Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste

Humni Waraanaa Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeesseen komaandara humna Hamaas Jabaaliyaa Bataaliyoon jedhamuu kan ta'e Yaahyaa al-Mabhouh dabalatee miseensonnisaa jaha ajjeefaman.

Guduunfaa

  • Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa cimaa eegaluu beeksifte
  • Guutummaa UStti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman mormii farra Tiraamp 'No Kings' jedhutti makaman
  • 'Israa'el Gaazaatti haleellaa qileensarraa gaggeessite'
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa atoobisiirratti raawwatteen namoonni 11 ajjeefaman
  • Sirni awwaalcha Raayilaa Odingaa gaggeeffamaa jira
  • Maanguddoon Oromoo TikTok irratti qoosaa dhiyeessaniin jaalala horatan maal jedhu?
  • Lammiin Ameerikaa balleessaa malee waggaa 40'f hidhame biyyaa arii'atamuuf
  • Zeleniskiin misaa'ela Tomahawik barbaacha waashingitan deemus harka qullaa deebi'e
  • Lammiileen Raashiyaa waayee marii nagaa Tiraampiifi Putiin maal jedhu?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Xiyyaaronni waraanaa ammallee marsaa jiru’: Haadha Gaazaa waliigaltee dhukaasa dhaabuurratti

    Amaal Albadlaa haadha Gaazaa keessatti argamtu yoo taatu ilmishee quxisuun Onkoloolessa 7 dhalate.

    Ganama har'aa oduu waliigaltee dhukaasa haraa kanaarratti deebii jalqabaa kenniteetti.

    Kibba Gaazaa Mawasii Al Qarararraa yeroo nutti dubbatte akkas jetti: “Dhumarratti kana jechuu kooyyu amanuu hin danda’u, waggaa lamaaf beela, badiisaafi kasaaraa dhuma hin qabne booda waraanni kun xumurameera.”

    “Dhumarratti ilmaan kootti himuu nan danda’a: amma nagaa qabdu.”

    Garuu deebiishee jalqabaa erga nuuf ergitee sa'aatii muraasa booda waan haraanuuf ergiteetti.

    “Xiyyaaronni waraanaa ammallee mataa keenyarra balali’aa jiru, dhugumatti baay’ee sodaadheera,” jetti.

    Akkuma gabaasaa turre, haleellaan Israa'el Gaazaa keessatti itti fufee jira, sababiin isaas kaabineen Israa'el waliigaltee kana mirkaneessuuf sagalee hin kennine.

  2. 'Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti galuuf carraa xiqqaatu jira' - Asaffaa Abrahaa

    Naannoo Tigraay irraa namoota Waliigaltee Piritooriyaa mallatteessan keessaa tokko kan ta'an Obbo Asaffaa Abrahaa gaaffii fi deebii BBC Tigrinya waliin haala yeroo irratti taasisaniin Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waraanni banamuuf ''carraan guddaan jira jedhee hin yaadu'' jedhan.

    Itoophiyaa fi Eertiraan irra deddeebiin himannaa afaanii cimaa walirratti gaggeessaa jiru. Gara waraanaatti galuu danda'u kan jedhu yaaddoon guddachaa dhufeera.

    Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Fulbaana 2, 2025 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif xalayaa barreesseen, mootummaan Eertiraa fi Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Itoophiyaa irratti "waraana labsuuf" "waliin hojjechaa jiru" jechuun himate.

    Xalayaa kana keessatti ministeerichi qaamonni lamaan yaaliin hidhattoonni Fannoo tibbana magaalaa guddoo Wolloo Kaabaa Woldiyaa to'achuuf taasisaa turan keessatti hirmaachuu isaanii himateera.

    Xalayaan Ministirri Dhimma Alaa Gediyoon Ximootiwoos barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereeziif barreessan kun, "ji'oota muraasa darban keessatti gamtaan mootummaa Eertiraa fi murna finxaaleyyii TPLF gidduu jiru daran ifa ta'aa dhufeera" jedha.

