kan du’an yoo ta’u lakkoofsi namoota hanga yoonaa vaayirasichaan Itoophiyaatti du’anis 173 gahe.

    Namoonni 153 immoo bayyanataniiru. Lakkoofsi waliigalaa kanneen bayyanataniis 5,290 ta'eera.

    Kunis, kanneen qabaman keessaa walakkaa jechaadha.

    Waliigala hanga yoonaa qorannoon 336,322 taasifamu ministeerichi ibseera.

  15. Itoophiyaatti cuuciiwwan indaaqqoo '600,000 ol dhabamsiifaman'

    Itoophiyaatti cuuciiwwan hindaaqqoo 600,000 ol hoteelonni hojiin isaanii sababa weerara Covid-19’n jalaa gufannaan dhabasifamuusaanii Royitars gabaase.

    Dhaabbanni Itiyoo-Chikiin jedhamu magaala Finfinneetti qofa cuuciiwwaan 650,000 caalan ji’a Caamsaa fi Waxabajjii gidduutti ajjeesuu beeksise.

    Akka biyyattis cuuciiwwaan lakkoofsi isaanii kanaa caalan otoo hin yaafamiin ajjeefamaniiru.

    Hoogganaan dhimma gabaa dhaabbatichaa obbo Fissahaa Tasfuu akka himanitti, killee hedduu iddoo cuucii keessatti yaasisan keessaa baasuu himan.

    Rakkoon horsiisa indaaqqoorra qaqqabe dhiibbaa diinagdee weerarri dhibichaa qaqqabsiisaa jiruuf agarsiiftuu ta’uun ibsameera.

  16. Biyya Afrikaa namoota seera Covid-19 ittisuuf bahe 'cabsan' 100,000 hiite

  17. Mandara qubannaa maqaa Covid-19’n fi Saanitayizar jedhuun moggaafaman

    Afrikaa Kibbaatti mandarri qubannaa seeraan ala magaalaa Keeptaawon biraatti ijaarame maqaa kana argataniiru.

    Namoonni mandara kana magaalaa Keeptaawon qarqaratti hundeeffatan kun sababii weerara dhibeetiin galiin argataa turan dhabanii, kiraa manaa kaffalachuu dadhabnaan madara kana ijaaran.

    Mandarri seeraan ala ijaarame kun maqaa Covid -1 jedhurraa qabee amma Covid-19 tti moggaafaman qaba.

    Manneen seeraan alaa kun harki caalaan isaanii qorqorroorraa hojjataman.

    Achumatti mandarri qubannaa kan biraan 'Sanitaayizar 'jedhamus jira.

    Kunis dhiibbaa vaayirasichi hawaasarratti qaqqabsiise kan agarsisuudha.

    Bulchitoonni naannoo mandarri qubannaa seeraan ala ijaaraman dabalaa jiraachuu kaasan garuu, akka hin ijaaramne dhaabsisuun ulfaataa ta’uu ibsaniiru.

    Dubbiin lafaa guutummaa Afrikaa kibbaatti madda waldhabbii wayita ta’u,caaseffamni sirna bulchiinsa appartaayidii gurraachota moggaatti dhiibuun hojii barbaachaaf qarqara magaalota biyyatti akka qubatan taasisera.

    Ammatti sababii weerara vaayirasiin lammiileen biyyatti miliyoona sadii caalan wayita hojii dhabsiisetti,biyyattin weerara vaayirasichaa haalaan dabale wajjin qabsootti jirti.

  18. Amma nu gahe, Yaaliin talaallii Covid-19 Yun. Okisfordiin qophaa’e abdii mul'ise

    Yaaliin talaallii koronaavaayirasii Yun. Okisfordiin qophaa’e nageenya namaaf miidhaa akka hin qabneefi humna dhukkuba ofirraa ittisuu namaa akka ijaaru qorannoon ibse.

    Talaalliin kuni namoota 1,077 irratti yaalameera.

    Bu’aa qorannoo amma ibsameen namoonni wal’aansa yaalii fudhatan humna ofirraa ittisuu akka cimsataniifi seeliin adii isaanii akka ijaaramu gargaaruun isaa ibsameera.

    Talaalliin kuni abdachiisaa ta’us, fuuladuratti yaalii itti fufuf gahaa ta’un isaa ammatti hin beekamne.

    Uk’n doozii talaallii kanaa miiliyoona 100 ajajjeetti.

    Talaallii kana Yunvarsiitiin Okisfoord dhaabbata AstiraaZenekaa waliin tahuun namoota hedduu hirmaachisuun gaggeessaa ture.

    Qorattoonni hedduun talaalliin koronaavaayirasii walakkeessa bara 2021 bal’inaan dhala namaaf ni dhiyaata jedhanii tilmaamu.

  19. Badhaasni Noobelii Nagaa MM Abiy Ahmad fudhatan akka irraa mulqamuu gaafatame

  20. Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii mil. 14.5 tare

    Guutummaa addunyaarratti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa’e miliyoona 14.5 ol ta'e.

    Kanneen dhibee kanaan walqabateen lubbuun isaanii darbe ammo 600,000 qaqqabeera akka ragaa Yunvarsiitii Joon Hopkiinsiitti.

    Tibba kana ammoo biyyoota addunyaarratti namoonni koronaavaayirasiin qabamanii deebiyee dabalaa waan dhufeef tarkaanfiiwwan itti aanan kunneen fudhatamaniiru:

    Hong Kong- Erga namoonni baay’een koronaavaayirasiin qabamanii tarkaanfiiwan of eegannoof fudhataman deebiyanii jabaataniiru.

    Bakkeewwan ummanni itti baayyatee wal gahutti maaskii afaaniifi funyaan haguugu godhachuun dirqama ta’eera.

    Awustiraaliyaa- Kutaa bulchiinsa Viktooriyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii waan dabaleef hoteelota adda baafamanii keessa tursiifamanitti seerota bahan cabsuun tatamsa'ina dabaluun isaa qoratamaa jira.

    Faransaay- Bakkeewwan gurgurtaa shaqaxawwan, manneen nyaataafi baankiiwwan keessatti maaskii godhachuun dirqama ta’eera.

    Namni maaskii hin godhanne ammoo dolaara 122 adabama.

    Gamtaa Awurooppaa- Biyyoonni miseensa Gamtichaa miidhaa dinagdee sababa weerara koronaavaayirasiin qaqqabe dandamachuuf maallaqa barbaachisurratti marii isaanii akkuma itti fufanitti jiru.