Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste

Humni Waraanaa Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeesseen komaandara humna Hamaas Jabaaliyaa Bataaliyoon jedhamuu kan ta'e Yaahyaa al-Mabhouh dabalatee miseensonnisaa jaha ajjeefaman.

Guduunfaa

  • Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa cimaa eegaluu beeksifte
  • Guutummaa UStti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman mormii farra Tiraamp 'No Kings' jedhutti makaman
  • 'Israa'el Gaazaatti haleellaa qileensarraa gaggeessite'
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa atoobisiirratti raawwatteen namoonni 11 ajjeefaman
  • Sirni awwaalcha Raayilaa Odingaa gaggeeffamaa jira
  • Maanguddoon Oromoo TikTok irratti qoosaa dhiyeessaniin jaalala horatan maal jedhu?
  • Lammiin Ameerikaa balleessaa malee waggaa 40'f hidhame biyyaa arii'atamuuf
  • Zeleniskiin misaa'ela Tomahawik barbaacha waashingitan deemus harka qullaa deebi'e
  • Lammiileen Raashiyaa waayee marii nagaa Tiraampiifi Putiin maal jedhu?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namoota Hamaas Israa'el keessaa bute deebisuun sa'a 72 fudhachuu mala

    Mariin torban kanaa fi kan marsaa jalqabaa karoora nagaa Tiraamp baase irratti kan xiyyeeffatu taha.

    Kunis akkamiin lammiilee Israa'el butamanii harka Hamaas jiran gadhiisuun, Israa'el ammoo lammiilee Filisxeem gadhiisuti kan jedhu irratti dubbatu.

    Irra caalaan isaa tajaajila loojistikii mijeessuudha. Yoomii fi eessatti waliif kennamu kan jedhu irrattis dubbatu.

    Dabalataan Waldaan Qaxxaamura diimaa akkamiin gidduugaluun hojjeta kan jedhu irrattis dubbatu.

    Tiraamp garuu waan ku,n hunduu ariitiidhaan akka tahu barbaadu.

    Namoonni Hamaas fudhatee lubbuun jiran gara 20 tahan ariitiidhaan akka gadhiifaman kan jedhu dursa argateera.

    Warreen du'an reeffa isaanii kennuun yeroo dheeraa gaafachuu mala. Sababni isaas hamaas sababa haleellaa Israa'eliin eessa akka jiranii fi caccaba gamoo kam jalatti akka hafan hin beeku.

    Kuni sa'a 72 ol fudhachuu mala. Hamaas maashinoota gurguddoo gaafachuun gamoo jijjige jala qotuun barbaaduuf jedha.

  2. Fannoon Diimaa namoota butaman deebisuufi gargaarsa Gaazaa geessuuf qophiidha jedhe, 'Saatii 24 darban keessa Filisxeemonni 21 ajjeefamaniiru'

    Yeroo mariin nagaa Israa'eliifi Hamaas gidduutti Masiriitti jalqabuuf jedha ajirutti, Koreen Fannoo Diimaan Addunyaa (ICRC) namoota Hamaasiin butaman deebisuu fi gargaarsa gara Gaazaa geessuuf qophii ta'uu hime.

    Dhaabbanni Miti-mootummaa kun namoota Gaazaa keessatti butamaniifi Israa'el keessatti hidhamanii jiran waliif deebisuu keessatti gidduu senee hojii namoomaa hojjechuudhaaf akka qophaa'eeru dubbate.

    ICRC erga Onkoloolessa 2023 as namoonni butaman 148 akka gadhiifamaniif, bakka isaanii ammoo namoonni Israa'elitti hidhaman 1,931 akka gadhiifaman, akkasumas reeffi akka deebiyuuf haala mijeessaa tureera.

    "Lubbuu baraaruufi maraammartoo du'aafi mancaatii keessaa ba'uuf guutummaatti dhukaasa dhaabuun barbaachisaadha," jedhan pirezidantiin ICRC Miriyaanaa Ispoolyaarik.

    "Nuti gargarsa Gaazaa galchinee namoota nagaa gargaasi barbaachisuuf karaa naga qabeessa ta'een rabsuudhaaf qophiidha," jedhan. .

    Saatii 24 darban keessa, namoonni 21 Gaazaa keessatti ajjaafamanii, kanneen 96 ta'an ammoo madaa'uu ministeerri fayyaa hamaasiin hogganamu ibseera.

    Haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 Hamaas kibba Israael irratti raawwateen booda deebii kennuuf duula humni waraanaa Israa'el baneen lakkoofsi namoota ajjeefamanii 67,160tti guddateera jedhe ministeerici.

    Kanneen ajjeefamaniifi madaa'an baayyeen isaanii tajaajilli baraaruu yeroo ammaa qaqqabuu waan hin dandeenyeef gamoo jige jala jiru jedheera ministeerri kun.

  3. Tiraamp mariisistoonni marii nagaa Gaazaa murteessa ta'e hatattamaan akka jalqaban gaafatan

    Tiraamp mariin nagaa Gaazaa barbaachisaa ta'e jalqabuuf waan jiruuf mariisiftootni 'saffisaan tarkaanfii akka fudhatan' gaafatan

    Marii nagaa al-kallattiin Hamaas fi Israa'el gidduutti taasifamuu Wixata kana Masriitti waan eegaluuf, giddu galeessitoonni waldhabdee Gaazaa furuuf tattaaffii taasifamu keessatti hirmaattan hundi "saffisaan tarkaanfii akka fudhattan" jedhan Tiraamp.

    Mariin kun Hamas yaada nagaa Ameerikaa qabxii 20 qabu kan namoota butaman gadhiisuu fi bulchiinsa Gaazaa bulchiinsa Siivilitti dabarsuu kan dabalatu yoo ta'u, dhimmoota biroo irratti mari'achuuf walii galuu isaanii hordofee kan taasifamuudha.

    Deebiin garee kanaa gaaffii murteessaa hidhannoo hiikkachuu fi gahee isaan gara fuulduraatti Gaazaa bulchuu keessatti qaban hin ibsine.

    Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti mariin kun ''baay'ee milkaa'aa'' ta'uu ibsuun, ''marsaan jalqabaa torban kana xumuramuu akka qabu naaf himamee jira, namni hundis dafee tarkaanfii akka fudhatu gaafachaa jirra'' jechuun eeraniiru.

  4. Israa'el Gireettaa Taanbarg fi aktiivistoota doonii Gaazaa seenuuf turterraa qabaman biroo 170 biyyatti ari'atte

    Israa'el GireettaaTaambarg fi aktiivistoota biroo 170 osoo gargaarsa gara Gaazaa geessaa jiranii karaatti qabde biyyasaaniitti deebisaa jiraachuu himte.

    Namoonni 470 ta'an bidiruuwwan 40 gargarsa qaqqabsuuf yaaluuf Gaazaa deemaa osoo jiranii ture kan qabaman.

    Miseensonni garee kanaa duraan gara biyysaaniitti akka deebiyan taasifaman gariin yeroo Israa'el keessa turanitti akka hin taanetti qabamaa turuu dubbatan.

    Ministeerri dhimma alaa Israa'el gama isaatiin fuula X isaarratti akka barreessetti, namoonni qabamanii turan kunneen mirgi seeraan qaban kabajamuufiif kaasuun, himannaa isaan dhiyeessan "soba" tamsaasaa jiru jedhe.

    Dhimma jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun duula gaggeessituun kan beekamtu Gireettaa Taanbarg osoo gara Gaazaa deemtuu Israa'eliin qabamtee biyyatti yeroo deebifamtu kun yeroo lammafaatiifidha.

    Israa'el akka jettetti, namoonni 171 gara Giriikiifi Silovaakiyaatti ergaman kunneen lammilee Giriik, Xaaliyaan, Faransaay, Ayerlaand, Siwiidin, Polaand, Jarmanii, Bulgaariyaa, Lutiiniyaa< Awustiriyaa, Luuzenbarg, Finlaand, Denmaark, Silovaakiyaa, Siwiizelaand, Noorwey, UK, Serbiyaa fi Yunaatid Isteetirraati.

    Kana daawwadhaa

  5. Rakkoon Liiverpuul ammaa maaliif Mohaammad Saalaadha jedhame?

    Bara darbe Liiverpuul waancaa Piriimer Liigii akka injifatuuf shoora olaanaa kan bahate Mohaammad Saalaa bara kana ammoo kilebichaaf ''rakkoo taheera'' jedhame.