  3. Tiraamp sanbattanirra Israa’el fi Masirii daawwachuuf

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp sanbattan dhufu kanarra Iraa’el fi Masirii daawwachuuf akka jiru Ameerikaatti michuun BBC CBS News gabaaseera.

    Gaafa Roobii pirezidaantichi Baha Giddu-galeessaa akka daawwatu yaada kan kenne yoo ta’u, biyyoota kanneen lamaanitti argamuun isaas qama daawwannaa kanaati.

    Daawwannaan isaa Baha Giddu-galeessaa kun Gaazaa dabalataa jedhamee kan gaafatame Tiraamp, “tarii daawwachuu nan danda’a” jechuun deebise.

  4. Ertiraafi TPLF himannaa Itoophiyaa "waraana labsuuf waliin hojjachaa jiru'' jedhu haalaan

    Ertiraa fi gareen TPLF "waraana labsuuf" waliin hojjechaa jiru jechuun himannaa mootummaan Itoophiyaa irratti dhiyeesse haalaniiru.

    Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa xalayaa UN'f barreessen mootummaan Ertiraa fi Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) " adda "Tsimdo" jedhamu ijaaruun Itoophiyaarratti waraana banuuf qophaayaa jiru jechuun himateef deebii kennan.

    TPLF xalayaa kaleessa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif ergeen, "Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa himannaa sobaa fi madaala siyaasaa hin qabne TPLF fi ummata Tigraay irratti dhiheesse" jedheera.

    "Himannaan sobaa akkasii mootummaan federaalaa irra deddeebiin Waliigaltee Piriitooriyaa cabsuu irraa darbee burjaajjii uumuun xiyyeeffannaa dhabsiisudha'' jechuun beeksisee.

    Ministirri Odeeffannoo Ertiraa, Yamanee Gabremeskel, fuula X isaaniirratti, Xalayaan Itoophiyaan UN'f barreessite qeequun, "himata dogoograa ija jabinaan guutamee'' jechuun ibsan.

  5. Finfinneetti shakkamtootni nagahee sobaan hanqaaquu hatuuf turan to’ataman

    Akka daariktareetiin waliigalaa poolisii Magaalaa finfinnee jedhetti, shakkamtoonni nagahee baankii moobaayilaa sobaa fayyadamuun hanqaaquu super markeetii irra bituuf turan fi namni nagahee kana qopheesse to'annoo poolisii jala oolaniiru.

    Shakkamtoonni kunneen Onkoloolessa 5, 2025 yakka gowwomsaan hannaa raawwachauuf utuu yaalanii supermaarkeetii guddaa naannoo Boolee, aanaa 7 keessatti argamutti to’annoo jala oolan.

    Shakkamtoonni lamaan kun yeroo adda addaatti maamila fakkaachuun gara supermaarkeetichaa deeddeebi’aa kan turan yoo ta’u hanqaaquu birrii kuma 5 hanga kuma 10 ajajuu fi nagahee baankii moobaayilaa sobaa fayyadamuun daldala raawwachaa turaniiru.

    Hojjettoonni supermaarkeetichaas maallaqni herrega isaaniitti galfamee akka hin jirre shakkuun Waajjira Poolisiitti kan beeksisan yoo ta’u,osuma Poolisiin hordofaa jiruu, shakkamtoonni lamaan akkuma baran gara supermaakeetichaa deemuun bittaa raawwatan harkaaf harkatti to’atamaniiru.

    Sana boodas, poolisiin shakkamaa biraa nagahee baankii moobaayilaa sobaa qopheessaa ture to'annoo jala oolchera.

    Hojii gowwomsaa shakkamtoota kanaanis kasaaraa birrii kuma 60 ol supermarkeeticha irra ga’eera jedhame.

  6. Israa’el wixinee jalqabaa Gaazatti waraana dhaabuu mallatteessu beeksiste

    Qaamoleen dhimmichi ilaalatu hundi wixinee xumuraa waliigaltee marsaa tokkoffaa har’a ganama mallatteessuu isaanii dubbi himtuun mootummaa Israa’el BBC'f mirkaneessaniiru

    Kunis kan ta'e erga marii bal’aa Hamaasii fi Israa’el Masrii keessatti taasifameen booda.

