Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste

Humni Waraanaa Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeesseen komaandara humna Hamaas Jabaaliyaa Bataaliyoon jedhamuu kan ta'e Yaahyaa al-Mabhouh dabalatee miseensonnisaa jaha ajjeefaman.

Guduunfaa

  • Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen 'komaandara' Hamaas dabalatee namoota jaha ajjeeste
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa cimaa eegaluu beeksifte
  • Guutummaa UStti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman mormii farra Tiraamp 'No Kings' jedhutti makaman
  • 'Israa'el Gaazaatti haleellaa qileensarraa gaggeessite'
  • Israa'el Gaazaatti haleellaa atoobisiirratti raawwatteen namoonni 11 ajjeefaman
  • Sirni awwaalcha Raayilaa Odingaa gaggeeffamaa jira
  • Maanguddoon Oromoo TikTok irratti qoosaa dhiyeessaniin jaalala horatan maal jedhu?
  • Lammiin Ameerikaa balleessaa malee waggaa 40'f hidhame biyyaa arii'atamuuf
  • Zeleniskiin misaa'ela Tomahawik barbaacha waashingitan deemus harka qullaa deebi'e
  • Lammiileen Raashiyaa waayee marii nagaa Tiraampiifi Putiin maal jedhu?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namootni butaman 20 lubbuun jiran hunduu Israa'eliif deebifaman -IDF

    Namoonni Hamaasiin butamanii turan kanneen lubbuun jiran 20 hundi amma deebifamuusaanii waraanni Israa’el mirkaneessera.

    Namoonni booji’aman kunneen haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwatameen kibba Israa’el keessatti Hamaasiin kan butaman yoo ta’u, isaan keessaa obbolaa lamaan Ziiv fi Galii Bermaan kan ganama har’aa Gaazaatti suuraa waliin kaafaman ni argamu.

  2. Tiraamp paarlaamaa Israa'elirratti haasaa taasisuuf, maatii booji'amtootaa daawwachuuf

    Erga Tel Aviiv gahee doonaald Tiraamp kallattiin gara Yerusaalemitti qajeeluun paarlaamaa Israa'el irratti haasaa taasisuuf jira.

    Maatii Israa'eloota namoonni jalaa butamees ni daawwata jedhamee eegama.

    Isaan booda, kora nagaa Gaazaarratti argamuuf gara Masirii, Shaarm el-Sheekitti imaluun Ministira Muummee UK dabalatee bakka hoggantoonni biyyoota 20 argamanitti makama.

  3. Raashiyaan waraana yoo itti fufte Yukireenif Tomahawak ni ergina- Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Dilbata kaleessa akka jedhanitti, pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waraana Yukireen keessatti geggeeffamaa jiru yoo hin xumurre, misaa'ela fageenya dheeraa Tomahawk kan Kiiv itti fayyadamuu dandeessu dhiyeessuu akka danda'an himaniiru.

    Tiraamp xiyyaara 'Air Force One' keessatti gaazexeessitoota waliin gaaffii fi deebii taasisaniin waa'ee carraa misaa'ela fageenya dheeraa Tomahawak gara Yukireen erguu yeroo gaafatamanitti, "ni ilaalla... nan danda'a" jechuun deebii kennaniiru.

    Kunis kan ta'e erga Tiraamp fi prezidaantiin Yukireen Volodymiir Zelenskii Sambataa fi Dilbata bilbilaan haasa'aniin booda yoo ta'u, isaanis dandeettii waraanaa guddisuun Raashiyaa irratti haleellaa cimsuuf ta'uun ibsameera.

    Moskoo kanaan dura Waashingitan misaa'ela fageenya dheeraa Kiiviif akka hin dhiyeessine akeekkachiisuun waldhabdeen kun haalaan akka hammaatu fi hariiroo Ameerikaa fi Raashiyaa akka balleessu akeekkachiiftee turte.

    Misaa'eloonni Tomahawak fageenya km 2,500 (maayilii 1,500) kan qaban yoo ta'u, kunis Yukireen Moskoo haleeluu akka dandeessu taasisa.

  4. Tiraamp Gaazaa daawwachuun barbaada jedhe

    Tiraamp osoo Israa'el hin ga'iin dura yaada kenneera.