    Leenjisaan Liiverpuul Arnee Isloot achuma dhaabadhuu kubba siif darbu eegii galchii lakkoofsisi jedhee yoo Saalaatti himeera tahe nan hubadha. Bakkichatti dandeettii akkamii akka qabu waan beeknuuf jedhe xiinxalaan kubba miilaa Daanii Marfii.

    Garuu taphataan duuba isaa ittisa irra taphatu haguuggii guddaa waan isaaf hin kennineef Liiverpuul baay'ee akka saaxilamu isa taasiseera.

    Erga Aleeksaander Arnoold kilebicha gadhiisee bahee taphataan haala gaariin duuba Mohaammad Saalaa irraa ittisa cimaa fi kubba bareedaa ammoo dabarsee kennu ammayyuu hin argamne.

    Firiimpoong, Konor Biraadilii fi Doominik Sooboslaay bakkicha irra taphataa jiru.

  6. Ruwaandaan ijoolleen waggaa 15 hayyama maatii malee kininii ulfa itisuufi kondomii akka argatan gochuuf

    Ruwaandaa keessatti ijoolleen umuriin isaanii waggaa 15 guute karaa ogeessota fayyaatiin hayyama maatii osoo hin barbaachisiin kininii ulfa ittisuufi kondomii akka argachuu dand'an gochuufidha.

    Kanneen tarkaanfii kana deeggaran seerri haaraa kun ulfa ijoollummaa ittisuuf gargaara jedhu. Haata'u malee, hawaasa amantiifi kanneen miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uumuun beekaman ammoo mormaniiru.

  7. Dhimma ulaa galaanaa fi rakkoo nageenya biyya keessaarratti Pirezidant Taayyeen maal jedhan?

    Barri hojii haaraa mana maree lameenii, Mana Maree Fedreeshinii fi Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa pirezidaantii biyyattii Ambaasadar Taayyee Asqesillaasee bananiiru.

    Pirezidaanti Taayyeen Hidha Haaromsaa Guddicha eebbisiisuun, qabeenya uumamaa keessaa Gaazii uumamaa baasuu jalqabnedha. Bara kana piroojektota gurguddaa itti jalqabne fi boqoannaa haaraa itti eegalle tahuun seenaa keessatti kan yaadatamu tahuu shakkii hin qabu'' jedhan.

    Jijjiiramaan dura dinagdeen Itoophiyaa liqaa guddaa keessatti kan kufee fi biyya rakkoo liqaa keessa galche ture.

    Mootummaan rakkoo faayinaansii turan kan qajeelchu sirreeffama haaraa godheera. Galii mootummaa fi sharafa alaa guddisuun danda'ameera. Dinagdee damee hedduu irratti hirkate gochaa jira.

    Itoophiyaan liqaa keessaa akka baatuuf hojiin hojjetame guddaa tahuu kan kaasan Pirezidaanti Taayyeen qonna irrattis hojii mootummaan Itoophiyaa hojjechaa jiru jajaniiru.

  8. Gareen maatii namoota butamanii Tiraamp badhaasa Noobeelii Nagaa akka argatuuf gaafate

    Gareen maatii namoota Gaazaatti Hamaasiin butamanii Pireizant Doonaald Tiraamp badhaasa Noobeelii Nagaa akka argatuuf gaafate.

    Gareen namoonni Gaazaatti butamanii fudhataman akka deebiyaniif falman kun "gumaata nageenya addunyaa gita hin qabne taasisaniif" Tiraamp akka mo'achuu qabuuf gaafachaa jira.

    Fooramiin Maatiin Namoota Butamaniifi Achi Buuteen Dhabamee karoora pirezidaantichi walitti bu'iinsicha dhaabsisuun namoonni butaman akka gadhiifaman qaban kaasuun: "Ji'oota baayyee keessatti yeroo jalqabaatiif, yaaddoon keenya fala argachuuf deema jennee abdanna" jechuun Koree Noobelii Noorwajiyaaniif barreessan.

    Gaazaatti namoonni 48 kan butaman yoo ta'u, isaan keessaa 20 kan ta'an lubbuun jiru jedhamee amanama. Akka qaama karoora Tiraampitti, namoonni butaman kunneen Filisxeemota hidhaa jiran dhibbaan lakkaa'aman waliin wal jijjiiruun gadhiifamu.