    Dubbi himtuun mootummaa Israa’el Shosh Bedrosiyaan akka jedhanitti'' walgahiin kaabinee erga xumuramee sa’aatii 24 keessatti Gaazaatti dhukaasa dhaabuun ni jalqaba”.

    Humni Ittisaa Israa’el sarara waraanni naannoo Gaazaa tilmaamaan 53% to’achuu fi qabachuu danda’utti akka ba'us eerteetti.

    Kana hordofuun Hamaas namoota butamanii hafan gara Israa’elitti akka deebisu yeroon sa’aatii 72 keessatti ni eegamaa jechuun dubbataniiru.

  7. Mana jireenyaa Viinishiyesh Juuneritti abiddi qabate

    Gaazexaan Maarkaa jedhamu akka gabaasetti kamisa har'aa ganama mana jireenyaa Viinishiyesitti balaan abiddaa mudateera.

    Balaa kun kan mudate sababa rakkoo sarara elektirikaa irratti mudateeni jedhe.

    Gamoo mana jireenyaa taphatichaa tahe jalatti balaan kun jalqaba mudate.

    Kutaan miidhagina qaamaaf hurkaan qaama itti dhiqatan ykn Sawunaa itti galan guutummaan gubateera.

    Ittisa Balaa Maadirid irraa gareen baraartotaa lama bobba'aniiru.

    Ogeessonni kunneen abiddicha dhaamsaniiru. Miidhaan qaamaa nama irra gahe hin jiru jedhe Maarkaan.

    Arri manicha guutummaan ukkaamsee ture. Garuu nama irra miidhaan osoo hin gahiin balichi to'atamuu danda'eera.

  8. Pirezidaantiin Filisxeem waliigaltee Israa'eliifi Hamaas akka fudhatan ibsan

    Pirezidaantiin Abbaa Taayitaa Filisxeem Mahaammud Abbaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'elif Hamaas akka fudhatan ibsan.

    Waliigaltichi furmaata siyaasaa waaraa walabummaa Filisxeemiif ka'uumsa ta'uu akka danda'us abdii qaban ibsan.

    Abbaan Taayitaa Filisxeem Weest Baank kan bulchu yoo ta'u bulchiinsa Gaazaa harkaa hin qabu.

    Ergaan fuula miidiyaa hawaasaa Ministeera Dhimma Alaa Filisxeem irratti maxxanfame akka ibsutti, waliigaleen kun furmaata siyaasaa waaraa fiduuf ka'uumsa ta'uu akka danda'u Mahaammud Abbaas ibsan.

    Waliigalteen kun "bulchiinsa Israa'el Filisxeem irratti qabdu xumura itti gochuun biyya walabaa Filisxeem gara hundeessutti geessuu danda'a," jedha ibsi kun.

    MaHaammud Abbaas waliigaltichi akka milkaa'uuf deeggarsa barbaachisu hunda gochuuf qophii ta'uu ibsuun waliigalteen kun hatattamaan akka hojiitti hiikamuufi waamicha godhaniiru.

  9. Mancaatii Gaazatti qaqqabe suuraadhaan

    Lola waggaa lamaan Israaa'el Gaazaa harka caalu mancaastetti. Ragaan Ministeera Fayyaa Gaazaa akka agarsiisutti, lakkoofsi Filisxeemota du'anii 67,183 yoo ta'u kanneen keessaa 20,179 ijoolledha- lakkoofsa kana Israa'el fudhachuu battullee.

    Kanneen 460 ta'an ammoo erga waraanni kun eegalee hanqina nyaatan du'uu ibse Ministeerri Fayyaa Gaazaa.

    Karoora Nagaa Tiraamp ifa gochuu hordofee marii gaggeeffameen Israa'elifi Hamaas karooricha fudhachuun dhukaasa dhaabuf walii galaniiru.

    Lamaansaanituu waliigaltichaaf ni bitamu taanan, waraanni Gaazaa xumura argata jechuudha. Garuu Gaazaan waraana kanarraa dandamachuufi deebisanii ijaaruun yeroo dheeraa fudhata.