    Yeroo Israa'el gahu Gaazaa deemtee daawwattaa jedhamee gaafatamee, osoo xiyyaara isaa Air Force One irra jiruu, osoon godhee "ittin boona" jedhe.

    "Osoon hin daawwatiiniyyu nan beeka," jedhe. "Kana gochuu nan fedha, yoo xiqqaate miila kiyyaan achi keessa nan ejjedha."

    Kun garuu waggoota kudhan itti aanan keessa waan raajii ta'ee itti fufa jedheen yaada. Gara malee ariifattee yoo deemte, waan gaarii hin ta'u. Saffisa sirrii ta'een deemuu qabda, gara malee saffisa guddaatiin deemuu hin dandeessu."

  5. Fannoon Diimaa magaalaa Gaazaa keessa namoota gadidhiifamn qabatee yeroo deemu

    Fannoon Diimaa magaalaa Gaazaa keessa namoota gadi dhiifaman qabatee yeroo deemu, daawwadhaa!

  6. Isaraa'eloota butaman keessaa torba yeroo deebiyan

    Isaraa'eloota butaman keessaa torba yeroo deebiyanitti ummanni addabaabaayii Tel aviivitti bahee akkasiin simateera.

    Miira ture viidiyaa kanarraa daawwadhaa.

  7. Imimman gammachuu

    Israa'eloota Hamaas bute yeroo gadhiifamaa jiranitti miirri namootaa Tel Aviiv keessatti mul'atu addadha.

    Suuraan daawwadhaa.

  8. Israa’el namoota butaman keessaa torba deebiyuufi mirkaneessite

    Akka odeeffannoo Fannoo Diimaa irraa argameetti namoonni butamanii turan torba harka isaa gahanii gara IDF fi humnoota Israa'el Gaaza Istriip jiruu geeffamaa jiru. IDF namoota butaman biroo Fannoo Diimaatti kennaman eegaa jira.

    Hamaas namoota butaman jalqabaa torba Fannoo Diimaatti dabarsee kennuu beeksiseera.

    Maqaan namoota Hamaas gadhiisee kunooti:

    Eyiten Moor

    Gaalii Bermaan

    Ziv Berman

    Maataan Angirest

    Ormii Miiraan

    Aroon Ehaal

    Gaay Gilboo Dalaal

  9. Gaazaatti humnoota Hamaas fi gosoota hidhatan gidduutti walitti bu'iinsi uumame

    Magaalaa Gaazaa keessatti walitti bu’iinsa cimaa humnoota Hamaas fi namoota gosa Dugmush hidhatan gidduutti uumameen yoo xiqqaate namoonni 27 ajjeefaman.

    Kunis erga duula gurguddaan Israa’el naannicha keessatti raawwatame xumuramee booda walitti bu’iinsa cimaa biyya keessaatti uumame keessaa isa tokkodha.

    Miseensonni Hamaas haguuggii fuulaa uffatan hidhattoota waliin naannoo hospitaala magaalaa Joordaan tokkotti dhukaasa walitti banuu namootni ijaan argan himaniiru.

    Qondaalli olaanaa ministeera biyya keessaa Hamaasiin hoogganamu tokko akka jedhanitti, kutaalee sochiin walitti bu'iinsa jiru marsanii to’annaa jala oolchuuf lola cimaa irratti bobba'uu himan.

    Ministeerichi miseensonni isaa keessaa saddeet ''haleellaa hidhattootaan'' ajjeefamaniiru jedheera.

    Maddeen yaalaa akka jedhanitti, erga lolli Dilbata darbe jalqabee miseensonni gosa Dugmush 19 fi loltootni Hamaas saddeet ajjeefamaniiru.

  10. Yaadannoo Netaaniyaahuun namoota gadhiifamaniif barreessan

    Yaadannoo harkaan barreeffame Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi haadha warraasaa Saaraa Netaaniyaahuu namoota gadhiifaman kanaaf waantota akka kenntti dhiyaatuuf keessaa isa tokkoodha.

    "Maqaa ummata Israa'el guutuutiin baga nagaan dhuftan!," jedha yaadannoo kana irratti.

    "Sin eegaa turre, harka bal'isnee isin simanna. Saaraa fi Beeniyaamin Netaaniyaahuu."

    Kennaan walitti qabame kana keessa uffata, laptop, bilbila harkaa fi taableetiis of keessaa qaba.