    "Waggaa darbe kana, gaggessaan ykn dhaabbanni Pirezidant caalaa nagaan addunyaarratti akka bu'u gochuuf gumaache hin jiru.

    Badhaasa Noobelii Nagaa bara kanaa eenyu akka fudhatu Jimaata ibsama.

  9. Qonna Itoophiyaa araada xaa'oon qabamee fi fedhii dabalaa dhufe Daangooteen furuu malaa?

    Obbo Xiiqii Cuqqaalaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaatti qonnaan bulaa ganda Jaarraa Goorooti. Isaanis ijoollummaadhaa hanga amma umuriisaanii maanguddummaa jiran kanatti hojiin isaan hojjetan qonnauma.

    Lafti isaanii xaa'oo xiqqaan omisha kennu adadumaan xaa'oo baayyee gara barbaaduutti siqaa deeme. Baayyina qofa osoo hin taane gatiin xaa'oos akkasuma baraa baratti oluma.

    Waggoota lamaan darban xaa'oo gatii olka'aan bituu caalaa isuma argatanii bitachuunuu qorumsa ture jechuun himu.

    "Baranallee dhiheessii gaariitu jira. Waggoota lamaan darbe kana namni xaa'oo hiriiree argachuuf torbee tokkoof mana osoo hin galle dabarsaa turre. Dhiheessiin xiqqaadha dabareen ammoo garmalee ture" jedhan.

    Kana malees yeroo omishni itti faca'u eegee qaqqabuu dhabuunis qorumsa qonnaan bultooni akka obbo Xiiqii keessummeessaa turani.

  10. Ministirri muummee Faransaay osoo ji'a tokko hin guutiin aangoo gadhiisan

    Ministirri muummee Faransaay Sebaastiin Lekornuu kaabineen isaanii ifa ta'ee guyyaa tokkoon booda osoo ji'a tokko hin guutiin aangoo gadhiisan.

    "Akka ministira muummeetti itti fufuudhaaf haalli jiru naaf hin guutamne," jedhan Lekornuun Wixata ganama, paartileen siyaasaa waliigaltee kennanii fudhachuurra gahuuf fedhii dhabuusaanii qeeqaa.

    Masaraan mootummaa Eelsii erga Lekornuun Wixata barii kana saatii tokkoof pirezidant Emaanu'eel Maakiroon waliin wal arguun turtii taasisaniin booda beeksise.

    Oduun nama naasise kun Lekornuun mootummaan Firanshiyes Baayiruu duraanii diigamuu hordofee aangoo ministira muummeetti filamee guyyoota 26 keessatti dhaga'ame.

  11. 'Jireenya kee balleessuuf qullaa kee fi waan hunda qaba': Gochaa rifaasisaa ijoolleerratti xiyyeeffate

    "Jireenya kee balleessuudhaaf qullaa kee fi waan hundan qaba".

    Ergaan nama naasisu akkasii kun karaa miidiyaa hawaasaa ol adeemaa US Evaan Bootiler bira gahe. Kan erge ammoo kan duraan dubara ol adeemtuu akka taatetti amanamtu garuu hattuu saayibarii ta'erraati.

    Ergaan kun inni jalqabaa isa qaqqabee daqiiqaa 90 booda daa'imni umuriin isaa waggaa 16 ta'e of ajjeese.

    Yakkawwan gowwomsaa saal-qunnamtii waliin walqabatan (Sextortion - sexual extortion) toora interneetii (online) irratti baayyee saffisaan dabalaa dhufeera.

    Yakka kanaaf kan saaxilaman yeroo baayyee ijoollee ol adeemoo ta'an US fi Awurooppaa keessatti suuraa fi viidiyoowwan icciitii dhuunfaa isaanii akka erganiif sossobamu. Gowwoomsitoonni saayibarii (syber scammers) garuu mallaqa kaffaluufiif baannaan suuraafi viidiyoo kana isin jalaa dabarsinee kennina jechuun doorsisu.

  12. Poolisiin Tiraafikaa Itoophiyaa balaa Tiraafikaan du'e

    Komishiiniin Poolisii magaalaa Finfinnee, poolisii Tiraafikaa magaalichaa kan ta'an Inispeektar Tarrekanyi Yadasaa osoo hojiirra jiranuu balaa Tiraafikaa muudateen lubbun darbuu ibseera.