    Mancaatii Gaazatti qaqqabe suuran maal akka fakkaatu kanneen filanne keessaa:

  10. Qaamoleen hunduu waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa akka kabajan UN gaafate

    Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez dhaabbanni isaanii waliigalteen dhukaasa dhaabuu guutummaan akka hojiirra oolu akka deeggaru ibsuun "qaamoleen hunduu waliigalticha kabajuu qabu" jechuun waamicha dhiyeessan.

    Deeggarsi namoomaa namoota Gaazaaf akka dhiyaatufi Gaazaan deebitee akka ijaaramtuufis waamicha godhan.

    Waliigalteen kun gara nagaa waaratti akka cehu, namoonni butaman akka gadi lakkifamaniifi deeggarsi namoomaa hatattamaan Gaazaa akka seenu gaafatan Guteereez.

    "Gidiraan uummataa dhaabbachuu qaba. Qaamoleen dhimmi ilaallatu hinduu carraa kanatti fayyadamanii mala siyaasaa mirga hiree murteeffannaa uummta Filisxeem mirkaneessufi gara furmaata biyya lamaa kan nagaafi tasgabbiin waliin jiraataniitti geessu akka soqanin gaafadha," jedhan.

  11. Israa'elifi Hamaas dhukaasa dhaabuf waliigaluusaanii Doonaald Tiraamp beeksise

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp "Israa'elifi Hamaas marsaa jalqabaa Karoora Nagaa keenya mallatteessaniiru" jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti barreesse.

    Namoonni butamanii harka Hamaas jiran hunduu yeroo dhiyootti akka gadi lakkifamaniifi Israa'elis loltootashee Gaazaa baastu ibse.

    "Kana jechuun namoonni butaman hunduu yeroo dhiyootti gadi lakkifamu, Israa'elis loltootashee [Gaazadhaa] ni baasti," jechuun waliigalteen kun gara nagaa waaratti akka geessu beeksise.

    Qaamoleen lamaanuu waliigaluunsaanii Baha Giddu Galaafi biyyoota Arabaaf boqonnaa akka ta'es beeksise Tiraamp.

    "Guyyaan kun biyyoota Arabaa, Israa'elifi biyyoota naannoo sana jiran akkasumas USAdhaaf guyyaa addaati," jechuun biyyoota jaarsummaan gargaaran Masirii, Kaataariifi Tarkii gaateeffate.

    Barreeffama miidiyaa hawaasaa isaarratti maxxanse kanaan, dhumarratti "WARRI NAGAA BUUSAN HAA GAMMADAN!" jechuun yaadasaa goolabe.

  12. Mariin nagaa Israa'eliifi Hamaas 'abdii guddaa' kan qabu ta'uun ibsame

    Gorsaa itti gaafatamaa biiroo siyaasaa Hamaas Taher al-Nunu akka jedhanitti, “mariisiftoonni marii kun waliigalteen gaariii waraana kanatti xumura godhu taasisuuf itti gaafatamummaan waan barbaachisu hundaa gochuuf carraqqii taasisaa jiru.''

    Keessumaa kanneen dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuuf gufuu ta’an kamiyyuu maqsuuf tattaaffii guddaa taasisaa akka jiran eeruusaanii Anaaduuluun gabaaseera.

    Kanaanis “qilleensii abdii nama hundatti horuu qilleensa'aa jira” jechuun mariin kun abdii guddaa waraana kana xumuruuf qabu ibsan.

    Haala hanga yoonaa jiruun humnoonni Israa’el Gaazaa keessaa bahuu fi hidhamtoota wal jijjiiruu irratti kan xiyyeeffate ta'uu himan

    Akka qondaala kanaatti "Har'a, tarreen hidhamtoota gadhiifamuu qaban, akkaataa ulaagaa fi lakkoofsa waliigaltee irra ga'ameen waljijjiirameera.

    Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattah El-Sisi, marii biyyi isaanii keessummeessaa jirtu, kanaan “wantoota baay’ee nama jajjabeessan” mul'achuu himan.