  11. 'Masriin nageenya bishaanshee eeguuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e ni fudhatti' - Pireezidaant Al-Siisii

    Pireezidaantiin Masrii Abdel Fattaah Al-Siisii ​​akka jedhanitti, biyyisaanii Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa laga Abbayyaarratti ijaaramee fi eebbifame ilaalchisee, dantaa biyyaalessaa fi nageenya bishaaniishee eegsisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e hunda ni fudhatti.

    Pireezidaantichi biyyisaanii Itiyoophiyaan Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa bulchuuf adeemsa "ittigaafatamummaa hin qabne" yoo raawwattu "harka marattee teessee hin ilaaltuu jedhan jechuun kan gabaasa Ahram Online.

    Al-Sisiin ergaa viidiyoo torbee bishaanii 8ffaa magaalaa Kaayirootti gaggeeffamerratti dabarsaniin, Masriin dippilomaasii fi dhaabbilee idil-addunyaa, "keessumaa Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii" irratti amantaa qabaachuun ishee akka dadhabinaatti ilaalamuu hin qabu jedhan.

    Masriin Hidhi Haaromsa bishaan laga Abbayyaa irraa argamu ni hir'isa jechuun cimsitee mormtee kan turte yoo ta'u, Pireezdaantichi haasawa Dilbata Onkoloolessa 12, 2025 taasisaniin lolaa torbeewwan darban keessa Sudaan keessatti mudateef Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa komataniiru.

    ''Itoophiyaan Hidha kana haala gaarii hin taaneen bulchaa jirti, kunis guyyoota darban keessa yaa'a bishaanii wal hin qixxaanneen biyyoota yaa'a gadii lamaan keessatti miidhaa geessiseera,'' jedhan.

  12. 'Guyyaan isaa har'a': Sagalee Addabaabaayii Namoota Butamaniirra dhufaa jiru

    Gabaastuun BBC Tel Aviiv irraa dubartii namoota butaman eegaa jiran keessaa tokko taate Diinaa Chester- Firiimaanitti dubbachaa jirti.

    Alaabaa Israa'el qabattee addabaabaayiirra teessee jirti. Boo'aa guyyaan har'aa maal akka ta'e natti dubbatte.

    "Ummanni koo akka qe'eetti deebiyaniif yeroo dheeraaf abdachaan ture, jette.

    Dubartiin kun ofiin Awustiraaliyaa jiraatti garuu Israa'el keessaa maatii qabdi waan ta'eef osoo Tiraamp Israa'el hin qaqqabiin guyyaa tokko dursitee dhufte.

    Dubartiin kun namoota butaman keessaa nama beektu tokkollee hi qabdu garuu "warri butaman hunduu akkuma maatiikootti natti dhaga'amu" jetti.

    Namni dubartii kana cinaa taa'u tokko akkas jedhe:"Dubbichi akkasuma. Guyyana isaa har'a"

  13. Israa'eloonni gadhiifamuu namoota butamanii eegaa jiru, Tiraamp ammoo Gaazaatti 'waraanni xumurameera' jedhe

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp namoota butamanii Gaazaa jiran gadhiisisuuf gara Israa'elitti wayita imalaa jiranitti, Gaazaatti 'waraanni xumurameera' jedhan.

    Israa'eloota butamanii jiran 48 keessaa lubbuun jiru jedhamee kanneen amanaman 20 deebisuun akka sa'aatii bakka sanaatti 08:00 irratti Gaazaatti jalqabama jedhamee eegama.

    Onkoloolessa 7, 20023 haleellaa banee namoota butee kan fudhate Hamaas, tarreeffama namoota gadhiisuu baaseera.

    Ummanni Israa'el ammoo oduu namoonni butaman kun ni gadhiifamu jedhu hordofee Tel Aviivitti walitti qabameera.

    "Har'a Israa'eloonni hundinuu walumaan jiru," jedhe namnti tokko kan achi keessatti argamu

    Namoonni butaman yoo gadhiifamaniif, Isra'el ammoo bakka isaa Filisxeemota hidhaa jiran 250 fi kanneen qabdee jirtu 1,700 ni gadhiisiif.

  14. Tiraamp daawwannaa Baha Giddu-galeessaaf yeroo qophaa’utti Israa’el namoonni butaman Wixata ganama akka gadhiifaman eegaa jirti.