    Akka ibsa gaddaa komishiinii Poolisichaatti Inispeektar Tarrekanyi Fulbaana 04, 2025 osoo hojii irra jiranii balaa tiraafikaatiin addunyaa kanarraa darbe.

    Poolisiin Tiraafikaa kun leenjii poolisii erga fudhatee booda, ALI Ebla 1999 Komishiinii Poolisii magaalaa Finfinneetti makame. Ramaddii adda adda irratti erga tajaajilees Adoolessa 2006 irraa eegalee miseensa Tiraafikaa lafoo ta'uun hojjataa turan.

    Adoolessa 2010 boodammoo poolisii tiraafikaa motoraa ta'uun waggoota waggoota darbaniif hojii nageenya Tiraafikaa eegsisuu gahumsaan raawwachaa akka turan ibsi kun kan eeru.

    Miseensa isaa tasaa dhabuutti gadduu kan ibse Komishiiniin poolisii kun rreenfii isaanii gara magaalaa dhaloota isaanii Ambootti geeffamuu eerera

  13. Garee Hamaas mariif taa'u kan dursu nama Israa'el ajjeesuuf yaaltedha

    Mariin al-kallattii Hamaasii fi Israa'el gidduutti Masitiitti gaggeeffamuuf jedhu jalqabuuf jedha.

    Garee Hamaas kan dursu ammoo nama Israa'el dhiyeenya Kaataar keessatti boombii irra buustee ajjeesuuf yaaltedha.

    Ameerikaa kan bakka bu'u Baha Gidduugaleessaatti Ergamaa Addaa US, Istiiv Wiitkoof fi soddaa Tiraamp, Jaared Kuushneridha.

    Kaataar irraa mariisisuuf kan argamu Ministera Dhimma Alaa, Sheek Mahaammad bin Abdulrahaamaan Al Taaniidha.

    Neetanyahuun ammoo gama Israa'eliin kan garee isaanii dursu ministera Istraateejii biyyattii Roon Dermer jedhan.

    Gareen Hamaas ammoo nama Israa'el tibbana Kaataar keessatti ajjeesuuf yaalte Kaliil al-Haayaan durfama.

    Haleellaa Israa'el Dohaatti raawwatteen namoonni shan ajjeefamaniiru.

    Ilmi Kaliil al-Haayyaa haleellichaan ajjeefameera. Hamaas hoggansi isaa haleellaa Israa'el kana jalaa ooluu ibseera.

  14. Mootummaa Filisxeem walaba ta’e hundeeffamu malee Bahi Giddu Galeessaa nagaa hin ta'u-Alsiisii

    Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattah Al-Sisi, “nageenyi dhugaa Baha Giddu Galeessaa keessatti kan argamu mootummaa Filisxeem walaba ta’e hundeeffamuun akkaataa seera qabeessummaa idil-addunyaatiin mirgi isaanii yoo eegame qofa jedhaan.

    Haasawa Pirezidaanti Sisiin har’a waggaa 52ffaa Waraana Onkoloolessa 1973 sababeeffachuun televijiinii biyyattii irratti tamsa’e irratti "Nageenyi humnaan raawwatamu haaloo qofa kan horatu yoo ta'u, nageenyi haqa irratti ijaarame ammoo idileessummaa dhugaa fi waliin jireenya itti fufiinsa qabu ummatoota gidduutti argamsiisa" jedhan.

    Pirezidaanti Siisiin haasaa isaanii keessatti, "waggoota lamaaf waraana, duguuggaa sanyii, ajjeechaa fi badiisa booda" Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuuf jalqabbii taasifamaa jiru gaarii ta'uu fi ga'ee Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, dinqisiifataniiru.

    Masriin sa'aa muraasa booda marii al-kallatti Hamaas fi Israa'el gidduutti taasifamuuf qophii taasisaa kan jirtuu yoo ta'u, bakka bu'ootni Hamas, Kaataar fi Masrii maricha irratti akka hirmaatan mirkanaa'era.

    Mariin kun haala karoora dhukaasa dhaabuu pIreezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhiyeessanii fi mala raawwii isaa irratti kan xiyyeeffatu ta’uu qondaalli olaanaan Filisxeem marii kana keessa beeku BBC'tti himaniiru