    Wayita mariin kun xumuramee yoo walii galteerra ga'ame prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp akka hirmaatan affeeraniiru, Pirezidaantiin Masrii kun.

  13. Isaayyaas Jiraa Koree Farra Sanyumma FIFA ta'uun filatame

    Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa fi miseensa koree hojii raawwachiiftuu Konfedersheenii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) kan ta’an Obbo Isaayyaas Jiraa bara 2025–2029tti koree farra sanyummaa fi loogummaa ta'uun akka hojjataniif Federeeshinii Kubaa Miilaa idil-addunyaa ( FIFA'n filatamaniiru.

    Federeeshiiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa filatamuu pirezdaatichaaf gamachuu akka qabu eeruun, bara hojii isaanittis hojii milkaa’aa fi dhiibbaa uumuu danda’u akka hojjataniif haawwii garii qabu ibseera.

    Koreen farra sanyummaa tattaaffii FIFA'n addunyaa guutuutti sanyummaa fi loogii kubbaa miilaa irratti mul’atu irratti qabsaa’uf kanneen ga'ee ba'aniidha.

  14. Black hole: Iddoon saayintistoonni akkaan rifaasisaa ittiin jedhan maali?

    Black hole' kiilomeetira tiriliyoona miiliyoona 500 dachee irraa fagaata. Ulfaatinni isaa kan aduu si'a biilyoona 6.5 ta'a. Wanta guddaa fi sodaachisaa hawaa kana keessatti argamuun gita hin qabneedha jedhu saayintistoonni.

  15. Ronaaldoon taphataa kubbaa miilaa jalqabaa biliyeenera ta'e jedhame

    Akka odeeffannoon faayinaansiifi Biluumbarg irraa argaman jedhanitti, Kiristaanoo Ronaaldoo taphataa kubbaa miilaa biliyeenara ta'e jalqabaa jedhameera.

    Qabeenya callaa isaan qabanirratti hundaa'uun namoota addunyaarratti sooreyyii ta'an kan hordofu Bloomberg Billionaires Index,, external, yeroo jalqabaatiif qabeenya taphataa kubbaa miilaa lammii Poorchugaal umuriin isa waggaa 40 ta'eefi yeroo ammaa kilaba Sa'ud Arabiyaa Al-Naasir keessa taphatuu kanaa ilaaleera.

    Kan ilaalames galii hojiisaa [tapha kubbaa miilaa], investimentiiwwaniifi qabeenya bifa garagaraan argatu ilaalcha keessa galchuun yoo ta'u, qabeenyi isaa walumaagala $1.4bn (£1.04bn) tti tilmaamameera.

    Bara 2002 hanga 2023 gidduutti karaa miindaan $550m (£410m) kan argate yoo ta'u, galiin isaa biroo ammoo waggaatti Nike irraa $18m (£13.4m) kan argatu amma waggaa kudhan guute dabalatee karaa waliigalteefi ispoonsarootaas hedduu argata jedhameera.

    Ronaaldoon bara 2022 yeroo Sa'udii Pirooliigiitti makametti waggaa tokkotti miinaa £177m argachuun seenaa keessatti addunyaarratti taphataa kubbaa miilaa miindaa hunda caalaa argatu ta'eera.

    Kontiraanni isa waxabajji 2025 kan xumuramuuf ture ta'ullee, waliigaltee haaraa waggaa lamaaf turu kan ittiin $400m (£298m) argatu mallatteesseera. Kana jechuun Kiristaanoo Ronaaldoo hanga umuriin isaa waggaa 42 guututti Al-Naasir tura jechuudha.

    Taphataan sarara fuulduraa Arjentiinaa fi Inter Miyaamii Liyooneel Meesiin bara Ispeen keessa turetti waggoota dheeraaf faallaa Roonaaldoo taphachaa ture. Bara tapha isaa keessatti mindaa gibira duraa doolaara miiliyoona 600 (£447m) ol argachuu isaa Biluumbarg gabaaseera. Sunis bara 2023 irraa eegalee kaffaltii waggaa wabii qabu doolaara miiliyoona 20 (£15m) kan dabalatu yoo ta'u, kunis galii Roonaaldoo yeroo walfakkaataatti argate keessaa gara %10 ta'a.

