Xiyyaaronni waraanaa ammallee marsaa jiru’: Haadha Gaazaa waliigaltee dhukaasa dhaabuurratti
Amaal Albadlaa haadha Gaazaa keessatti argamtu yoo taatu ilmishee quxisuun Onkoloolessa 7 dhalate.
Ganama har'aa oduu waliigaltee dhukaasa haraa kanaarratti deebii jalqabaa kenniteetti.
Kibba Gaazaa Mawasii Al Qarararraa yeroo nutti dubbatte akkas jetti: “Dhumarratti kana jechuu kooyyu amanuu hin danda’u, waggaa lamaaf beela, badiisaafi kasaaraa dhuma hin qabne booda waraanni kun xumurameera.”
“Dhumarratti ilmaan kootti himuu nan danda’a: amma nagaa qabdu.”
Garuu deebiishee jalqabaa erga nuuf ergitee sa'aatii muraasa booda waan haraanuuf ergiteetti.
“Xiyyaaronni waraanaa ammallee mataa keenyarra balali’aa jiru, dhugumatti baay’ee sodaadheera,” jetti.
Akkuma gabaasaa turre, haleellaan Israa'el Gaazaa keessatti itti fufee jira, sababiin isaas kaabineen Israa'el waliigaltee kana mirkaneessuuf sagalee hin kennine.