    Israa’el Hamaas namoota jalaa bute lubbuun jiran 20 hunda Wixata ganama akka gadhiisu eegaa jirti.

    Reeffi namoota butamanii du’anii saanduqa keessa kaa’amee gara dhaabbata fooransikii fidamee adda baafamuu dubbi-himaan mootummaa Israa’el himeera.

    Haala waliigaltee dhukaasa dhaabuun - kan Jimaata darbe hojiirra oole - Hamaas namoota Israa'elii butee fudhate hunda deebisuuf hanga sa'aatii 12:00tti yeroon qabameeraaf. Kun akkamitti akka ta'us eegamaa jira.

    Bakka namoota butaman gadhiifamanii ammo Israa’el hidhamtoota Filisxeem 250 fi daa’imman kudhanii ol ta’an dabalatee kanneen 1,700 ta’an Gaazaadhaa qabaman bilisa baafti.

  15. Viidiyoon dirooniin waraabame Gaazaa barbadaa’e achii gadi yeroo agarsiisutti: Daawwadhaa

    Viidiyoon dirooniin waraabame Gaazaa barbadaa’e achii gadi yeroo agarsiisutti: Daawwadhaa

  16. Filisxeemonni gargaarsa fudhachuuf yeroo konkolaatarra ba'an

    Daawwadhaa: Filisxeemonni gargaarsa fudhachuuf yeroo konkolaatarra ba'an.

  17. Ummanni nagaa Gaazaatti bu’ee namoonni butaman akka gadhiifaman murtaa’etti gammaduun yeroo daandiitti ba'anii Tiraampiin galateeffatan

    Ummanni nagaa Gaazaatti bu’ee namoonni butaman akka gadhiifaman murtaa’etti gammaduun yeroo daandiitti ba'anii Tiraampiin galateeffatanitti;

    Daawwadhaa!

  18. Konkolaataan yeroo gargaarsa fe’ee Gaazaa seenaa jirutti

    Konkolaataan yeroo gargaarsa fe’ee Gaazaa seenaa jirutti.

    Daawwadhaa!

  19. Hamaas hidhamtoonni beekamoo akka gadhiifamaniif dhiibbaa gochaa yeroo jirutti konkolaataawwan gargaarsaa Gaazaa seenan

    Hamaas ammallee Filisxeemota bebbeekamoo Israa’el hiitee jirtu keessaa torba akka hiikaman dhiibbaa gochaa jiraachuu qondaalli dhimma marii kanaa keessa beeku BBC'tti hime.

    Israa’el isaan keessaa lamaan isaaniillee gadhiisuuf yoo waliigalte Hamaas har’a Israa’eloota bute akka gadhiisu eegamman guyyaa tokko dursee akka deebisu dubbate.

    Hamaas humnoota nageenyaa isaa gara 7,000 ta'an irra deebi'ee bobbaasuun naannoowwan Gaazaa dhiheenya kana humnoota Israa'eliin baafaman to'achuu isaa maddeen ibsaniiru.

    Gareen kun ajajoota haaraa muuxannoo waraanaa qaban shanis muudeera. Isaan keessaa gariin isaanii kanaan dura kutaa hidhannoo garichaa keessatti birgeedii hoogganaa turan.

  20. Israa'el Kibba Libaanositti haleellaa gaggeessite

    Humni Waraanaa Israa'el Kibba Libaanositti haleellaa qilleensarraa gaggeessuu beeksise.

    Halleen kun buufataalee hidhattoota Hezboolaa irratti xiyyeeffachuus ibse.

    "Halkan edaa Humni Waraanaa Israa'el (IDF) haleellaa qilleensarraa gaggeessuun buufataalee shororkeessaa Hezbolaa mancaasera," jedha ibsi waraanni Israa'el baase.

    Dabaluunis, "bakki haleellaan itti gaggeeffame maashinoota injinaringii Hezbollaan deebisee haressuuf yaaledha" jechuun garichi waliigaltee Israa'elifi Libaanos gidduutti mallattaa'e cabsuun deebisee of gurmeessuuf yaaluuf osoo jedhuu haleellan gaggeeffamuu beeksise.

    Miidiyaaleen Libaanos akka gabaasanitti, haleellaa Israa'el kibba biyyattii bakka al-Masayleeh jedhamutti gaggeessiteen namni tokko du'eera.