  16. Irreecha baranaatiin Birriin Biliyoona 10tti tilmaamamu socho'eera

    Feestivaalli Irreechaa sanbata Xiqqaa Finfinneetti, Dilbata ammoo Bishooftuutti haala hoo'aan kabajamee darbe.

    Irreechi bara kana kabajame kuni qophii guddaan kan taasifame akka ture wantoota sirnicha irratti mul'atan irraa baruun ni danda'ama.

    Finfinnee fi Bishooftuun wiirtuuwwan misoomni Kooridarii bal'inaan keessatti hojjetaman ta'uun ammoo kabaja ayyaana kanaatiif haala mijataa uumeera.

    Wiirtuuwwan Irreeffannaa lamaan Hora Finfinnee fi Harsadii keessatti hojiin miidhaginaa hojjetames bareedina Irreecha baranaatiif gumaacheera.

  17. Soddaa fi gorsaan Tiruump Marii nagaa Gaazaa irratti hirmaataa jiru Jaared Kushner eenyu?

    Jaared Kushner invastara Ameerikaa hojii riilistaatii irratti wagootaaf hojjataa turee fi gorsaa siyaasati. Kushner irra calaa kan beekame erga Doonald Tiraamp gara aangootti dhufee yoo ta'u, bara 2009 tti intala Tiraamp Ivaankaa Tiraamp waliin gaa'ila dhaabbatan. Daa'imman sadiis godhataniiru.

    Bara 2017 yeroo jalqabaaf Tiraamp pirezidaantii ta’an Kushner Waayit Haawus keessatti gorsaa olaanaa ta'ee hojjataaa ture.

    Yeroo sanatti Tiraamp seera Ameerikaa qondaaltonni mootummaa fira isaanii taa'yitaa mootummaa olaanaaf muuduu dhorku darbuu kan jedhuun qeeqni fi himanni hedduu irratti ka'aa ture.

    Kushner dhimmoota biroo akka nagaaf tasgabbii Baha Giddu-galeessaa, haaromsa haqaa fi yeroo weerara Koovid koree deebii hatattamaa kennuu ta'ee hojjateera. Baha Giddu-galeessaa keessatti, keessumaa waliigalteewwan fi hariiroon Israa’elii fi biyyoota Arabaa adda addaa gidduu jiru akka furamuuf haalaa miijessaa ture.

    Hojii siyaasaa isaatiin dura hojii gaggeessaa olaanaa kaampaani Kushner yoo ta'u, gaazexaa New York Observer jedhu kan qaban turan. Hojiisaa Waayit Haawus boodas dhaabbata invastimantii Affinity Partners jedhamu kan jalqabe yoo ta’u, daldala addunyaa fi dippilomaasiirratti sochii guddaa taasisaa tureera.

    Wayita filannoo Tiraampitti, Kushner dantaa dhunfaatiif imaammataa bulchiinsa Tiraamp leellisa jedhamuun qeeqamaa ture.

    Amma Baha Giddu-galeessaa akka Sa'udii Arabiyaa, Qaaxaar fi Gamtaa Immireetoota Arabaa keessatti hojii investimentii guddaa hojjataa kan jiru yoo ta'u, jila Ameerikaa marii araaraa Israa'elii fi Hamaas giddutti taasifamu jaarsummaaf Masritti argaman keessaa tokkodha.

  18. Gatiin warqii waqeeti tokko gabaa addunyaarratti doolaara 4000 gahe

    Gatiin warqii gabaa addunyaa irratti rikardii haaraa irra gahe. Gatiin waqeeta tokkoo ykn giraama 30 doolaara 4000 caale.

    Raafama siyaasa addunyaa fi kufaatii dinagdee waan sodaataniif invastaroonni hedduu qabeenya isaanii bifa warqiin kaa'uuf jecha bitaa jiru.

    Erga bara 1970 as gatiin warqii akkas qaalii tahee hin beeku. Erga ji'a Eeblaa keessa pirezidaantiin Ameerikaa, Doonaald Tiraamp biyyoota adda addaa irratti taarifa haaraa dabarsee gatiin warqee dachaa sadiin dabaleera.

    Yaaddoon invastarootaa biraan ammoo waajjiraaleen mootummaa Ameerikaa cufamuun torban lamaffaa qabachuun isaa ragaalee dinagdee qabatamaa dhabuu isaaniiti jedhu xiinxaltoonni.

    Warqiin invastimantii wabii qabu jedhamee amanama. Gatii isaa ni deebisa ykn bu'aa guddaa qaba. Kun yeroo raafamni dinagdee fi gabaa uumamu keessa bu'aa olaanaa qaba.

  19. Badhaasni Noobeelii Keemistiriin meeshaalee haaraa pilaaneetii gargaaruu danda'anirratti hojjetameef kenname

    Badhaasni Noobeelii Keemistiriin Susumuu Kitagawaa, Richaard Roobson, fi Omaar M Yaghii hojii sibiilota-orgaanikii fireemwoorkis irratti hojjetaniif badhaafaman.

    Hojiin saayintistoota sadanii kun jijjiirama qilleensaa furuu gargaaruuf Kaarboon Daayi'oksaayidii qabachuu fi faalama pilaastikii Keemistirii fayyadamuun hir'isuu dabalatee rakkoolee gurguddoo pilaaneetii keenyarra jiran tokko tokko furuu danda'a.

    Piroofeesar Susumuu Kitaagaawaan erga oduun kun itti himamee booda bilbilaan ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, ''kabaja guddaa fi gammachuuti natti dhaga'ama, baay'een galatoomaa,'' jedhan.

    Qorattoonni injifatan sadan badhaas maallaqa Siwiidin miiliyoona 11 (£872,000) ni qooddatu.

    Hojiin saayintistootaa akkaataa molokkiyuulonni walitti ijaaramanii caasaa - ykn sibiilota-orgaanikii fireemwoorkii (MOFs) ta'uu danda'a. Koreen Noobeelii "molecular architecture" jedheera.

    Namoonni kun akkaataa ijaarsa molokkiyuulota gidduutti bakka guddaa qabu, kan gaazotaafi keemikaalonni biroo keessa yaa'uu danda'an ijaaran irratti hojjetaniiru.

    "Kutaawwan" kunniin keemikaalota ilmaan namootaa ofirraa baasuu barbaadan, kanneen akka kaarboon daayi'oksaayidii qilleensa keessa jiru ykn keemikaalota bara baraa jedhaman, PFAS jedhamuunis beekaman dabalatee, qabachuu fi kuusuu ni danda'u.

    Saayintistoonni kun caasaa kanarratti of danda’anii hojjechuu kan jalqaban bara 1970 fi 1980 keessa.

  20. Badhaasawwan Noobeelii falmisiisoo kana dura kennaman jaha

    Bara kana Badhaasa Noobeelii Nagaa namni injifatu Onkoloolessa 10 Oslootti beeksifamuuf jedha.

    Badhaasa kana Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp ni injifata kan jedhu heddu irraa odeeffamaa jira. Tiraampis addunyaarratti waraana torba dhaabsisee akka jiru irra deddeebiin dubbata.

    Ministiirri Muummee Israa'eel Beeniyaamiin Netaaniyuu badhaasi kun Tiraampif akka malu kaadhimuu isaa ibsee ture.

    Ji'a Waxabajjii keessa Paakistaanis Tiraamp Badhaasa Noobeelii akka argatuuf akka kaadhimtu beeksiftee turte. Sababni ammoo waraana cimaa guyyoota muraasaaf Paakistaanifi Hindii gidduutti gaggeeffame akka dhaabatu gochuusaafi.

    Haa ta'u garuu Tiraamp buufataalee nikularaa Iraan haleeluusaatiin badhaasi kun isaaf mala kan jedhurratti komiin ka'ee ture.